Asaffaa Shaaroo Lammii

Wikipedia irraa

Asaffaa Shaaroo Lammii gooticha naannoo Salaaletti sirna abbaa lafaa fi cunqursaa mormaa ture.

Seenaa Duubaa[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Asaffaa Shaaroo Lammii Oromiyaa Salaalee Aanaa Kuyyuu Darroottti dhalatee guddate. Asaffaan abbaa isaaf ilma hangaafaa fi tokkichadha. Abbaan Shaaroo, Lammiin Darrootti sababa gabbara dideef gara Dhahee Sillaaseetti Asaffaa ilma isaa tokkicha kana qabatee godaane. Maqaansaa Asaffaa Lammii yoo ta'u gootummaa isaa, qolannaa shimalaatin gaafa leellifamu Asaffaa Shaaroo jedhanii waamu. Innis diina shimalaan akaa'ee, gobee, ashaaroo godhee waan galuuf kanumarraa ka'uun maqaa Masoo Asaffaa Shaaroo Lammii jedhanii waamuu eegalan. Asaffaan Abbaa ijoollee dhiira sadiiti. Asaffaan Ijoollumaa isaarraa kaasee onneen Oromummaa fii dhiirummaa kan keessatti dagaagaa guddateedha. Abban isaa Lammiin dhiira diinaf tole hin jenne waan tureef, gootummaa abbarraa dhaale fakkaata. Abbaasaa waliin Nafxanyoota adamsanii gobaa turan. Gabbaras akka isaan Oromoo irraa hin fudhanne gobanii irraa dhorkaa turan.

Asaffaan dhalatee waggaa soddomii lamaan kan mana hidhaa, achuma magaalaa guddoo Salaalee Fiichetti waggaa torba, jiboo kiloo shantamaan miila isaa lamaan walitti hidhanii harka isaa lamaan ammoo fuulduratti walitti hidhuun waggaa torba teessisan. Aseen gaafa qabamu sana, otoo mana dhugiitii taa'anii hiriyootasaa waliin taphataa jiraniti, nama kudha lama ta'anii qabuuf dhufan. Hiriyyonnisaa gaafa argan, Asee kunoo kaa sii dhufanii jedhanii itti himan. Aseenis filannoo biraa waan hin qabneef dheeffuu filate. Jara qabuu dhufan keessaa ajajaan shantamaa isaanii fardaan jira. Asaffaan, karaa boroo bahee fiigicha itti kute. Ajajichi fardaan jira waan ta'eef, ari'ee gaafuma Asaffaan mana saatti dhihaatuu bira gahe. Asaffaan itti garagaree shimalaan fardasaa adda rukutuun jalatti lafaan dhahe. Eegaa itti garagaree hin ilaalee, fiigee mana gahe 'shugguxii Musgeerii isaa fudhatee of-duuba itti deebi'e dhaqe. Kun kan ta'e gabaa roobii bakka jedhamutti achuma ganda inni keessa jiraatu keessa. Jarri kudha tokkon baqattee badde. Ajajaa isaanii rasaasa takkaan lafaan dhahee biraa deeme.

Gaafa kana nama baayyisanii humna dabalataa fidanii dhufan. Asaffaan harka duubati hidhanii fudhatanii Fiicheetti geessan. Hidhaa waggaa torbaas itti murteessan. Iddoon inni itti hidhame lafa jalatti boolla qotanii namarraa adda baasuun kobaa isaa hidhan. Isa gubbaatti ammoo hidhamtoota biraatu hidhama. Kana malees torbaan tokkof midhaan dhowwatanii jecha sanyummaatin arrabsaa turan. Nyaata dhaburraa kan ka'e waan nyaatu dhabee torbee tokkoof biyyoo nyaatee du'a jalaa oole. Kana malees bakka inni miila lameenifii harka walitti hidhamee jirutti boolla keessa waan ta'eef hantuunni itti yaatee ciniinuuf gaafa jettu harkaan ofirratti ajjeesa ture.

Maal kana qofa guyyaa tokko jala deemtonni ajajichaa itti dhaqanii tuffii isaa fi saba isaaf qaban argisiisuf "gaallaa" jedhanii gaafa arbsan, onneen dhirrumaafii quqqamnni sabumaa utaalchisee kaase. Achuumaa ol utaalee ka'ee harkuma walitti hidhamee jiruun, danqaraa balbalaatiin nama torba gamaa gamasitti gogonbise kuffise.

Ajajichi dhufee mallattoo diimaa addaasaa irratti dibe, akka ajjeefamuuf. Asaffaanis "Obboo gochaa keessan kana nan falmaa" jedheen. Sababni isaas ani kunoo akkuma na argitan kana "jiboo" giraama shantamaan miillikoo na hidhamee, harkoollee akkasuma, akkaminaan jara kan ilaa tokko kan kufe garana tokko kan kufe garas mee akkamiin socha'ee jara kana rukuta jedhe gaafate? Namichi mataa qabatee iyyee "jedha irraa hiikaa" jedheen. "Gooftaa koo akkamin hiikna yoo hiikne nu fixaa" jedhani didan. Garuu, xiqqoo akka sochaa'uu danda'utti itti bal'isaniif. Haaluma kanaan waggaa torba dararaa meeqa arganii guyyaa murtii saa fixuun bahe!

Leencaa seenaan bara baraan yaadatu[gulaali | lakkaddaa gulaali]