Jump to content

Sirni bullaa’insa nyaataa

Wikipedia irraa
Sirna bullaa'insa nyaataa namaa

Sirni bullaa'insa nyaataa (Afaan ingiliizii: digestive system) kutaalee qaamaa nyaata daakudha. Innis sirna garaachoomar'imaanii(gastrointestine)ti . Nyaata gara keemikaalota salphaa kanneen yaa'a dhiigaatti xuuxamuu danda'utti caccabsa .

Dhiiga keessaa sooranni gara tiruu, kan warshaa keemikaalaa qaamaaf ta'utti deema. Tiruun soorata sana sirreessa, akka makaan sun waan qaamni barbaadu ta'uuf.

Garaa keessatti asiidiin garaachaa ni seena. Kun bu'uuraan asiidii haayidirookiloorikiin callabaa'aati . Baayyee walnyaatinsa kan qabuu fi sadarkaan pH 1.5 hanga 3.5 qaba. Garaan asiidii irraa of eeguuf baqqaana furrii(mucus layer) qaba.

Sirni bulaa’insa nyaataa jalqabaa hanga dhumaatti ujummoo keessi isaa banamaa ta’e kan qabu yommuu ta’u, innis wal-duraa duubaan caasaalee afaan, isoofagasii, garaacha, mar’imaan qal’aa, mar’imaan furdaa, buubbuufi qaawwa munnee of-keessatti qabata . Nyaanni afaaniin seene afaan keessatti bulaa’uu eegaluun sadarkaa sadarkaan adeemsa bullaa’insaa keessa darbuun bu’aan bullaa’insaa mar’immaan qal’aa keessatti xuuxamuu. Kannen hinbullooneefi hinfayyadne garuu bishaan karaa mar’immaan furdaa keessaa xuuxamuun qaawwa munneen gara alaatti dhabamsiisama

Sirni bullaa'insa nyaataa garaa qofa miti, garuu qaamolee biroo nyaata bullaa'uuf nu gargaaran. Fakkeenyaaf, nam'oota(enzymes) bullaa’insa kaarboohayidireetii fi foon gara wantoota xuuxamuu danda’anitti caccabsuuf barbaachisu.

Kutaaleen sirna bullaa'insa nyaataa namaa bineensota hedduu keessatti tokko:

  • Afaan
  • Qoonqoo
  • Liqimsituu
  • Garaa
  • Mar'imaan
    • Mar'imaan qallaa
      • macuree (Duodenum)
      • Garaangaree(Jejunum)
      • Gurda (Ileum)
    • Mar'imaan furdaa
      • Gaangoo(Cecum)
      • Qocuma(colon)
  • bubbuu (Rectum).
  • Munnee(Anus)

Qaamonni biroo qaama sirna garaachoomar'imaanii ta’an garuu qaama garaa(gut) hin taane :

  • Tiruu fi afuuffee haddhooftuu
  • Raajijjii(pancreas)
  • Xannachoota hancuufaa, hidhii, ilkaan, arraba, Cufokkee (epiglottis), kalladoo(thyroid), fi kalladoollaa(parathyroids)

Nama keessatti sirni bullaa’insa nyaataa qaamolee lama of keessaa qaba

1. Qaamolee bullaa’insa nyaataa jalqabaa kanneen akka holqa afaanii, liqimsituu, garaa, mar'imaan qal'aa fi mar'imaan furdaa dabalatee

2. Qaamolee gargaaraa kanneen akka xannachoota hancufaa, tiruu, afuuffee hadhooytuu fi raajijjii

Bullaa’insi nyaataa adeemsa 4 of keessaa qaba

1. Afaanitti fudhachuu – soorata afaan keessaa fudhachuu

b. Bullaa’insa - molakiyuulota orgaanikii walxaxaa ta’an gara qaamolee xixiqqootti inzaayimoota adeemsa fiizikaalaa fi keemikaalaan kan holqa afaanii irraa eegalee hanga mar'imaan qal'aa fullata,

c. Xuuxuu – geejjibaa oomisha dhumaa bullaa’insa nyaataa mar'imaan qal'aa irraa gara lubbiyyoo qaamaa

d. bobba'a(Egestion) - Nyaata hin daakamiin akka bobbaa(faece) bahuu. Garaagarummaan usaansa fi bobba'a gidduu jiru gosa balfa orgaanizimiin tokko baasu irratti hundaa’a. Nyaanni hin bullaa’in erga bullaa’ee booda hafe adeemsa egestion keessatti bineensota keessatti ni ari’ama. Usaansa jechuun adeemsa balfi nadheefaa(metabolic) biqiltootaa fi bineensota keessatti ittiin baafamuudha.

Bifa Bullaa’insa soorataa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Bullaa’insi soorataa bifa lamaan ilaalamuu danda’a. Kunniinis bullaa’insa soorataa nafooyyee fi bullaa’insa soorataa keemikaalaa ti.

Bullaa’insa soorataa nafooyyee

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Molekiyuulotni soorataa gurguddoon utuu hin liqimfamin ilkaaniin caccabanii fi daakamanii maashaa safaa garaacha keessaatiin sochoofamanii (raafamanii), bishaan, enzaayimootaa fi dhangala’oo akka asiidii wajjin waliin makamanii akka bulbulaman taasifamu. Bulbulamni kun jijjiirama bocaa fiduun enzaayimootaaf haala mijeessa malee walnyaatinsa keemikaalaa miti.

Bullaa’insa soorataa keemikaalaa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Bullaa’isa soorataa kana keessatti molekiyuulotni gurguddoon akka sukkaar-hedduu (kaarboohayidireetii), pirootiinotaa fi lippiidotaa adeemsa hayidirooliisisiitiin gara monomeroota isaaniitti jijjiiramu. Adeemsi kun walnyaatinsa keemikalawaa waan ta’eef enzaayimootaan saffisiifama. Bullaa’insi soorataa keemikalawaa afaan, garaachaa fi mari’immaan qal’aa keessatti gaggeeffama.

Qaamolee Bullaa’insa Nyaataa Sadarkaa Duraa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Holqa afaanii(Oral cavity)

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Qaawwa afaanii keessatti bullaa’insi fiizikaalaa fi keemikaalaa ni jalqaba. Innis bakka nyaanni gara sirna bullaa’insa nyaataa seenu dha. Adeemsi afaan keessatti raawwatamu:

1.nyaanni sun alanfannaa, gocha daakuun ilkaan gara xixiqqootti caccaba.

 2.Hancufa, dhangala'aan bishaan fakkaatu kan xannachoota hancufaatiniin uumamu of keessaa qaba

3.hancuuftiin suudoowwan nyaataa balleessuun waan nyaatamaa jiru dhandhamuun akka danda'amu taasisa.

4.hancuuftiin nyaata akka liqimfamuu godha.

5. mi’aa isaa kan adda baasnu yeroo xixiqqoo nyaataa haxxiffannaa keessatti bulbulaman lubbiyyoo mi’aa arrabaa fi mallaa irratti argaman keessa seenudha.

6.arrabni, nyaata ejjennoo fi walitti makuun kubbaa nyaataa bolus jedhamu kan liqimfamuuf qophaa'e uuma.

Ilkaan (Teeth)

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Ilkaan bullaa'insa qaamaa keessatti gahee murteessaa qaba. Nyaata xixiqqootti caccabsuuf itti gaafatamummaa kan qaban yoo ta’u, kunis inzaayimoonni bullaa’insa nyaataa daran akka caccabsan taasisa. Ilkaan gosa afur kan qabanu yoo ta’u, tokkoon tokkoon isaanii hojii addaa kan qaban:

  1. Ilkaan duree: Isaan kun ilkaan saddeet boca qirixii (chisel) qaban kanneen lkaan fuul-duree fiixee murtuu fakkaatu qabu, nyaata ciniinuufi muruuf gargaaruudha
  2. Qarriffaa: Ilkaan dureetti aanee kan argamu ta’ee fiixee qaramaa kan qabuufi nyaata tarsaasuufi uruuf ooluudha.
  3. Aa'oo: ilkaan cinaa qarriffaatti aanee argamu, nyaata bulleessuuf ooluudha.
  4. Daadee: ilkaan gara duuba dhumaatti argamu, caccabsuufi bulleessuuf ooluudha.

Gubbaan gar-tokkee a’amaa ilkaan duree 2, qarriffaa 1, a’oo 2fi daadee 3 qaba. Haaluma wal-fakkaatuun gar-tokkeen aa’amni jalaas ilkaan duree 2, qarriffaa 1, adaadee 2fi daadee 3 dha. Isa adda addatti ibsame kana tartiibuma gubbaafi jalaatiin yeroo bakka tokkotti dhufu, . Ida’amni lakkoofsa ilkaan gar tokkee a’amaa walitti =16 yommuu ta’u, waliigalli lakkoofsa ilkaanii nama ga’eessaa immoo 16 × 2 = 32 ta’a. Tooftaan lakkoofsaafi gosa ilkaanii haala kanaan gabaabsuun ibsamu kun unkee ilkaanii jedhama. Foormulaan kun lakkoofsaafi gosti ilkaan namaa a’amaa gubbaafi jalaatti wal-fakkaataa ta’uu agarsiisa.

Ilkaan qaama namaa keessatti wantoota jajjaboo ta’aniidha. Ilkaan daakuuf barbaachisaa ta’uu bira darbee dubbii keessatti gahee guddaa qaba. Kutaaleen ilkaan kanneen akka:

  • Irralkee(Enamel): Uwwisa adii jabaataa ala gubbaa ilkaanii ti. Iimaaliin irra caalaa kaalsiyeem fosfeetii, albuuda akka dhagaa jabaa ta'e irraa hojjetama.
  • Ilkoo (Dentin): baqaana keessoo yoo ta'u, tishuu jabaa kan ujummoo maaykirooskoopii of keessaa qabuudha. Yeroo irralkee miidhamu ho’i ykn qorri karaalee kanaan ilkaan seenuun miira ykn dhukkubbii fiduu danda’a.
  • Dhuka ilkaanii (Pulp): caasaa keessaa ilkaan lallaafaa fi lubbuu qabu. Ujummoon dhiigaa fi narviin ilkaan keessaa fiiga.
  • Golxa hirphoo (Periodontal ligament): tishuu ilkaan cimsee qabachuuf gargaaru, a'ama irratti.
  • Hundee- kutaa ilkaan gara lafeetti diriiree ilkaan bakka isaa qabatudha. Ilkaan keessaa tilmaamaan harka sadii keessaa lama ta’a
  • Irgoo(gum): Ilkaan, ididdii jedhamuunis kan waamamu, foon kan qabuu fi bifa pilaastikii kan qabu kan morma ilkaanii fi simintootti maxxanuudha.
  • Gubbaa ilkaanii: Gubban ilkaanii kutaa ilkaan isa gubbaa mul’atudha.

Arraba(tongue)

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Arrabni qaama miiraa dhamdhammii kan keemikaalotaaf miiramuu dha. Tuutni seelotaa kichuu fakkaatan kanneen kuskussee dhamdhammii jedhaman arraba keessatti awwaalamanii argamu. Isaanis yoo wanti dhamdhamamu bulbulamee qaawwaa keessaan bira gahe malee dhamdhammii wantoo tokkoo adda baasuu hin danda’an. Arraba keessa kuskusseen dhamdhammii gosoota afurtu kallattii adda addaatti kuufamanii argamu.

  • Kuskusseen mi’aawaa - fiixee fuulduraa
  • Kuskusseen kuraawaa - cina fiixee lamaanii
  • Kuskusseen dhangaggaawaa - gara gidduu cinaa lamaanii fi
  • Kuskusseen hadhaawaa - gara duuba arrabaatti argamu

Qoonqoo(pharynx)

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Sirna bullaa’insa nyaataa keessatti, qoonqoon akka walqabsiisa murteessaa bakka rifuu Liphii liqimsuu itti jalqabamutti tajaajila. Nyaanni erga daakuun afaan keessatti liqimii(bolus) ta’ee erga uumamee booda arrabni gara dugda afaanii fi gara qoonqoo dhiiba. Sana booda fudhattoonni miiraa qoonqoo keessa jiran fedhii malee maashaalee walitti fufiinsaan kan kaasan yoo ta’u, kunis bolus karaa faarinksii fi gara ujummoo nyaataa kan sochoosu yoo ta’u, epiglottis ammoo aspiraashinii ittisuuf tiraakiyaa cufa. Sochiin qindoomina qabu kun, peristalsis jedhamuun kan beekamu, nyaanni gara ujummoo qilleensaa osoo hin taane gara ujummoo nyaataa caalaatti akka bullaa’uuf gara ujummoo nyaataa akka qajeelu taasisa. Haala kanaan, nyaanni afaan irraa gara ujummoo nyaataa akka darbu haala mijeessuu, bullaa’insa nyaataa bu’a qabeessa ta’e mirkaneessuu fi rakkoolee sirna hargansuu ittisuu keessatti gahee olaanaa qaba.

Liqimsituu(Esophagus)

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Nyaanni liqimfame karaa liqimsituun afaan irraa gara garaachaatti imala. Liqimiin(Bolus) nyaataa maashaalee dirirsuntuura (peristalsis) dallaa liqimsituu diriirsee gadi buusuu. kottonfannaan dambaloo, kan fedhii malee nyaata karaa garaachaa sochoosu. gochi dambaloo nyaata ykn dhangala’aa liqimsituu irraa gara garaachaatti ni sochoosuudha.Nyaata sochiin dirirsuntuura(peristaltic) fi laanqeessaa(mucus) dhangalaasuun ujummoo dibachuuf sochoosa.Wiirtuuleen sirna hargansuu sammuu yeroodhaaf hojiinala kan ta'aniifi nyaanni gara sirna hargansuu osoo hin taane gara sirna bullaa'insa nyaataatti akka qajeelu mirkaneessuuf.

Liqimiin soorata jajjaboo afaan keessatti bullaa'ee, hancufaan laafee fi arrabaan waliin dha'amee boca kubbaa qabatee qoonqoo keessaan gara garaachaatti gadi bu'u dha.

  Yeroo liqimsinu cufokkeen(epiglottis) ujummoo qileensaa ykn kokkee irratti cufama, nyaanni gara sombaatti akka gadi hin buune dhorka Nyaanni gara kokkee yoo seene cufamuu danda’a akkasumas hudhamuun ni uuma Haala kanaan cufokkeen yeroo liqimnu hunda kokkee cufatee nyaata kokkee irraa dhorka. huutuun,(valve) lamaatiin kan to’atamu. Dhuma gubbaa ujummoo nyaataa ykn liqimsituu irratti huutuu qoongoongiraa( pharyngoesophageal) jedhamu argama. Dhuma ujummoo nyaataa isa gadii irratti huutuu gaarachooliqimsituu (gastroesophageal) huutuun gaarachooliqimsituu dhangala'oo garaachaa fi nyaanni  keessaa gara ujummoo nyaataa akka hin deebine  dhorka. huutuun maashaa lafee kan baandii geengoo uumuu fi guddina banaa tokkoo to’atudha.

Garaacha(Stomach)

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Bullaa’insi pirootiinii garacha keessatti eegala. Keessi garaachaa HCl waan of keessaa qabuuf enzaayimootni bakka kanatti hojjatan kanneen naannawaa asiidawaa barbaadanii dha. Enzaayimiin cimaan garaacha keessatti bullaa’insa pirootiinii saffisiisu peepsiinii dha. Peepsiiniin hidhoowwan amiinoo asiidota gidduu jiru diiguun pirootiinotni gara fuuncaalee xixiqqoo peeptaayidootaatti akka ciccitan taasisa. Reniiniin garaacha keessaa immoo pirootiinota aannanii (ijoo kan ta’e keeziinii dha) akka furdatan taasisa. Kun immoo itti fufiinsaan akka daakamuuf tolutti annan garaacha keessaa akka turuuf gargaara.

Garaan qalqalloo maashaa kan nyaata qabachuu fi bulleessu ta'ee hojjetudha. Garaachi nam'oota maddisisuu: Pepsiiniin burqata jalqabaa kan asitti jalqabu pirootiinota qofatu gartokkoon garaacha keessatti daaku. Rennin, inzaayimii biraa dhangala’aa garaachaa keessatti argamu(ijoollee xixiqqoo keessatti), burqata aanaanii irratti hojjeta. Liipeesii daa'imman xixiqqoo keessatti lipiidota gara dhangaggee coomaa fi gilsaariiniitti jijjiiruuf.Asiidiin PH amiilaasii fi liipeesii afaan irraa jijjiiruun lipidii fi Kaarboohayidiroonni hin bullaa'u. Dhangaggeewwani fi nyaata gara garaacha xiqqaatti akka darban to'achuuf isa gadii irratti huutuu jalgaraa (pyloric sphincter) qaba. Maashaa marsaa sadii kallattii adda addaatiin qaba. Maashaaleen kun nyaata sana walitti makuun (qaamaan daakuuf) gara mooqqee(paste) furdaa kiriimii qabu kan cumaa (Chyme) jedhamutti jijjiiramu. Garkurumaan nyaata gartokkoon daakuun dhangala’aa garaachaa waliin makame of keessaa qaba. Kutaan xiqqaan garkurumaa gara kutaa jalqabaa mar'imaan xiqqaa duodenum jedhamutti dhidhiitama. Sochiin garkurumaa hormoonii garaacha afuuffoo fi maashaalee rifuu kanneen  huutuu jalgaraa  irratti dhiibbaa uumuun kan to’atamudha.Seelonni miliyoonaan lakkaa’aman sabaga laanqessaa(mucosa) keessa jiran dhangala’aa garaachaa adda addaa dhangalaasu.dhangala'oon garaachaa HCl, laanqessaa(mucous), peepsiinoojinii  , reeniinii, akkumsa keesoo (intrinsic factors), dhangaloo macurgaraa(gastrin) fi liipaasii garaachaa (gastric lipase) (Lubbiyyoo gurguddoon) of keessatti qabata.