Jump to content

Poortaalii:Aadaa Oromoo

Wikipedia irraa


Aadaa Oromoo

Poortaalin kun odeeffannoo waa'ee aadaa Oromoo karaa qindaa'aa ta'een dhiyeessa. Oromoon aadaa ball'aa qaba: Sirna Gaadaa irraa kaasee hanga dhahaa mataasaatti, aadan Oromoo wallee, ogbarruu fi amantii Oromoo Waaqeffannaa jedhamu of keessatti qabata.

Leswi ngandzeni ka nyangwankulu lowu
Kana beektaa...?

Odaan Oromoodhaf muka qulqullaa'aa kan yaa'ii siyaasaa fi amantii jalatti geggeessan ta'uu fi kanaafis akka mallattoo Oromoota biyya isaanii (Oromiyaa) fi aadaa isaanii wajjin walqabsiisuuf kan filatame ta'u beektaa?

Mararoo misiroon dhaammattu

***********************

Oromoon aadaa, seenaafi eenyummaasaa haala addaddaatiin ibsata. Keessumaa aadaasaa haala bareedaafi hawataa ta’een karaa addaddaatiin ibsata. Aadaa Oromtichaa tarreessuun hanga urjii lakkaa’uu ulfaatullee akka fakkeenyaatti aadaa nyaataa, uffannaa, fuudhaafi heerumaa, ayyaaneeffannaa, walgargaarsaafi kanneen biroo kaasuun ni danda’ama.

Kanneen keessaa aadaa fuudhaafi heerumaa yoo ilaalle hawaasni sabichaa hundi haala walfakkaatuun ga’ilasaa raawwata. Kaan naqataan, kaan hawweedhaan, kaan sabbatamariidhaan kaan ammoo butiidhaan mana dhaabbata(warrooma). Asirratti aadaan Oromitichaa inni jaallatamaafi kabajamaan naqataan walfuuchuu ta’uusaati.

Eegaan akka aadaa Oromootti sirna fuudhaafi heeruma naqataatiin gaa’elli kan raawwatu fedha gurbaafi intalaarratti yookiin fedha maatiisaanirratti ta’uu danda’a. Kana keessattis kennaan barbaachisu intalaafi maatiisheetiif ni kennama. Maatiin lameeniis waliigalanii cidha beellamatu.

Yommuu guyyaan cidhaa torbanitti galus intalli kennamtuu hiriyootashee waliin weedduu eegalti. Kunisa hanga guyyaa cidhaatti galgala galgala ittuma fufa. Haaluma walfakkaatuun karaa gurbaatiinsi hiriyootaafi obbolootasaatiin ni weeddifama. Wedduun cidhaa gama lameenin taasifamu kunis arrabsoo, jajuufi mararoo kan of jalatti qabatu ta’a nutis barreeffama keenya har’aatiin mararoo wayita cidhaa weeddifamu ilaalchisuun barreeffama kitaaba ‘Wiirtuu Jiildii torbaffaa” irraa argannee isiniif dhiheessina.

Mararoon damee afoola Oromoo keessaa isa tokko yoo ta’u, gama dhiiraatiinis ta’e kan dubaraatiin walaloo humna garaa nama raasu kan qabuudha. Haalli dalagaasaas (ittiin sirbamu) ta’e ergaansaa miira namaa kan kakasuufi yaada gaddaa namatti naqee kan nama boosisuudha. Yeroo baay’ee mararoon dubaraa meeshaa aadaa dibbeedhaan waa’ileeffamee waan dhihaatuuf daran miidhagaadha.

Akka irranatti eeruuf yaalametti sirna fuudhaafi heeruma naqataa keessatti intalliifi gurbaan kan walfuudhan fedhii maatiisaaniitiin yookiin fedhii waliisaaniitiin ta’uu danda’a. Yeroo baay’ee garuu keessumaa gama dubaraatiin fedhiinshee eegamaafi hinturre (amma haalonni jijjiramaa jiraatan iyyuu).

Maarree dubarri tokko osoo isheen hinbarbaadin yommuu heerumsiisan komeeshee mararoodhaan ibsatti. Kana garuu kan ibsattu fuulaa fuulatti osoo hintaane guyyaa kennaa hiriyyootashee waliin dhoksaadhaan gara boroo naanna’anii weeddisu. Akka armaan gadiitti:-

Heennaan haama yaa kaloo,

hin afiin ajjeerradhu,

seenaan dhaama yaa haadhakoo,

hinrafiin dhaggeeffadhu,

yoo rafteef qalbeeffadhuu… jechuudhaan quuqqaa garaashee haaloota sadirratti hundaa’uu ibsachuu jalqabdi. Haaloonni quuqqaa kunneenis utuu umrii malee heerumuu, fedhiin ala horiidhaan jijjiiramuufi walcaalchiisu ta’uu danda’a. Mee kanneen tokko tokkoon haa ilaallu.

1. Umurii malee heerumuu:- Dubarri tokko sababa umrii malee ishee heerumsiisaniif akkana jettee komeeshee ibsatti.

A) Harmi koo hinbaanee, ni quuqxe malee,

Yaa aayyoolee koo,

Laanni koo hingeenyee, Yaa aayyoolee koo,

na quufte malee,

ulee geeshee muruu,

maaf na laatta haadha koo, anoo beekee hinbuluu.

B) Yaa abbaayyee koo,yaa aayyolee koo,

Maaltu maal ta’ee, kan badii ta’ee,

Cabaawoo hintuffannee,

Darbaawoo hindubbanne,

Yaa ayyoolee koo iddoo ciisakoo

gumbii dhaabbadhuu

Cabaa irbaatakoo dilbii kaawwadhuu,

Dibaa mataakoo samaa kaawwadhu.

C) Yaa obbolee koo,

Gadi bahaati, gorbatti siiksaa,

Guyyaa kennaa koo torbeetti hiiksaa,

Gaafa torbee koo kurnootti hiiksaa

Gaafa kurnookoo malli funyoo koo. jettee komee maatiisheerraa qabdu ibsatti.

Walaloo kana keessatti intalli akka heerumaaf hingeenye tokkooffaa harmashee waabeeffachuudhaan ibsatti. Aadaa Oromoo keessatti mallattoo ta’uudhaan waan ibsu qaba. Durba tokko “harmishee hin baane” yoo jedhamu xiqqoo ta’uushee agarsiisa. Harmiishee ba’ee qomarraa yoo mul’atu garuu geessuu ta’ushee mul’isa.

2. Fedhiin ala horiidhaan jijjiramuu:-

kanas akka armaan gadiitti ibsatti.

A) Waddeessa qe’ee murmurtuu hinseenee,

Murmurtaniiree guddiftuu ijoollee?

Haasooftuu qe’ee gurgurtu hinseene,

Gurgurtaniiree?

Ani ji’an se’e laftoo halkanii

Ani jiran se’e nattoo maltanii.

B) Yaa ayyooleekoo

Yommuun ani xinnoo, siree dhodhooftee, uruuruu jetta,

Amma maal goonaan, barcuma haaxoftee, qarshii lakkooftee, gurguruu jettaa?

Yommuu na biraa dirribee jettaa,

Dirribiin dhufnaan dirribee gattee

dirrib koo jettee,

Horiidhaaf jettee dhalakee gattaa?

Qarshii qiraacii darbattee keess-

aa, guchuma keessaa,

Dhalli bilaatii ergattee teessaa, dull-uma keessa

Walaloon kun heeruma bittaafi gurgurtaatti fakkeessuun ibsa. Akkuma beekamu gurgurtaa keessatti horiin yookiin meeshaan gurguramu tokko eenyuutti, meeqaaniifi yoom akka gurguramu murteessuuf yaada kennuu hindanda’u. Intalli mararoo kana weddiftuus heerumni kanarraa adda akka hintaane addeessuudhaan warra gurgurtaa gaggeessan sana komatti fedhiin osoo hinta’iin horiif jecha haala kanaan ishee kennuunsaanii gurgurtaarrayyuu darbee du’a akka itti fakkaate himatti.

Haa ta’u malee aadaa Oromoo keessatti dubarri hundi haala kanaan heerumti jechuu miti. Garuu fedhiisheerra qabeenyi dhiiraa akka caalu geeraraan yommuu ibsamu ni mul’ata. Fakkeenyaaf caalmaa abbaa horii mul’isuuf akkanaan geeraru.

Naqamtee Kumsaatu caalaa,

Kumsaa Mooriitu Caalaa,

Naqatee durba fuudhuuf,

Abbaa horiitu caalaa,

Naqamtee Kumsaa Morii,

Na qabde gumjaan horii, jechuun kan geeraran kanumaafi.

Eegaan burqaan komee durba tokko fedhiidhaan ala horiidhaan jijjiramuu yoo ta’u inni sadaffaan ammoo walcaalchiisuudha.

3. Walcaalchiisuu:- Aadaa Oromoo keessatti yeroo hedduu ijoollee dubaraarra dhiira caalsifachuun ni calaqqisa. Yommuu dubartiin tokko dhiira deessuufi dubara deessullee gammachuun namonni mul’isan walqixa miti (amma amma jijjiramoonni jiraatan illee). Yommuu weedduu da’umsaa weeddisan illee akkan armaan gadiitti dhiira caalchisuun weeddisu turan.

Awwaaree jalli awwaara’ee,

Abdiisaa situ ayyaana’e,

Kan mutaan lilma sii ta’e,

Kan mucaan ilma sii ta’e.

Jechaa abbaa mucaatiif gammachuusaanii ibsu. Yommuu dubarrii dhalatte garuu baga ayyaanoofte hinjedhan.

Kana malees dubarrii heerumtee kan ormaa taati, dhiirimmoo yoo fudheellee qe’ee warrasaatti hafa jedhanii waan amananiifis akkana jedhu:-

Haadha farsoo naqxee,

Ilka maa hin naqanne,

Ilki cabee badaa,

Ilma lafee namaa,

Isatu namatti hafaa.

Eegaan dubarri Oromoo walcaalchisa kana waan beekaniif akka armaan gadiitti mararoosaanii dhaammatu.

A) Guduruu sirbuu gemboo daaddisuu,

Nuun duruu jibbuu obboo caalchiisuu

Obboon garaadha nutii halagaadha,

Obboon kan isaanii nummoo maal saanii?

B) Hindaaqqoon dhaltee qooxii jalattoo

Obbolee dhiiroo

Nan suuqqattanii kootii jalattoo

Kootiin kan keetii ani maal keetii? Jechuudhaan dhalootumarraa kaasanii ishee akka lagaatti akka ilaalaniifi obboleeshaa warra dhiiraa ofitti akka aansaa turan dubbatti. Kana malees obbolaan dhiiraas isheef osoo ho’uu dhiisanii heerumaaf dabarsanii kennuusaaniif ni komatti.

Walumaa galatti, haalli dubarri heerumuuf jettuu mararoodhaan yaadashee ibsattu garaagara ta’uullee qabiyyeensaa walirraa fageenya qaba jennee hin amannu.itti fuufaa!!


Gadaa

Sirna Gadaa sirna ittiin bulmataa Oromoo ti. Gadaan jaarmayaa umurii fi dhalootan ijaarame yoo ta'u sirna bulchiinsaa diimokiraatawaadha. Gadaan sirna ittiin siyaasni, dinagdeenii fi hawaasummaan ummata Oromoo ittiin murteeffamu, kan miseensi sabichaa mirgaa fi dirqama isaa beekee ittiin walii galuu fi tokkummaan ittiin waliin jiraatudha. Sirni Gadaa diimookraatawaa ta’uu isaa beektoonni seenaa fi saayinsii hawaasaa hedduun mirkaneessanii jiru.


Wiikipiidiyaa Afaanota Afrikaa kan Biraatin