Xin-sochi

Wikipedia irraa
Kitaaba Niwutan bara 1687 barreesse keessatti seerri isaa inni jalqabaa fi inni lammaffaan afaan Laatiiniin mul’ateera.

Xin-sochii(Makaaniksiin) damee saayinsii yoo ta’u, wantootni humna ykn harkisa lafaa yeroo isaan mudatan ykn yeroo bakka tokko irraa gara iddoo biraatti socho’an naannoo isaanii akkamitti akka jijjiiran qoratudha. Dirreen qo’annoo kun barnoota uumamaaf bu’uura waan ta’eef bara durii kaasee qoratamaa ture. Har’a dirreen kun beekumsa bilchaataa waggoota darban keessatti kuufate irraa kan ka’e damee qo’annoo hedduu kan hammatedha. Haa ta’u malee, dirree sochii, kan amala wantoota guyyaa guyyaan nu mudatan ibsu, Isaac Newton, nama Ingilizii jaarraa 16ffaa keessa tureen akka gaariitti gabaabsee ture. Isaac Newton ofii isaatii seera kana argachuu baatus, ramaduu fi akkaataa isaan itti hojjetan haala sagalee hin fudhanneen agarsiisuudhaan akka gaariitti adda baaseera. Seerotni sochii 3n yeroo baay’ee Seerota Niwutan jedhamuun beekaman:

Seerota sochii
Seera sochii 1ffaa Wanti (maatiriin) kamiyyuu saffisa amma jiruun.(Dandii sirrii) hanga anniisaan ykn humni tokkollee itti hin hojjetamnetti itti fufa -- wanti dhaabbataa ta'ee fi dandii qajeelaa irratti saffisa walfakkaatuun sekondii tokkotti meetira 10 imalu.
Seera sochii lammaffaa Wanti (maatiriin) kamiyyuu humna hin jeeqamne yoo qabaate kallattii anniisaa irra bu’een ni saffisiisa. guula g/(a) (Acceleration) kun yoo Hanga wanta m gadi lakkifame xiqqaadha, yoo ulfaatinni xiqqaa ta’e immoo baay’ee ta’a, garuu anniisaan yoo baay’ate baay’ee yoo ta’e anniisaan xiqqaa ta’e ni ta’a gad bu'aa. Kana foormulaa herregaatiin yeroo barreessinu F = M X G
Seera sochii sadaffaa Wantoonni lama yeroo wal tuqan humnoonni walirratti raawwataman guddinaan walqixa ta’us kallattiin faallaadha.