Jump to content

Antiraaksii

Wikipedia irraa
Baasiles Antiraasisii

Antiraaksiin dhibee hamaa yoo ta'u kan inni dhufus baakteeriyaa Baasiles Antiraasis (Bacillus anthracis) jedhamuuni. Gosti dhibee kanaa baayyen isaa kan nama ajjeesu yoo ta'u dhibeen kun bineesotaa fi nama qaba. Yeroo ammaa dhukkuba kanaaf talaalliin kan jiru yoo ta'u erga dhibeen isaa nama qabeeyis antiibaayootiiksiidhaan yaalun gosa dhibee kanaa muraasarratti amma tokko ni hojjata.

Akkuma miseensota jenasii Baasiles, Baasiles Antiraasisiin indoospoorii(gabaabumatti ispooriis ni jedhama) mugaa yoo uumuu kunis haala qilleensaa hamaa keessa waggaa kudhanii hanga jaarraa tokkoo jiraachuu danda'a. Ispooriiwwan kun ardii addunyaa hundumarratti argamu, Antaarkitiikaa dabalatee. Ispooriiwwan kun yeroo qillensa wajjiniin ykn nyaata wajjiniin qaama keessa seenan ykn madaa qaamaa irra yoo qubatan, battalumatti mugaatii isaanii keessaa dammaquun saffisaan wal horuu jalqabu.

Antiraaksiin baayyinaan bineensota biqiltuu nyaatan kan manaa fi kan bosonaa qaba; kunis yeroo marga dheedan ykn yeroo afuura baafatan ispoorii kana yeroo liqimsani. Irra caalaa dhiibeen bineensota biqiltuu nyaatan kan qabu nyaata wajjin liqimsuuni. Bineensonni foon nyaatan ammoo irra caalaa bineensota dhibee kanaan qabaman nyaachudhaan qabamu. Bineensonni dhibee kanaan qabaman dhukkuba kana namatti dabarsuu danda'u; kunis foon bineensa dhukkubsatee kanaa nyaachun ykn qaaman wal-tuquun (fkn dhiigni faallame yoo madaa tuqe) ta'uu danda'a.

Antiraaksiin qajeeltodhumaan dhukkubsataa tokkorraa kan biraatti hin darbu; karaa ispoorii qofa namatti darba. Ispooriiwwan kun uffataa fi qopheedhan iddoo tokkoo gara biraatti geeffamuu danda'a. Reeffi bineensota dhibee kanaan du'anii madda ispoorii ta'uu danda'a. Jabina ispooriwwan kun qabaanii fi oomishuun salphaa waan ta'eef, akka meeshaa waraanaatti itti fayyadamuuf baayyee mijataa dha. Antraaksii akka meeshaa waraanaatti fayyadamuun kun yoo xiqqaate biyyoota shaaniin hojjatameera: Yunaayitid Kingidem, Jaappaan, USA, Raashiyaa fi Iraaq. Akkasumas biyyoota biraa baayyedhaan yaallame.

Hanga jaarraa 20ffatti wagga waggaadhan adunyaarratti antiraaksiin namoota fi bineensota hanga kuma dhibba tokkoo ol ajjeesse. Saayintistiin Firaansi Luuwii Paaster talaallii antiraaksii bara 1881tti yeroo jalqabaatif hojjate. Jaarraa tokkoo oliif talaalli bineensotaa, bobbaa bineensotaa qulleessuu, fi sagantaa antiraaksii balleessuu kan Ameerikaa Kaabaa, Awustireliyaa, Niwuu Ziilaandi, Raashiyaa, Yuurooppi, fi kutaa Afrikaa fi Eshiyaa keessatti geggeeffameen, dhukkubni antiraaksii bineensot manaa irratti mul'atu baayyee xiqqaadha (waggaatti baayyee muraasatu gabaafamea). Antiraaksiin keessumaayyuu saree fi adurree irratti baayyee hin mullatu, fakkeenyaaf bara 2001tti USA keessatti tokko qofatu galmaa'e.

Dhibeen antiraaksii bineensota foon nyaatanii fi raqa qulqulleessan (scavengers) hin qabu; yoma foon bineensa dhibee kanaan qabamee nyaataniyyuu hin qabaman. Dhukkubni kun bineensota daggalaa biratti yeroo yeroodhan deeddeebi'eet ka'a. Dhibeen kun biyyoota mana yaalaa namaa fi kan horii baayye hin qabne keessatti baayyata. Jaarraa 21ffaattillee, antiraaksiin biyyoota hin guddatin keessatti rakkoo guddaa ta'ee argama. Fakkeenyaaf biyya Filippiinsi keessatti foon bineensa dhibee kanaan du'ee nyaachuun bara 2010tti namoonni 400 ol yoo dhukkubsatan yoo xiqqaate namoonni 2 akka du'an gabaafameera.

Ispoorin Baasiles Antiraasis biyyee keessa jiraata. Yeroo dheeraa jiraachuu waan danda'uuf, ispoorin antiraaksii addunyaa guutuu keessa jira keessaahuu iddoowwan awwaalaa bineensota dhukkuba kanaan du'aniitti argama. Iddoo awwaalaa tuttuqamerraan kan ka'e erga dhukkubsataan du'ee waggaa 70 booda dhibeen kun reeffarraa nama qabu danda'eera.

Mallattoo Dhibee Kanaa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Miidhaan sirna argansuu jalqaba waan akka qufaa(utaalloo) fakkaatee guyyaa muraasa kan turu yoo ta'u, itti aansee dhibee nimooniyaa(pneumonia) fi miidhaa sirna argansuu guddaatu dhufa. Dhibeen kun nama ajjeessuun isaa 92% yoo ta'u, yoo yaaliin akkuma dhibeen kun jalqabeen kennameef garuu gara 45% gadi bu'a. Dhibee antiraaksii sombaa dhibee sirna argansuu isa kaanirraa dafanii adda baasun dhibeen kun dafee yaalii akka argatu gochuuf waan tajaajiluuf baayyee barbaachisaadha. Malli ittiin kana addaan baasanis kalaqamee jira. Dhibeen kun cimee deemnaan, ammuma fe'eyyuu yoo yaalii argate, carraan nama ajjeesuu isaa 97%.

Dhibeen nama qabee kan amma nama ajjeessutti ga'uu yoo ispoorii(spore) naannoo 10,000-20,000 qilleensaan wajjin (yeroo hafuura baafatan) yoo gara qaamaa seene. Akkuma dhibee kaanii, carraan ittiin dhibeen kanaan qabaman nama tokkoorra nama biraatti gargar yoo ta'u, namoonni tokko tokko salphaatti saaxilamu; ragaan barreeffame ta'e kan giddu-galeessatti ispoorii meeqatu nama saaxila jedhu hin jiru. Antiraaksiin argansuun nama qabu kun dhibee warraa wuul footuu ykn warra wayyaa dulloomee gatame funaantuu jedhameet beekkama. Hojiiwwan kun bineensota dhibee kaan qabmaniif waan nama saaxiluuf warri hojii kana hojjatan salphaatti dhibee kanaaf saaxilamu. Hojiiwwan kanaaf nama saaxilan keessaa kan biraa gaanfaa bineensotaa kolbaa hojjachuuf caccabsuu, rifeensaa bineensotaa kan ittiin buruushii hojjatan tuttuquu, fi gogaa bineensotaa ti. Gogaan bineensaa kan dhibee kanaan du'an irraa kan dhufe ta'uu ykn ispooriin ittin godhamee lafa kan kaawwame ta'uun hin beekkamu. Malli kun dhibee kana akka meeshaa baayolojiikaawaa itti fayyadamuuf gargaara.

Garaachaa fi marrimaan

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Antraaksin garaachaa fi marrimaanii nama kan qabu foon dhibee kanaan qabame nyaachun dhufa; mallattoon isaas dhukkubbii garaachaa fi marrimaanii, dhiiga hoqqisuu, albaatii hamaa, garaa gubaa marrimaanii fi nyaata jibbuu dha. Marrimaan, afaanii fi qoonqoon yeroo baayyee hin madaa'a. Erga baakteeriyaan kun garaa keessa faffaca'ee booda, itti aansun gara dhiigaatti darbee qaama keessa faffaca'a, summiis oomishuu ittuma fufa. Antiraaksin garaachaa fi marrimaanii yaallamuu kan danda'u yoo ta'u yaaliin dafee jalqabuu fi turuu isaarratti hunda'ee, carraa nama ajjeesuu 25%-60% ta'u qaba. Gosti antiraaksi kanaa bayyee xiqqaadha.

Antiraaksiin goaa namarratti madaa kan uumu yoo ta'u gidduun madaa kanaa hin gurraacha'a. Gurrachi madaa kanaa baayyee nama hin dhukkubu. Antiraaksiin gogaa kan inni ummamu bakka ispoorin itti gogaa namaa keessa seenetti yoo ta'u kunis erga seenee guyyaa 2 hanga 5tti jalqaba. Akka madaa kaanii odoo hin ta'in, madaan antiraaksii gogaa nama hin dhukkubu.

Antiraaksiin gogaa kan uummamu erga ispoorin Baasiles Antiraasis(Bacillus anthracis) gogaa namaa kessaa karaa madaatin seenee booda. Gosti antiraaksii kun baayyinaan kan nama qabu yoo bineensota dhibee kanaan qabame/du'e tuqanii.

Antiraaksiin goaa yoo yaalii argate yeroo baayyee nama hin ajjeesu, sababiinsaas miidhaan isaa gogaa irratti kan murtaa'e waan ta'eefi. Kunimmoo dhibeen kun qaama keessoo akka hin miine godha. Yoo yaalii argachuu baate, carraan nama ajjeesuu isaa 20% ta'a.

Baakteeriyaa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]
Color-enhanced scanning electron micrograph shows splenic tissue from a monkey with inhalational anthrax; featured are rod-shaped bacilli (yellow) and an erythrocyte (red).
Gram-positive anthrax bacteria (purple rods) in cerebrospinal fluid sample. If present, a Gram-negative bacterial species would appear pink. (The other cells are white blood cells).

Baasiles Antiraasisiin bifa ulee fakkaatu kan qabu baakteeriyaa eroobiikii (aerobic bacterium) ti; guddinii isaa naannoo maayikiroomeetirii 1 amma 9 ta'a. Baakteeriyaan kun dhibee akka inni fidu kan beekkame bara 1876 Rooberti Kookin ture. Rooberti Kook kana kan argate dhiiga sa'a dhibee kanaan qabamtee fudhatee, baakteeriyaa kana erga adda baasee booda hantuuta keessa kaa'e. Baakteeriyaan kun akka indoospooritti biyyee keessa taa'a, haala kanaan waggaa kurna baayyee turuu danda'a. Bineensonni biqiltuu nyaatan, yeroo marga dheedan ykn baala nyaatan qabamu, keessaahuu yeroo biqiltoota jabaataa, kan gubuu, fi qara qabu yeroo dheedan: sababiinsaas biqiltoonni akkasii madaa garaachaa fi/ykn marrimaanii uumuu waan danda'aniif, baakteeriyaan kun salphaatti karaa madaa kana tishuu keessa seenuu danda'a. Erga liqimfamee ykn madaarra bu'ee booda, baakteeriyaan kun saaxilamaa kana keessatti wal horuu jalqaba, dhukkubsataa qabame sanas guyyoota ykn torban muraasa keessatti ajjeesa. Insoospooronni bakka itti tishuu keessa seenan sanatti biqiluun sana booda karaa dhiigatiin gara liimfatiiksiitti faffaca'u, achittis wal horu.

Baakteeriyaan kun summii lama kan eksoo-tooksiin(exo-toxins) jedhamuu fi leetaal tooksiin (lethal toxin) jedhaman kan oomishuu yoo ta'u kan nama ajjeessuus summii kana. Doktoroonni du'a dhibee kanaan dhufe adda baasuf tokkoffaa tasa kan dhufe ta'uusaa, fi lammaffaa ammoo dhiiga gurraacha hin itinne kan qaama keessaa karaa uraa adda addaa yaa'un tilmaamuu danda'u. Erga dhukkubsataan du'ee booda, yeroo daqiiqaa muraasa hanga sa'a gabaabaa keessatti, baakteeriyaan antiraaksii baakteeriyaan an'eroobiikiin moo'amuudhaan ni balleessa. Haa ta'u malee, baakteeriyaan antiraaksii kan dhiiga wajiin qaama keessaa ba'e ispoorii jabaataa uumuu danda'a. Baakteeriyaan tokkoo ispoorii tokko uuma. Maaltuu baakteeriyaa antiraaksii ispoorii akka uumu akka godhu amma ammaatti wanti beekkame hin jiru, garuu ooksijiinitti saaxilamuunii fi nyaata dhabuun shoora akka tabatu ni tilmaamama. Ispooriin, tokkicha uummamnaan balleessuuf baayyee ulfaataadha.

Bineeldonni biqiltuu nyaatan (yeroo tokko tokko namoonnis) dhibee kanaan karaa argansuun kan qabaman akka kanatti: ispooronni qilleensa wajjin erga liqimfanii booda, qilleensaan hooffamuudhaan sombaa keessa alviyoolaa seenuu. Ispooronni somba keessaa seelota qulleessituun (scavenger cells - macrophages) fuudhamuudhaan karaa veeseloota xixiqqoo (small vessels - lymphatics) keessa hooffamudhaan gara liimfi noodii (lymph nodes) geeffamu. Miidhaan ispooronnii fi baasiilaayi qomarraan ga'u mallattoon dhibee qomma keenyarratti akka nutti dhaga'amu fi hafuura baafachuun akka ulfaatu godha. Erga liimfi noodii seenanii booda, ispooronni biqiluudhan gara baakteeriyaatti jijjiiramu, achiis saffisaan wal horuu jalqabu. Wal hormaata kanaan seelota qulleessituu dhoosuun baakteeriyaa baayyeen dhiiga keessa seenee gara qaama hundaatti akka faffaca'u godhu. Erga dhiiga keessa seenaanii booda, baakteeriyoonni baasilaayi kun pirootiinota sadi'i kan letha factor, edema factor, fi protective antigen jedhaman gadi lakkisa. Pirootiinonni sadanuu mataa isaanitti summii kan hin qabne yoo ta'u, walitti makamni isaanii garuu namaaf summii hamaa ta'a. Protective antigenin warreen lamaan hafan wajjin walitti makamuun summii lethal toxin fi edema toxin jedhamu uuma. Summiwwan kun miidhaa tishuu, dhangala'uu dhiigaa, fi du'a fidu. Yoo antiibaayotiiksiin turee kennameef, antiibaayotiiksiin baakteeriyaa kana yoo ajjeesee fixeyyuu, summii kanaan dhukubsataan sun ni du'a. Sababiinsaas summiin baakteeriyaa baasilaayiin uummame kun baayyina nama ajjeesuu danda'uun dhiiga keessatti waan hafuufi.

Ammeenyi dhibee antiraaksii amala baakteeriyaa kanaa lamarratti hunda'aa: (i) poly-D-glutamic acid capsule, kan baakteeriya kana faagoosaayitoosisii(phagocytosis) neutrophils dhukkubsataa irraa dhowwu, fi (ii) tripartite protein toxin, kan summii antiraaksii (anthrax toxin) jedhamu dha. Summiin antiraaksii makaa pirootiinota sadi'iitti: (i) protective antigen (PA), (ii) edema factor (EF), fi (iii) lethal factor (LF). PA fi LFn lethal toxin uumu, PA fi EF ammoo edema toxin uumu. Summiin lethal toxin du'aa yoo fidu, edema toxin ammoo dhiita'a tishuu/qaamaa fida.

Seeloota keessa seenuuf, endema fi lethal factor pirootiinii biraa kan baasiles antiraasis oomishu kan protective antigen jedhamutti fayyadamu. Protective antigen qabduu seelotaarratti argamu gosa lamatti of maxxansu. Inzaayiimii seelotaa kan pirooti'eez jedhamu PA bakka lamatti cabsa: PA20 fi PA63 tti. PA20n marsaa summeessuu keessaa bahee waan seelota ala turutti jijjiiraama. PA63n garuu sana booda caccabaa PA63 kan biraa ja'a wajjin oligomerize gochuun prepore uuma; kunis bifa geengoo qaba. Erga bifa kana erga godhatee booda, EF ykn LF sadi'i wajjin walitti qabachuun resistant complex uuma. Itti aanuun karaa rissepteroota seelootaatin endocytosis geggeeffama, karaa kanaan summiin kun seelota keessa seenuun keessoo seelotaa argata. Naannoon asidaawaa kan endosome keessaa kun heptamer akka LF ykn/fi EF cystosolitti gadi lakkisu godha. Akkamitti akka summiin kun seelota ajjeesu garuu sirriitti hin beekkamu.

Namoonni baayyeen dhibee kanatti karaa ittiin saaxilaman keessaa inni guddaan iddoo hojiitti bineeldota dhukkubstan ykn bu'aa bineeldota dhukkubsatanii (gogaa, foon, fi rifeensa(wool)) tti saxilamuudhaani. Hojjattoonni bineeldota du'anii fi bu'aa bineeldotaa kanaaf saaxilaman balaa dhibee kanaa guddaa keessa seenu, keessahuu biyyoota dhibeen kun baayyatu keessatti. Horiin yeroo goodatti bayee marga dheedu, bineensota daggalaa wajjin walitti makamuu waan danda'aniif, dhibeen antiraaksii darbee darbee karaa kana ni dhufa. Hojjattoonni baayyeen rifeensa uffata ta'urra (wool) fi gogaarra hojjatan ispoorii antiraaksii xiqqoodhaaf ni saaxilamu, garuu saaxilamni akkasii kun baayyensaa dhibee antiraaksii fiduuf ga'aa miti. Ittisni qaamaa saaxilama xixiqqaa akkasii kana ofirraa dhowwuu danda'a jedhamee yaaddama. Namoonni kun yeroo qabaman gosa dhibee kanaa kan antiraaksii gogaa jedhamuun qabamu. Seena dheeraa keessatti, antiraaksiin qilleensa wajjin seenu inni hamaan Woolsorters' disease jedhama, sababni isaas iddoo hojiitti namoota wool foo'an waan qabuufi. Yeroo amma, dhibeen karaa kana dhufu bineensonni dhibee kanaan qabaman waan hin jirreef baayyee xiqqaadha. Fakkeenyaaf, biyya USA keessatti dhibeen karaa kanaan nama qabe, yeroo dhumaaf bara 1976 yoo ta'u, kunis wool biyya Paakistaanii dhuferraa kan aka'e ture.

Talaalliin antiraaksii kan loonii fi namootaaf kennamu seenaa qorichaa keessatti iddoo guddaa qaba, argannoo Luuwii Paaster horiirratti godhe kan jaarraa 19ffaadhaa hanga oomisha ammayyaa (Bio Thrax) jaarraa 20ffaa keessa loltoota Ameerikaa waraanaa baayoloojikaawaarraa dhowwuuf ooletti dabalatee. Talaalliin antiraaksii kan namootaa Tokkummaa Sooviyeet keessatti bara 1930n keessa yoo hojjatamu, USA fi UK keessatti ammoo bara 1950n keessa hojjatame. Kan yeroo ammaa TNQ(FDA) USAn fudhatame fayyadamaa jirru bara 1960n keessa oomishame.

Yeroo ammaa, talaalliin antiraaksii kan namaa gosa acellular(USA) fi live spore(Raashiyaa) kennama. Talaalliin amma kennaman hundi mallattoo murtaawaa fi waliigalaa dhibee (madaa, qaamni hoo'uu, gogaan qaamaa diimachuu) agarsiisa; namoota naannoo 1% ta'an ammoo miidhaa jabaan irra ga'uu danda'aa.

Antiraaksin namarraa namatti qajeeltodhaan hin darbu, garuu uffannii fi qaamni namaa ispoorii antiraaksin faallamuu danda'a. Faallama kana balleessuuf, saamunaa farra jarmii fi bishaanin sirriitti miccuu barbaachisa. Bishaan faallame qulqulleessuuf farra jarmiitin yaaluu barbaachisa. Meeshaalee biraa qulqulleessuuf, meeshaa sana daqiiqaa 30 ol danfisuu/affeeluu barbaachisa. Kilooriniin yaalun ispoorii balleessurratti bayyee bu'aa kan hin qabne yoo ta'u formaldehyden fayyadamuun garuu bu'aa qaba. Uffata faallame gubuunis mala biraa ittin ispoorota balleessani. Erga ispoorin mala kanaan balleessinee booda, nama dhibee kana qabu namoota biraarraa adda qooduun barbaachisaa miti.

Antiibaayotiiksii

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Antiibayotiiksiidhaan dafanii yaaluun baayyee murteessaa dha - yaaliin yoo turee jalqabe carraa fayyisuu isaa baayyee xiqqeessa.

Yaaliin dhibee antiraaksii fi dhibee baakteeriyaan dhufan kan biraa antiibayotiiksii akka fluoroquinolones (like ciprofloxacin), doxycycline, erythromycin, vancomycin, or penicillin doozii baayyee liqimsuu fi waraannachuu barbaada. TNQ kan mirkaneeffaman ciprofloxacin, doxycycline, fi penicillin dabalata.

Antiraaksi qilleensa wajjin somba seenuuf, dafanii antiibayotiiksii prophylaxis yaalun du'aa oolchuuf baayyee murteessaa dha.

Caamsaa 2009tti, Human Genome Sciences eeyyama Biologic License Application qorichaasaa haaradhaaf galchate, qorichi kun raxibacumab kan jedhamu yoo ta'u antiraaksii qilleensa wajjin seenuf yaaluuf tajaajila. Yoo dhukkubsataan antiraaksiin du'e, reeffa sana kobaatti adda baasanii kaa'un jarmiin antiraaksii akka hin baballanne dhowwa. Reeffa awwaaluun ispoorii antiraaksii hin ajjeesu.

Waggaa as dhihoo keessa, qoricha antiraaksii haaraa oomishuuf yaaliin adda addaa godhaama jira, garuu qorich duraan jiruyyuu yoo yaaliin yeroodhaan kennamuu jalqabe dhibee kanarraa ni fayyisa.

Monoclonal antibodies

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Mudde 14, 2012tti, TNQ USA raxibacumab antiraaksii qilleensaan seenuu yaaluu akka limmoodhaan kennamu eeyyame. Raxibacumab antiibodii monoclonial kan summii Baasiles Antiraasisiin uummamu sana halaksiisa. Summiin kun tishuurratti miidhama hin fayyinee fi du'a fida. Antiibodii monoclonial kun pirootiinii antiibodii namaa fakkaatu yoo ta'u qaamota alaa nama keessa seenan kan akka baakteeriyaa fi vaayiresii barbaadanii balleessa.

Maqaan antiraaksii jedhu kan dhufe jecha Giriik anthrax[άνθραξ] irraa yoo ta'u jechi kun maqaa 'dhagaa cilee' (coal) ture. Maqaan kun kan kennameefis miidhaa dhibeen kun gogaa qaamarraan ga'uu bifa gurraachaa waan qabuu fi. Dhibeen kun kan qoratamee argame bara 1876 Rooberti Kookin ture.

Argamargama

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Doktoriin lammii Jarmanii Rooberti Kook baakteeriyaa dhibee antiraaksii fidu yeroo jalqabaatiif bara 1875 Wolsztynitti argate. Argannoon isaa kan jaarraa 19ffaa gara dhumaa keessaa kun, dhibeen lubbu qabeeyyii ijaan hin mullanne (microbe) xixiqqoodhaan akka dhufu hubachiise. Yaalii (experiment) gurguddaa hojjateen, Rooberti Kook marsaa jireenyaa fi mala ittiin antiraaksiin darbu adda baasee argate. Yaaliin isaa kun antiraaksii hubachuuf qofa odoo hin taane, dhibeen lubbu qabeeyyii ijaan hin mullanne (microbe) akka dhufu hubachiisu keessatti ga'ee guddaa qaba; sana dura dhibeen karaa ittiin dhufu hin beekkamu ture. Kook ittuma fufuudhaan akkataa dhibeewwan biraa ittiin darban qorate. Kanaafis, Badhaasaa Noobelii kan bara 1905 baakteeriyaa tuberkiloosis (dhukkuba somba) fidu waan argateef badhaafame.

Talaallii Jalqabaa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Caamsaa 1881tti, Luuwii Paaster yaalii uummataaf banaa ta'e kan yaadaa talaallii agarsiisu geggeesse. Paaster garee lamaan hoolota 25, re'ee tokko, fi saawwan muraasa qopheesse. Horii garee tokko keessa jiraniif talaalliin Paaster qopheesse garaa garummaa guyyaa kudha shan gidduutti si'a lama kennameef, garee kan lammataatii garuu talaallin wayiituu hin kennamneef. Erga talaalliin jalqabaa kennamee guyyaa soddoma booda, gareen lamaanuu baakteeriyaa antiraaksii lubbuu qabu waraannaman. Horiin garee talaallii hin fudhatin keessa turan hundi yoo dua'an, horiin garee talaallii fudhatan keessa jiran tokkollee hin duune.

Talaalliin antiraaksii kan namaa bara 1954 gadi lakkifame. Talaalliin kun kan seelii hin qabne dha, kan Paaster horiidhaaf fayyadame seelii lubbuu qabu ture. Talaalliin seelii hin qabne irra fooyya'aan bara 1970tti bahe.

Kanas Ilaali

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Liinkii Alaa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Wikimedia Commons on Antiraaksii

saalaa jalqabuuf utuu jedhanii, utuu qunnaamtii hin godhiin jalaa qaamni kormaa dhangala’u ykn eegalanii daqiiqaa 1 gaditti xumuran rakkoo kana qabu jedhamee yaadama. Waanti kun takkaa yoo nama qabate waan nama hin gadhiifne yokaan nama waliin hafu miti. Waqxii tokkoof nama mudatee baduus danda’a, namoota tokko tokkorrammoo turuu danda’a. Dhibee kana kan fidu kana jedhamee quba itti qabamee adda baafamuu baatus kanneen armaan gadii waliin ta’anii harka keessaa qabu. 1. Dhiphina/muddama sammuu (stress) 2. Yeroo hedduu garmalee gadduu (depression) 3. Sodaan walqunnaamtii saalaa hin danda’u jedhu dursee sammuu keessa jiraachuu. 4. Miira balleessaa qabaachuu (guilt) namatti dhaga’amuu 5. Rakkoon hariiroo jaalalaa (relation ship) jiraachuu. AKKAMIIN OFGARGAARUU DANDEENYA? Namoota rakkoo kana qaban keessaa 95% osoo qoricha mana yaalaa hin barbaadiin maloota armaan gadii kana keessaa kan isaaniif ta’u fayyadamanii dhibee kana ofirraa balleessu. 1. Afuura dheeraa (deap breath ) fudhachuu. Yoo xixiqqeessanii afuura baafatan gara dafanii sanyii kormaa dhangalaasuutti geessa. 2. Qofaatti shaakaluu. Kun mala tuttuquu (masturbation) fayyadamuun yoo sanyiin kormaa dhangala’uuf jedhu gidduutti dhaabuudha. Ammas irra deddeebi’anii hojjachuudhaan of shaakalsiisuudha. Yoo kana godhanyoo qaamaan haadha manaa yokaan jaalallee isaanii bira deeman illee qabachuu danda’an. 3. Yoo qunnaamtii saalaa godhan yoo miirri olka’ee sanyiin kormaa dhangala’uuf jedhu bakka qaamni saalaa dhiiraa (penis) qaamarraa itti ka’u jalaaan jabeessanii gadi qabuu (Squeezing) akka dafee hin dhangalaane gargaara. Kanas qofaa ofii shaakaluun gaariidha. 4. Yoo qunnaamtii saalaa goodhamu guutummaa guutuutti yaada keenya qaama saalaa keenyarra kaa’uu dhiifnee bakka biraa yaadaa raawwachuun hedduu gargaara. 5. Jarjaruu fi ariifannaa, sodaa fi miirota kana fakkaatan haga dandeenye ofirraa fageessuu qabna. 6. Namootni walqunnaamtii saalaa yeroo dheeraaf hin godhiin yoo turan waan kun akka mudatu ni taasisa. Akkuma deddeebineen raawwanneen garuu fooyya’aa deema. 7. Yoo qunnaamtii saalaa goonu akkuma miirri olka’aa deemee gara dhangala’uutti dhiyaateen sochii gadi xiqqeessuudha. Yoo garmalee sosocho’an dafee akka dhangala’u waan taasisuuf. Fayyaan faaya

Dhibee Wal qunnamtii Saalaa Dafanii Xumuruu Faayidaa Timiraa Mallattoo Dhukkuba Kalee fi Wantoota Gochuu Qabnu Mallattolee Dadhabuu Onnee Dhiita'uu Qaama Saala Dhiiraa(Varicocele)fi Mallatto Isaa Haphachuu Rifeensaa Akkamiin Ittisuu Dandeenya? Mallattoo, Ka'umsaa fi Furmaata Hir'ina Dhiigaa Dhukkuba Huuba Qoonqoo/Toonsilii Faayidaa Jinjibilli Qabu

  • Namoonni HAADHA MANAA isaanii waliin walqunnamtii