Madana Elektrooloobilaa

Wikipedia irraa
Madana Elektrooloobilaa

Dambaliiwwan saffisa ifaan deeman madana elektrooloobilaa jedhamu . Tokkoon tokkoon dambaliiwwanii dirree elektirikii fi dirree loobilaa walii dhaabsirroo ykn perpendikulaarii ta’anii fi marsaa keessatti socho’an qabu. Dirreewwan lamaan dabaree isaaniitiin kallattii dambalii ittiin deemanitti dhaabsirroo dha. Madanni elektrooloobilaa bifa anniisaa yeroo suudoon elektirikii guuttii qaban wantoo(matter) ykn onee (vacuum) keessa socho’an uumamu jedhamee ibsamuu danda’a. Akka filannootti, hunkuroota (disturbances) loobilaa fi elektirikii hollatuunis oomishamuu danda’a.

Madannii elektrooloobilaa Marmaarsa dambalii(frequency) isaatiin qoodama . Marmaarsa gadi aanaa irraa gara marmaarsa olaanaatti kan tarreeffame, marmaarsa madannii elektrooloobilaa inni gadi aanaan dambalii raadiyoo,yoota'u itti aansee shifdambalii(microwave), diimaachii (infrared), ifa mul’atu, dhilgirrana(ultraviolet), Xiyya-x (raajii), fi marmaarsa ol’aanaa kan qabu xiyyaa gaammaadha.

Ummama isaanitii ifaa kan fakkaatan ta'ulleen, iji namaa isaan arguu waan hin dandeenyeef ifa hin jedhaman. Haa ta’u malee bineensonni tokko tokko dambalii kana ilaaluu danda’u. Fakkeenyaaf, diimaachii, obboleessi ifaa quxisuun, namootaaf akka ho’aatti fakkeeffama. Fakkeenyaaf, hoo’i aduu irraa dhufu madana diimaachii ba'atuun dhufuu yoo ta'uu nuuf akka miiri hoo'aa nutti dhagahamuu ta'a. Bofti gammoojjii dambalii diimaachii kana ija isaaniitiin waan arguu danda’niif, dukkana keessattillee waan ho’aa kamiyyuu arguu danda’u. Kanniisoonii, dambalii dhilgirranaa namni arguu hin dandeenye ija isaaniitiin arguu danda'u, kana irraa kan ka'ee kannisoonnii daraaraa bifaafi ergaa biraa dabarsa.

Xiinseerwantoo (physics)[gulaali | lakkaddaa gulaali]

wantoota ijoo raadiyaashiniin elektrooloobilaa:

  • Anniisaa Suudoo Guutta'e irraa: Madanni elektrooloobilaa kan uumamu suudoon elektirikii guuttii qaban kan akka elektiroonota bakka giddu galeessaa ykn bakka duwwaa keessa yeroo socho’an dha. Suudoonni kun yeroo deemanitti anniisaa kan baatan yoo ta’u, kunis bifa dambalii fakkaatu kan dirree elektirikii fi loobilaa uumu.
  • Dirree Elektirikii fi Loobilaa:Madanni elektrooloobilaa dirree elektirikii fi loobilaa of keessaa qaba. Dirreewwan kun walitti dhiyeenyaan kan walitti hidhamanii fi walii dhaabsirroo kan ta’an yoo ta’u, kofa digrii 90 kan qabani dha. Dambaliiwwan walitti makaman hawaa keessa yeroo tamsa'an, Hollannaan elektirikii fi maagneetii yeroo hunkuraa uumamuun dhaabsirroo ta'anii socho’u.
  • Bifa Adda Addaa Madana elektrooloobilaa: madanni elektrooloobilaa anniisaa bal’aa kan hammate yoo ta’u, kunis dambalii raadiyoo anniisaa xiqqaa irraa kaasee hanga xiyya gaammaa anniisaa guddaa qabuutti kan argamudha. Gosoonni madana elektrooloobilaa beekamoo ta’an tokko tokko shifdambalii, dambalii televijiinii, dambalii raadiyoo, madana diimaachii(infrared), ifa mul’atu, madana dhilgirrana, xiyya-x  fi xiyyaa gaammaa kan dabalatudha. Tokkoon tokkoon unkaa dheerina dambalii fi sadarkaa anniisaa adda addaa kan qabu yoo ta’u, kunis amaloota adda ta’anii fi hojiirra oolmaa kan fidudha.
  • Dambalii dalgoo: madanni elektrooloobilaa akka dambalii dalgoo ta’ee kan imalu yoo ta’u, kunis sochiin kallattii tamsa'innaa dambalii irratti dhaabsirroo ta’ee uuma. Amalli kun madanni elektrooloobilaa hawaa akka qaxxaamuru kan taasisu yoo ta’u, gosoota dambalii biroo irraa adda ta’ee vaakiyuumii ykn onee keessa akka tamsa'uu isa dandeessisa.

Amaloota Madana elektrooloobilaa[gulaali | lakkaddaa gulaali]

  • Suudifa(Photon): Madannii elektrooloobilaa akka baakkoo anniisaa addaan baafamanii footoonota jedhamanitti biifama. Suudifni kun anniisaa ifaa kan baatan yoo ta’u, saffisa ifaa dhaabbataa ta’een imalu.
  • Dambalii walsimataa hagoo : Madanni elektrooloobilaa akka dambalii walsimataa hagoomeen ibsamuu danda’a. Dambaliiwwan kunniin Marmaarsa fi gulantaa anniisaa adda ta’e agarsiisu.
  • Dheerinni Dambaliitiin Ramadduu: Madanni elektrooloobilaa dheerina dambalii isaa irratti hundaa’uun calallii(spectrum) elektrooloobilaa keessatti gosoota adda addaatti qoodama. Tokkoon tokkoon gosa amaloota fi hojiirra oolmaa adda addaa qaba.
  • Dirree Elektirikii fi Maagneetii walii dhaabsirrummaa: Dambaliin elektrooloobilaa dirree elektirikii fi maagneetii walii dhabsirroo of keessaa qaba. Dirreewwan kun kallattii walii isaanii fi kallattii tamsa'inna dambalii irratti dhaabsiroo(perpendicular) ta’aniin ni hollatu.
  • Dheerinni dambalii, siqa(Amplitude) fi Marmaarsa (Frequency): madanni elektrooloobilaa amaloota akka dheerina dambalii, siqa fi marmaarsa agarsiisa. Dheerinni dambalii (λ) fageenya qabxiilee walitti dhihoo jiran lama gidduu jiru marsaa keessatti kan agarsiisu yoo ta’u, Marmaarsi ammoo lakkoofsa marsaa dambali sekondii tokko keessatti murteessa. Siqni qaxxaamura ol-aanaa bakka tasgabbii irraa jiru dha.
  • Iddoo Duwwaa keessa Imalu: Gosoota dambalii biroo irraa bifa adda ta’een, madanni elektrooloobilaa iddoo duwwaa keessa deemuu danda’a. Tamsa'innaaf meeshaa akka jajjaboo, dhangala’aa ykn gaazii hin barbaadu.
  • Saffisa Ifa Dhaabbataa: Saffisni ifa vaakiyuumii keessatti, “c”  kan agarsiifamufi,  2.99792458 x 10^8m/s dha. Saffisni kun bifa madana elektrooloobilaa hundaaf dhaabbataadha.

Gosoota Madana Elektrooloobilaa[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Xiyya-gaammaa(Gamma-rays)[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Xiyyaa gaammaa calallii(spectrum) elektrooloobilaa keessatti marmarsa fi anniisaa sudifaa olaanaa qaba. Dheerinni dambalii garmalee gabaabaa kan qaban yoo ta’u, adeemsa tambaawaa(nuclear) fi walnyaatinsa suudoo anniisaa guddaa qabuun kan walqabatudha.

Xiyya-X (X-rays)[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Madana elektrooloobilaa dheerina dambalii isaa angistiroomii 100 gadi ta'e (100AA). Xiyyi-x dandeettii jajjaboo keessa darbuu ykn lixuu qaba. Ogeeyyiin yaalii miidhama lafee keessaa (akka caba lafee faa) ilaaluuf fayyadamu.

Dhilgirrana (Ultraviolet (UV) Rays)[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Xiyyoota Dhilgirrana ifa mul’atu caalaa marmaarsa fi anniisaa suudifa ol’aanaa qaba. Isaanis Aduutiin kan gadi lakkifaman yoo ta’u, adeemsa baayoloojii kan akka walnyaatinsa vitaamin D fi walnyaatinsa keemikaalaa hawaa keessatti kakaasuu keessatti gahee murteessaa qabu.

Ifa Multa'ataa(Visible Light)[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Ifni mul’atu kutaa calalli(spectrum) elektrooloobilaa ija namaatiin mul’atudha. Ifni mul’atu argaaf barbaachisaa dha. marmaarsa(Firikuweensii) fi anniisaa suudifaa adda addaa kan halluu adda addaa hubachuuf nu dandeessisu qaba.

Diimaachii(Infrared)[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Xiyyoonni diimaachii ifa mul’atu caalaa marmaarsaa fi anniisaa suudifaa gadi aanaa qaba. Isaanis madana holakee (thermal radiation) wajjin kan walqabatan yoo ta’u, mul’ata halkanii, fageenya irraa hubachuu kan itti fayyadamanidha.

Dambalii Raadiyoo(Radio Wave)[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Dambaliin raadiyoo calalii elektrooloobilaa keessatti marmaarsa fi anniisaa suudifaa isa gadi aanaa qaba. Isaanis sirna qunnamtii, tamsaasaa fi raadaraaf kan ooludha. Kutaaleen adda addaa calallii dambalii raadiyoo raadiyoo AM fi FM, televijiinii fi qunnamtii moobaayilaa dabalatee hojiiwwan adda addaatiif ramadamu.

Shifdambalii(Microwaves)[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Shifdambalii marmaarsa fi anniisaa suudifa dambalii raadiyoo caalaa xiqqoo ol’aanaa qaba. Isaanis yeroo baay’ee suudifa Shifdambalii, qunnamtii saatalaayitii fi teeknooloojii wayaa malee keessatti fayyadamu.

Hidhaa alaa[gulaali | lakkaddaa gulaali]