Lafee

Wikipedia irraa

Lafeen kutaalee donkoo(skeleton) Dugugguruu qabeeyyii . Qaamolee qaama keenya keessa jiranis ni eegu.

Lafeen bu'uura qaamaati . Osoo isaan hin jiraatin tuullaa qaamolee fi gogaa lafarra taana; socho'uu hin dandeenyu turres.

Lafeenis nu eega. Buqqeen mataa sammuu kan eegu yoo ta'u lafeen cinaachaa onnee fi somba eega . Aa'amni fi buqqeen mataa maashaalee fuulaa kan deeggaran yoo ta’u, isaanis nyaachuu fi afaan keenya sochoosuuf nu gargaara. Lafeen mo'oo qaamolee walhormaataa kan eegu yoo taʼu, lafeen dugdaa immoo dugugguruu ni eega .

Lafeen gummee lubbuu qabu yoo ta’u, sochii qaamaa yeroo hunda gochuudhaan fi nyaata akka aannan irraa kaalsiyeemii qabaachuudhaan kunuunfamuu qaba, fi magariisa baala dukkanaa’aa kan akka ispinaashii . Dhukni lafee gurguddaa gidduu jiru seelii dhiiga diimaa keenya akka uumamu taasisa .

Gosoota Lafee[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Bocaa fi hamma irratti hundaa’uun lafeen bakka afuritti qoodamuu danda’a. Isaanis:

  1. Lafeewwan dhedheeroo (‘Long bones’): Lafeewwan dheerinni isaanii bal’ina isaanii caalan ta’ee kanneen fiixee irratti bookkuu ta’anii dha.Lafee dheeraan kutaalee lafee-sontoo (‘diaphysis’) fi gaamarlafee(‘epiphyses’) jedhaman qaba. Lafee-sontoo caasaa dheeraa fi jabaa gidduu yammuu ta’u gaamarlafeen caasaa laafaa fiixeewwan irraa ti. Lafeen somaa miilaa kanaaf fakkeenya gaarii dha.
  2. Lafeewwan gaggabaaboo (‘Short bones’): Dheerinni fi bal’inni isaanii kanneen walfakkaatuu dha. Fkn Lafee lakkuu (‘Carpals’)
  3. Lafeewwan babattee (‘Flat bones’): Lafeewwan babal’oo fi haphii ta’anii fi ixee irratti batlee fi tokko tokko immoo gomboobaa (‘Curved’) kan ta’anii dha. Fkn: Lafee ceekuu (‘scapula’)
  4. Lafeewwan hammaa fi bocaan walmakoo (‘Irregular bones’): kanneen tuutaan qindooman ta’ee bocaa fi ammaan adda adda ta’anii dha. Fkn: Lafee dugugguruu mormaa, Lafee fuulaa