Jump to content

Shararrisaa

Wikipedia irraa
Konkolaattota gosa adda addaa hedduu kanneen akka gaarii, tiraamii, baabura, konkolaataa, biskileetii, baaloon, xiyyaara, doonii, doonii qilleensaa fi yaatii dabalatee.
Konkolaataan gosa Shararrisaati.

Shararrisaan maashinii, meeshaa, ykn sirna namaa fi wantoota bakka tokko irraa gara isa kaaniitti sochoosuuf tajaajiludha. Shararrisaan lubbuun hin jiru. Fardi namaa fi wantoota sochoosuu danda'a, garuu akka meeshaa qofatti yoo ilaalamu malee, bineensa, maashinii ykn shararrisaa ammayyaa miti. Yaad-rimeen shararrisaa jireenya dhala namaa keessatti bu'uura; daldala, wal-qunnamtii, guddina dinagdee, fi babal'ina aadaa fi siyaasaatiif lafee dugdaati. Guddinni shararrisaa guddina siyaadata ilma namaa wajjin kallattiin hidhata.

Hiikni "shararrisaa" jedhu meeshaa biskileetii salphaa irraa kaasee hanga ispees-raftii (spacecraft) walxaxaa hawaa keessa deemuutti kan hammatudha. Kaayyoon isaa inni guddaan fageenya gabaabsuu, yeroo qusachuu, fi wantoota humna namaatiin socho'uu hin dandeenye geejjibuudha. Garaagarummaan shararrisootaa kan uumamu naannoo isaan itti socho'an (lafa, bishaan, qilleensa), madda anniisaa isaan fayyadaman (humna namaa, motora, elektirikii), fi tajaajila isaan kennan (fe'umsa namaa, mi'aa) irratti hundaa'a.

Seenaa Guddina Shararrisaa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Seenaan shararrisaa seenaa dhala namaa wajjin kan deemu yoo ta'u, fedhii socho'uu fi naannoo ofii sakatta'uu irraa madde.

Ka'umsa Durii: Miilaa fi Beelada

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Shararrisaan jalqabaa fi uumamaa miila ilma namaati. Waggoota kumaatamaaf, namoonni godaansa, adamsaa, fi wal-qunnamtiif miila isaaniitti fayyadamaa turan. Booda, beeladoota madaqsuun jijjiirama guddaa fide. Fardi, gaalli, harreen, fi sangaan fe'umsa ulfaataa baachuuf fi fageenya dheeraa deemuu dandeessisuun, daldalli fi walitti dhufeenyi hawaasotaa akka cimu taasise. Meeshaaleen akka shirgiggaattuu(sledge) cabbii fi lafa cirracha'aa irratti wantoota harkisuuf tajaajiluu eegalan.

Warraaqsa golollee(The Wheel)

[gulaali | lakkaddaa gulaali]
Gaarii waraanaa Sumeeriyaanonni fayyadamaa turan, fakkeenya fayyadama gololleeisa durii.

Kalaqni golollee(wheel) naannoo 3,500 Dh.K.D. dura Meesoppottaamiyaa keessatti uumamuun, seenaa shararrisaa keessatti warraaqsa guddaa fide. gololleen jalqaba suphee-dhooftuuf (potter's wheel) kan oole yoo ta'u, booda gaarii fe'umsaaf tajaajiluu eegale. Gaariiwwan golollee qaban fe'umsa lafarraa baayyee salphisanii fi saffisiisan. qaroominaaleen akka Roomaa daandiiwwan ciccimoo ijaaruun, gaariiwwan kunniin impeericha keessa akka socho'an mijeessuun, daldala, waraana, fi bulchiinsaaf haala gaarii uuman.

Shararrisaa Bishaanirraa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]
File:Oseberg ship.jpg
Doonii Vaayikiing (Oseberg ship), fakkeenya doonii sharaa kan fageenya dheeraa deemtu.

Bishaan fageenya dheeraa deemuu fi fe'umsa guddaa baachuuf karaa salphaa ture. Bidiruuwwan (boats) jalqabaa kanneen muka ciccitaa walitti hidhuun hojjetaman (rafts) fi jirma mukaatii hojjetaman (dugout canoes) turan. qaroominaaleen durii kan akka Ijiiptii, Foonishiyaan, fi Giriikii doonii sharaa (sailing ships) gurguddoo ijaaruun galaana Meditiraaniyaanii fi Galaana Diimaa irra daldalaa turan. Dooniiwwan kunniin humna qilleensaa fayyadamuun, daldalli fi wal-jijjiirraan aadaa qarqara galaanaa gidduutti akka dagaagu godhan.

Warraaqsa Industirii fi Motora Hurkaa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Jaarraa 18ffaa keessatti, kalaqni motora hurkaa (steam engine) Warraaqsa Industirii fiduun, shararrisa irratti jijjiirama guddaa uume. Dooniiwwan hurkaan hojjetan (steamboats) humna qilleensaa irratti hirkachuu hambisuun, deeminsi lagaa fi galaanaa caalaatti amansiisaa fi saffisaa akka ta'u godhan. Argannoon guddaan garuu baabura hurkaa (steam locomotive) ture. Baaburri daandii sibiilaa irra deemuun, fe'umsa ulfaataa hamma guddaan, saffisaan, fi gatii rakasaan fageenya dheeraa geessuu danda'e. Kunis dinagdee industirii guddisuu, magaalaawwan wal-qunnamsiisuu, fi godaansa ummataa saffisiisuun addunyaa jijjiire.

Jaarraa 20ffaa: Motora Gubaa Keessoo fi Balali'uu

[gulaali | lakkaddaa gulaali]
Xiyyaara Obbolaa Raayit, balaliiyaa motoraan hojjetu isa jalqabaa milkaa'e.

Kalaqni motora gubaa keessoo (internal combustion engine) dhuma jaarraa 19ffaa keessatti, kan boba'aa (petrol) fayyadamu, dhaloota konkolaataa (automobile) fiduun shararrisa dhuunfaa warraaqse. Oomishtoonni akka Karl Benz fi Henry Ford konkolaataa oomishuu jalqaban. Keessattuu, moodeelli "Ford Model T" kan Henry Ford oomishe, gatii rakasaan ummata bal'aaf dhihaachuun, konkolaataan meeshaa jireenya guyyuu akka ta'u taasise.

Gama biraatiin, bara 1903, Obbolaan Raayit (Wright brothers) balalii motoraan deeggarame isa jalqabaa milkeessuun, seenaa xiyyaaraa (airplane) jalqaban. Teeknooloojiin xiyyaaraa waraana addunyaa lamaan keessatti saffisaan guddate. Waraana booda, xiyyaarri imaltootaa babal'achuun, fageenya ardiiwwan gidduu jiru gabaabsee, addunyaa gara "ganda tokkoo"tti fiduu keessatti gahee guddaa taphate.

Bara Hawaa fi Dijitaalaa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Bara 1957, Gamtaan Sooviyeetii saatelaayitii jalqabaa, Sputnik 1, gara hawaatti erguun Bara Hawaa (Space Age) eegalchiifte. Kana hordofee, Ameerikaan bara 1969 nama gara ji'aatti erguun seenaa hojjete. Har'a, doonii-hawaa(spacecrafts), rookeettonni, fi saatelaayitoonni qorannoo hawaa, wal-qunnamtii (GPS, TV), fi qo'annoo qilleensaatiif oolu. Dhiheenya kana, dhaabbatonni dhuunfaa akka SpaceX immoo turizimii hawaa fi deemisa gara pilaaneetota birootti dhugoomsuuf hojjechaa jiru.

Gosa Shararrisaa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Shararrisoonni akka naannoo itti socho'anitti garee gurguddoo sadiitti qoodamu.

Shararrisaa Lafaa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]
  • Biskileetii, Doqdoqqee, fi Iskuuterii: Humna namaa ykn motora xixiqqaan kan socho'anidha.
  • Konkolaataa: Gosa baay'ee beekamaa kan maatii, daldalaa, ykn fe'umsaaf ooludha.
  • Konkolaataa Fe'umsaa (Tiraakii): Mi'a ulfaataa fageenya dheeraa geessuuf kan hojjetamanidha.
  • Otoobisii: Imaltoota baay'ee magaalaa keessaa fi gidduutti geejjibuuf tajaajila.
  • Baabura: Daandii sibiilaa irra deemuun, fe'umsa guddaa ykn imaltoota hedduu saffisaan geessuuf fayyada.
  • Karkaroyyaa : Golollee mannaa, daandii sansalataa fayyadamuun lafa rakkisaa irra deemu.

Shararrisaa Bishaanirraa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]
  • Bidiruu (Boat): Qaama bishaanii xiqqaa irra deemuu fi tajaajila bashannanaa ykn qurxummii qabuuf oola.
  • Doonii (Ship): Bidiruu irra guddaa yoo ta'u, galaana irra imaltoota ykn fe'umsa guddaa geessisa.
  • Doonii Sharaa (Sailboat): Humna qilleensaa fayyadamuun kan socho'uudha.
  • Doonlimtuu (Submarine): Bishaan jala deemuu kan danda'u yoo ta'u, irra caalaan waraanaafi qorannoof oola.

Shararrisaa Qilleensaa fi Hawaa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]
  • Xiyyaara (Airplane): Shararrisa qilleensaa isa beekamaa, imaltootaa fi fe'umsa fageenya dheeraa saffisaan geessuuf fayyada.
  • Heelikooppitarii: Bakka dhaabbataa irraa ol ka'uu fi gadi bu'uu kan danda'uudha.
  • Baaloonii hoo'aa: Qilleensa hoo'aa fayyadamuun ol ka'a.
  • Doonhawaa (Spacecraft): Hawaa keessa deemuu fi orbiitii lafaa keessa naanna'uuf kan hojjetamudha.

Madda Anniisaa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Konkolaattonni madda anniisaa adda addaatiin socho’uu danda’u.

  • Humna Namaa ykn Beeladaa: Fakkeenyonni biskileetii, iskeetiiboordii, fi gaarii fardaan harkifamu.
  • Motora Gubaa Keessoo: Irra caalaan konkolaattotaa, xiyyaarota xixiqqoo, fi dooniiwwan boba'aa (petrol ykn diesel) gubuun socho'u.
  • Humna Elektirikii: Baabura elektirikii, tiraamii, fi konkolaattota elektirikiitu fayyadama. Anniisaa baatrii keessatti kuufame fayyadamu.
  • Humna Jeettii: Xiyyaarota gurguddoo fi saffisoo keessatti fayyada.
  • Humna Qilleensaa: Dooniiwwan sharaa fayyadamu.

Dhiibbaa Hawaasummaa fi Naannoo

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Guddinni shararrisaa jireenya dhala namaa fooyyessus, dhiibbaa negaatiivii ni qaba.

  • Faayidaa: Daldala idil-addunyaa guddisuu, turizimii babal'isuu, guddina magaalaa saffisiisuu, fi wal-qunnamtii aadaa jajjabeessuu keessatti gahee guddaa qaba.
  • Miidhaa: Boba'aan fosilii gubachuun qilleensa faaluu fi jijjiirama qilleensaatiif sababa ta'a. Balaan konkolaataa lubbuu hedduu galaafata. Akkasumas, tuulama konkolaataa (traffic congestion) fi waaqa (noise) magaalaawwan keessatti rakkoo guddaadha.