Jump to content

Saalaa

Wikipedia irraa
?Saalaa

odeeffannoo saayinsaawaa
mootummaa: Bineeldoota (Animalia)
Murna: Lafee qabeeyyii (Chordata)
Gita: Hoosiiftoota (Mammalia)
Tartiiba: Kotteeyyii quba guutuu(Artiodactyla)
Warra: Haraasheeyyii Bovidae
cita-Warraa: Arroolee fakkattu fardaa(Hippotraginae)
Qaccee: Saalaa (Oryx)


Saalaan (Oryx) naannawa Afriikaa gama bahaa fi Kibbaa, akkasumas Eeshiyaa keessaa biyyoota akka Urduunii fi Oomaan keessatti argama. Bineensi kun ilma namaatiifi bineensota hedduun waan adamsamuuf, lakkoofsi isaa haalaan xiqqaachutti jira. Sababaa adamootiin sanyiin bineensa kanaa bosona duraan keessa jiraatu keessaa dhabama tahee jira. Haa ta’u malee muraasni isaanii paarkiiwwan eegumsi haalaan godhamuuf keessatti ni argamu.


Saalaan sanyiiwwan arroolee (antelope) keessaa isa guddaadha. Bineensi kun meetira tokkoof walakkaa haga meetira lamaa lafarra dheerata.  Qeensa miilaati haga ceekuutis meetira 1 fi cinaa dheerachuu danda’a. Ulfaatinni uumama kanaatis dheerinnaa fi guddina isaarratti hundaa’ee garaagarummaa qaba. Sanyiin irra xiqqaan Kilograama 100 kan ulfaatu yoo ta’u, inni guddaan ammoo haga Kilograama 204 ulfaata.


Saalaan morma akka fardaa qaba. Akkuma fardaa rifeensa morma gubbaa qaba. Fuula isaa irraa rifeensa adii kan qabu yoo ta’u, gama fuulduraatiin gurraacha rog sadee fakkaatu qaba. Akkasumas ija isaa irraa kaasee hanga afaan isaatti sarara qal’aa bifa gurraacha qabus ni qaba. Gaafni isaa ammoo haalaan dheeraa yoo ta’u, seentimeetira 60 hanga 80 dheeratuu danda’a. kunis dheerinna qaama isaatiin walitti dhihaata. Gaafni dhaltuu ammoo kan kormaa irra qal’aadha.


Saalaan gamtaan qubsuma tolfatee jiraata. Qubsumni kun daangaa mataa isaa qaba. Gareen saalaa kun kormaan kan hoogganamu yoo ta’u, innis faltii isaa fayyadamuun daangaa qubsuma isaa mallattoo itti godha. Miseensonni qubsuma tokko keessa jiraatan, haala qilleensa naannoo irratti hundaa’ee garaagarummaa qabu. Fakkeenyaaf wayta gannaa akkuma roobni roobeen margi hedduminaan yoo biqile, lakkoofsi miseensota garee tokkoo 100 ol ta’uu danda’u. Yeroo margi hin jirre ammoo gareen guddaan kun adda faffaca’a. Miseensi guddaan sun adda diigamee, gara naannawa garagaraa deemee miseensa xiqqaa ijaaruun qubsuma mataa isaa tolfata. Lakkoofsi miseensotaatis haga 30tti gad bu’a. Uumamni kun marga sooratuudhaan kan jiraatu waan ta’eef, jireenyi isaa Rooba samii bu’urratti rarra’a jechuudha.


Akkuma bineensota gammoojjii keessa jiraatan  hedduu, Saalaanis dandeettii addaa Rabbii isaa irraa badhaafamee jira. Bineensonni gammoojjii keessa jiraatan hedduun isaanii bishaan osoo hin dhugin yeroo dheeraa turuu ni danda’u. Saalaanis akkasuma bishaan osoo hin dhugin haga torban 2 turuu ni danda’a. Badhaasa addaa uumamni kun badhaafame keessaa kan ajaa’ibaa ammoo, teempireechara qaama isaa toohachuu danda’uu isaati. Nuti ilmaan namaa yeroo qabbanaatti waan qaama ittiin oowwifannu barbaanna. Yeroo oowwaa ammoo waan qaama nuu qabbaneessutti haajamna. Saalaan ammoo faallaa kanaati. Wayta haalli qilleensaa oowwu, innis teempireechara qaama isaa ol dabala. Sababaa kanaaf wayta qilleensi nama gubuttis qaamni bineensa kanaa hin dafqu jechuudha. Akkasuma yeroo qilleensi qabbanaawus, saalaan dhiiga ofii qabbaneessa. Kunis dhiigni gara sammuu isaa heddummaatee akka hin baane taasisa. Dhiigni gara sammuu hedduminaan yoo hin baane ammoo qaamni isaa akka hin hoo’ine taasisa. Silaa naannawa qabbanaawatti qaama oo’ifachuun, naannawa oo’aatti ammoo qaama qabbaneefachuun baramaadha. Saalaan ammoo dandeettii kanaan faallaa badhaafame. Kunis bishaan malee yeroo dheeraaf akka jiraatu isa taasiseera.


Ammas Saalaan dandeettii biraa qaba. Kunis rooba fuunfatee adda baafatuu isaati. Saalaan fageenya Kilomeetira 80 irraa Roobni jiraachuu isaa fuunfatee adda baafatuu danda’a. Kanaafuu Saalaan Adaamaa taa’ee Finfinnetti Roobni roobaa jiraachuusaa ni beeka jechuudha. Roobni roobuu isaa akkuma adda baafateen, miseensonni hundi gara naannawa Roobaa jiru san imalu.


Saalaan diina heddu bosona keessaa qaba. Leenci, Waraabessi, akkasumas Sardiidni diina hamaa Saalaati. Saalaan wayta diina kanniin argu, akkuma sanyiilee Arroolee kaawwanii saffisa qabutti fayyadamuun bineensota kanniin jalaa miliquudhaaf yaala. Sa’aa tokko keessattis Kilomeetira 60 fiiguu danda’a. Diina hedduus isaan hin sodaachisneen yoo walitti dhufan ammoo mala biraa fayyadamu. Gaafni uumama kanaa qal’aa dheeraa waan taheef, waan itti qajeele haala salphaan uree seenuu danda’a. Kanaaf wayta diinni lallaafaan itti dhufu hindi isaanii tarree galanii dhaabbatanii eegu. Yoo diinni kun itti as dhihaate ammoo, mataan lafatti gombifamanii gaafa isaanii qaraa saniin diina ofirraa faccisu. Haala kanaan diina lallaafaa humna jabaa hin qabne dura dhaabbatu.


Gama hormaataatiinis bineensi kun bineensota heddurraa waan adda tahuun qaba. Bineensonni heddu waqtii hormaataa qabu. Yeroo dhaltuun hanqaaquu qopheessitee hormaataaf qophooftu malee, wal qunnamtiin hormaataa hin raawwatamu. Saalaa bira garuu dubbiin kun hin jiru. Saalaan waggaa guutuu wal qunnamtii wal hormaataa ni raawwata. Rimayni dhaltuu ji’a saddeetiif tura. Yeroo takkaanis ilmoo takka qofa dhalti. Ilmoonis akkuma dhalatteen lafaa kaatee fiiguu akkasumas marga dheeduu jalqabdi. Haadhoonis akkuma ilmoo dhalteen, yeroo gabaabaa keessatti wal qunnamtii wal hormaataa raawwatti. Ilmoon Saalaatis haga ilmoon itti aantu dhalatutti mucha haadhaa ni hooti. Saalaan tokko hayyama Rabbiitiin haga waggaa 20 jiraatuu danda’a.