Dubara'a

Wikipedia irraa
Gubbaa mirgaa irraa gara sa’aatii: Amoeba proteus, Actinophrys sol, Acanthamoeba sp. , Niwukilariyaa teermoofiilaa . , Euglypha acanthophora, baakteeriyaa niwutiroofiilii liqimsu.

Ameebaan ykn Dubara'ani micirjiree seel-qeenxee boca murtaa’e hin qabne dha. Dubara'ani Durneefka(pirootozuwaa) yoo ta’u;mootummaa pirotiistaa jalatti ramadama. Dubara'ani caasaalee sabaga lubbiyyoo, kalloo areeroo,buufanye soorataa, buufanye kottoonfataa,wirmaata fi miil-soboo qaba.Ameebaan hedduun jireenya walaba ta’e kan gaggeessan yoo ta’u, bidoollee bishaanawoo kan akka bishaan haroo, lagaa, boollaa fi kuufama bishaanii keessa jiraatu. Ameebaan muraasni immoo maxxantummaan qaama keessummeessitootaa keessa jiraatu.Ameebaan yommuu sochii taasisu kalloo areeroo gara alaatti dhiibuun sabaga lubbiyyoo diriirsuun kallaattii hundaan socho’uu danda’a.

Soorannaa[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Caasaaleen sabaga lubbiyyoo irraa mucha fakkaatan miil-soboo jedhamu. Miil-soboon sochii kallattii hundaaf kan fayyadudha. Yommuu kalloo areeroo fi miil-soboon socho’an ameebaan sochii taasisa.Ameebaan nyaata jajjaboo gara keessatti fudhachuuf miil-soboo fayyadama. Adeemsi soorata jajjaboo liqimsuu luqumsuu(phagocytosis) jedhama. Gara nyaataattiyommuu dhiyaatu, ameebaan miil-soboo dheereffachuun nyaata liqimsa. Nyaannibuufanye soorataa keessatti kuufama. Inzaayimoonni(nam'oonni) adeemsa bullaa’iinsaa soorataa keessatti qooda fudhatan kalloo areeroo keessaa gara buufanye soorataatti yaa’u.Nyaanni nam'oota bullaa’e gara kalloo areeroo geejjibama. Kan osoo hinbullaa’iin hafe immoo buufanye nyaataa keessaa gara alaatti akka ba’u taasifama

Walhormaata[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Ameebaan mala wal-hormaata saal-malee fayyadamuun wal-horu. Ameebaan adeemsa addaan bahiinsa wal-qixa lubbiyyoo bakka lamaa gaggeessuun lubbiyyoowwan haaraa lama uumu. Yommuu haalli mijaawwaa ta’u, lubbiyyoon ameebaa tokko bakka wal-qixa lamatti addaan hirama. Ameebaan marsaa jireenyaa lama keessa darba.Marsaan inni tokko haala mijaawwaa keessatti adeemsa jireenyaaf ta’an gaggeessuu yoo ta’u, inni lammaffaan yommuu haalli mijaawwaa hin taane dhandhalcha uumuu dha. Kanaafuu, haala mijaawwaa keeesatti adeemsa wal-hormaataa gaggeessu

Neefkoshee:sadarkaa marsaa jireenya ameebaa keessatti argamu yoo ta’u,si’ataa fi sochii kan taasisudha.

Dhandhalcha:Caasaa yabbuu lubbiyyoo ameebaa haguugu dha. Caasaan kun yeroo haalli naannoo hin mijoofne kan uumamudha