Hayilee Fidaa

From Wikipedia
Jump to: navigation, search

Doktor Hayilee Fidaa (1939?-1979) nama siyaasaa yoo ta'u hogganaa Warraaqsa Sooshaalistii Guutuu-Itoophiyaa (irra caala maqaa Amaariffaa "ME'ISOON" jedhamuun beekkama) ture. Gumaachasaa keessa inni guddaan Dargii bakka bu'uun Sagantaa Warraaqsa Dimokiraatawaa Biyyooleessa baasuu isaatini. Kana malees, Dr Hayileen qorannoo adda addaa qubee Afaan Oromoorratii fi caasluga Afaan Oromoorratti godheen beekkama.

Seenaa Duubaa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Hayilee Fidaa Wallagga keessa magaalaa Arjootti dhalatee Naqamtetti guddate. Hayileen barnoota sadarkaa tokkoffaa Mana Barumsaa Arjootti yoo baratu sadarkaa giddu galeessa (kutaa 5-8) ammoo Naqamtetti mana barumsaa yeroo sana Mana Barumsaa Sadarkaa Lammaffaa Hayila Sillaasee I jedhamutti barate. Barnootasaa ittuma fufuun, sadarkaa lammaffaa Finfinneettii Mana Barumsa Jeneraal Wiingeetitti barate qaphxii olaanadhaan xumure. Kana booda barsiisaa ta'ee qacaramuun Dadaritti waggaa tokko barsiisaa ture.

Bara 1961tti, Hayileen Yuunivarsiitii Finfinnee galee barnoota ji'ooloojii baratee qaphxii guddaadhan eebbifame. Dr Hayileen barata cimaa ture; barnoota sadarkaa lammaffaa A kudhanii fi B lamaan xumure. Yuunivarsiititti ammoo qaphxii 4.0 fiduudhan barata kabajaa ta'ee (great distinction) eebbifame. Erga eebbifamee booda, achuma Yuunivarsiitii Finfinneetti, Dippartimentii Ji'ooloojitti Gargaaraa Eebbifamaa ta'ee akka barsiisaatti qacarame. Yuunivarsiitii Finfinnee keessatti erga waggaa tokko barsiisee booda barumsa digirii lammaffaa itti fufuuf gara Firaansi deeme.

Dr Hayileen Firaansitti jalqaba barumsa Ji'oofiiziksii, itti aansee waggaa lamaaf ammoo Sosooloojii baratee eebbifame. Hayileen sochii Tokkummaa Barattoota Itoophiyaa kan Yuurooppi keessatti godhurraan kan ka'ee fi mootummaa Hayilasillaasee waan balaaleffatuuf, paaspootii fi iskoolaasrhiippinsaa jalaa haqame. Sababa kanaaf biyyatti deebi'uu waan hin dandeenyeef, wagga lamaaf mana barumsaa Firaansi tokkotti qacaramee barsiisaa ture. Ittii aansee, paaspoortii dhoksaadhan imbaasin Itoophiyaa kan Jarmanii keenneefin gara Jarmanii deemee, Yuunivarsiitii Hambargitti waggaa lamaaf barsiise. Amajjii 1975 erga Warraaqsi dhoo'ee booda gara Itoophiyaatti deebi'e.

Sochii Siyaasaa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Yeroo Firaansi turetti, Hayileen Maarkisizimii Sooviyeetii fudhatee ture; Rene LaFort akka jedhetti Hayileen miseensa Paartii Koministii Firaansi ture. Waamicha Dargiin Itoophiyaanonni baratan gara biyya isaanitti deebi'anii akka tajaajilan godhe fudhachuun, Hayileen bara 1975 keessa gara biyyaatti achas deebi'e. Nagadee Goobazee, kan achuma Firaansitti barachaa ture wajjin naannoo Yuunivarsiitii Finfinneetti "mana kitaabaa tarkaanfataa" bane; kunis kitaabota Maarkisizim-Leeninizimii lammii biyyaattiitif dhiyeessuf ture. Manni kitaabaa dulloomaa fi dadhabaa ture kun barattootaan guuttame, kitaabonni haaraa dhufan battalumatti gurguramanii dhumu ture.

Oduma baayyee hin turin Hayileen Dargiin biratti qofa odoo hin taane hogganaa Dargii Mangistuu Hayilamaariyam biratti beekkame, Dargiin yeroo sana deeggartoota siivilii fi gorsaa Maarkisizim-Leeninizimii barbaada ture. Muddee 1975, barreessan Dargii kutaa Biiroo Dhimma Ijaarsa Uummataa kan Yeroo (kan Ingiliffaan POMOA jedhamu) dhaabe, Hayilee Fidaas hogganaa godhe. Kaayyon POMOA Dargiin deeggarsa ummata biratti akka argatu gochuu qofa odoo hin taane siviloota bitaa warra kaan dhqqabuu ture. Hogganaa kutaa kanaa ta'ee odoo jiruuti kan Dr Hayileen Sagantaa Warraaqsa Dimokiraatawaa Biyyoolessaa kan qopheesse, dookimentin kunis dhaadhannoo Itiopiya Tikdem (Itoophiyaan haa dursitu) jedhu kan Dargiin akka kallattiitti itti fayyadamaa ture garuu kan ifa hin turin bakka bu'e. Tokkummaa warraaqsa hojjattootaa, qonnaan-bulaa fi burjaa xixiqqaa tarkaanfataatin, fiiwudaalizimii, impeeriyaalizimii fi kaappitaalizimiin barbadaa'anii dhumarratti Rippabiliika Dimokiraatawaa Ummataa Itoophiyaa uummame. Mangistuun Warraaqsa Dimokiraatawaa Biyyoolessaa fudhatamee hojiirra hooluusaa hiriira Ebla 20, 1976 irratti beeksise.

Haa ta'u malee, POMOAn mormitoota siivilii wajjin walqunnamtii uumuu dadhabe. Namoota Duula irratti hirmaatan kan hojii baadiyyaatti irratti ramadaman dhiisanii gara magaalaatti deebi'anii wajjin mormitoonni Dhaabaa Warraaqsaa Ummattoota Itophiyaa (kan Ingiliffaan EPRP jedhamu) deeggaran; kunis lakkoofsa miseensotasa fi dhiibbaa inni uumu dabale. MEISON Dargii yoo deeggaru, EPRPn Dargiin sochii uummataa humna waraanatin akka ukkaamse dubbachuun balaaleffate. Karaan sooshaalistii inni qajeelton mootummaa uummataa kan dhugaa hundeessuf qabsaawuu itti fufuu malee Dargii isa nama hacuucu akka hin fudhanne ifoomsan.

Shoora Dargiin Warraaqsa Itoophiyaa too'achuu keessatti tabachuu qabu irratti garaagarummaa hadhaawaa qabaataniyyuu, MEISON fi EPRP "sagantaa walfakkaatu baasan". Akka Ottaways, kan mormii kana ijaan arge jedhutti, "Itoophiyaanonni hedduun, warrumti baratanillee hubachuu hin dandeenye".

Ottaways akka jedhanitti:

Beektonni Itoophiyaa hunduu Maarkisizim-Leeninizimii keessa of galchuuf dirqaman. Barreessitoonni kun pirofeesaroota yuunivarsiitii kan mormii siyaasaa kanaan baayyee jaanja'anii fi hubachuuf jecha kitaabota duriii hedduu dubbisani arganiiru. Barattoonni yuunivarsiitii waggaa sadaffaa fi afraffaa barruu Addis Zamanirra jiranii fi paamfiletii dhoksaan maxxanfaman hiikanii nuu kennan garuu mormiin dhaabota siyaasaa adda addaa gidduu jiru maal akka ta'e hubachuu akka hin dandeenye dubbatu. Hoggantoonni hojii hiikaa Ejensii Oduu Itoophiyaa keessatti hojjatan hiikaa dhaamsota mootummaa kan tiyoorin guuttaman kan Biiroo Siyaasaarraa dhufan akka hin hubanne dubbatu.

Haala kana keessatti, Hayilee Fidaa walitti hidhata Dargii wajjin qabu cimse. Hagayya 1975, Hayileen Sisaay Haptee kan Koree Dhimma Siyaasaa Dargii ture wajjiin rakkoo Eertiraa keessa jirurratti biyyoota Arabaa ja'a wajjin mari'achuuf bobba'e.

Jechaan kan wal moo'uu dadhaban mormitoonni kun gara tarkaanfii humnaatti ce'an. Namni jalqaba tarkaanfin irratti fudhatame Tiyoodor Baqqalaa yoo ta'u gaafa Gurraandhala 25 1977 ajjeefame. Tiyoodor Baqqalaa miseensa MEISON fi hogganaa Tokkummaa Hojjattoota Guutuu-Itoophiyaa ture. Kun jalqaba Goolii Diimaa ture, yeroo kanas namoonni dhibbatamatti lakkaawwaman yoo du'an moo'amuu EPRPtin xumurame. Namoonni goolii kana jalaa ba'an Finfinneedhaa gara Tulluu Asiimbatti baqatan.

EPRP baqatuyyuu, haalli jiru Hayilee Fidaafis ta'ee MEISONf hin fooyyofne. Adoolessa 10 1976, fonqolchi Mangistuu aangorraa buusuf godhame fashale, Sisaay Haptee guyyaa sadi'i booda gargaartotasaa 17 wajjin ajjeefame. Kana booda dhuma bara 1976 keessa, mormiin Mangistuu fi MEISON gidduutti uummame. Kana booda Mangistuun miseensota MEISON kan mootummaa keessa jiran aangoorraa kaasuu jalqabe. Filannoo ministerotaa Bitootessa 11 1977 godhamerratti MEISON aangoo tokkoyyuu odoo hin argatin waan hafeef haalli jiru ittuu hammaate. Waxabajjii 14 hoggansi POMOA MEISONirraa fudhatame. Hayilee Fidaa fi miseensonni MEISON tarkaanfin itti aanu hamaa akka ta'u waan baraniif dafanii tarkaanfii fudhatan: Hagayya 19 hoggantoonni MEISON 19 fi kaadiroonni 500 ta'an ifatti socho'uu dhiisanii lafa jala socho'uutti geeddaran; Finfinneedhaa baqatanii gara baadiyyaatti baqatan. Mangistuun haasaa guyyaa shan booda godherratti MEISON balaleffate. Hagayya 26 Hayilee Fidaa fi hoggantoonni MEISON kaan naannoo Finfinneetti qabamanii Gibbii durii kan biiroon Dargii keessa jiru keessatti hidhaman. Hoggantoonni MEISON baayyen dhukaasa humnoota Dargii fi isaan gidduutti godhameen du'an. Nagadee Goobazee qofatu gara Yamanitti baqatee lubbuun hafe.

Hayilee Fidaa mana hidhaa keessatti yeroo dheeraaf hanga dhumarratti ajjeefamutti haala hamaa keessa jiraachaa ture. Haalii ajjeechaasaa ifa miti, garuu Andaargachoo Xurunash Hayileen erga hidhamee waggaa lama booda, bara 1979tti ajjeefame jedhe.

Hayileen dura ta'aa Tokkummaa Barattoota Itoophiyaa kan Yuurooppi ture.

Qorannoo Afaan Oromoo[edit | Lakkaddaa gulaali]

Dr Hayileen qubee Afaan Oroomoo uumuu keessatti ga'ee guddaa qaba. Yeroo Yuurooppi jiru, Hayileen miseensa garee barattoota Oromoo kan qorannoorratti xiyyeeffatu fi kan Garee Qorannoo Barattoota Oromoo jedhamuu ture. Gareen qorannoo kun barattoota Oromoo biyyoota akka Firaansi, Jarmanii, Iswiidin, Tokkummaa Sooviyet, Hangaarii fi Yugoslaaviyaa keessa jiraatan hammata. Gareen kun Afaan Oromoo afaan barreeffamaa akka ta'uf qorannoo bal'aa godhe. Haaluma kanaan, gareen kun bara 1972 barruu qorannoosaa kana kan Languages in Ethiopia: Latin or Geez for Writing Afan Oromo, Tatek, 1972 maxxanse. Barruun kunis Afaan Oromoo qubee Laatiniitin barreessun filatamaa akka ta'ee seera ittiin Afaan Oromoo Laatiniidhan barreeffamu bu'uura kan kaa'e ture. Qorannoo kanarratti Dr Hayileen gumaacha guddaa qaba.

Dr Hayileen, itti fuufdhan qubee Afaan Oromoo haara kanatti fayyadamuun kitaabota lama walitti aansuun maxxanse. Kitaabni inni jalqabaa Hirmaata Dubbi Afaan Oromoo kan jedhamu yoo ta'u qorannoo caasluga Afaan Oromooti. Kitaabni kun kan maxxanfame bara 1973, magaalaa Paarisitti. Kitaabni inni lammataa ammoo Barra Birraan Barihe jedhama.

Barruulee Maxxanse[edit | Lakkaddaa gulaali]

  • Languages in Ethiopia: Latin or Geez for Writing Afan Oromo, Tatek, 1972
  • Hirmaata Dubbi Afaan Oromoo. Paris, 1973
  • Barra Birraan Barihe. Paris

Wabii[edit | Lakkaddaa gulaali]