Marsaa kaarboonii

Wikipedia irraa
Marsaa kaarboonii saffisaa kan sochii kaarboonii lafa, hawaa fi galaana gidduutti waggaatti toonii biliyoonaan (gigaton) agarsiisu. Lakkoofsi keelloo dhangala’aa uumamaa, diimaan gumaacha namaa, adiin kaarboonii kuufameedha. Bu’aan marsaa kaarboonii suuta jedhu (ykn gadi fagoo), kan akka sochii volkaanoo fi tektoonikii hin hammatamne.

Marsaan kaarboonii kutaa marsaa baayooji'ookeemikaalaa kaarbooniin baayoosfiiraa, peedoosfiiraa, ji'osfiiraa, haayidiroosfiiraa fi hawaa lafaa gidduutti ittiin waljijjiirudha . Marsaan baayoo ji'ookeemikaalaa gurguddoon biroo marsaa naayitiroojiinii fi marsaa bishaanii kan dabalatudha . Kaarbooniin qaama ijoo kompaawundoota baayoloojii akkasumas qaama guddaa albuuda hedduu kan akka dhagaa liimsaa ti . Marsaan kaarboonii tartiiba taateewwan lafti jireenya itti fufsiisuu akka dandeessu gochuuf furtuu ta’an of keessaa qaba. Sochii kaarboonii yeroo deebi’ee fayyadamuu fi deebi’ee itti fayyadamu guutummaa baayoosfiiraa keessatti, akkasumas adeemsa yeroo dheeraa kaarboonii qabachuu (kuusaa) gara sinqii kaarboonii irraa gadhiifamuu ibsa .

Atoomiin kaarboonii atimosfarii, qaama lubbu-qabeeyyii fi qaama du'aa lubbu-qabeeyyii keessatti argama. Atoomiin kaarboonii bifa CO2 23 atimoosfarii keessatti argamu adeemsa fotosenteesisiitiin gara qaama lubbu-qabeeyyiitti seena. Yeroo gubama soorataa fi yeroo boba'aawwan foosiilii gubatan elementiin kaarboonii deebi'ee gara atimoosfariitti gadi-lakkifama. Kaarbooniin qabiyyee olaanaa kaarbohayidiretootaa , pirootiinotaa, liippidootaa fi asiidota niwukilikii ti. Kaarbooniin heddumminaan kuufamee kan argamu: o Atimoosfarii fi galaana keessa bifa CO2 tiin o Lubbu qabeeyyii keessa bifa kompaawondoota orgaanikiitiin o Qaama du’aa wantoota orgaanikii keessa o Haftee orgaanizimoota durii keessa o Sheelii bineeldota galaanaa keessa o Bifa kaarboonetiin(carbonates) dhagaa lafa keessaa keessa o Bifa kaarbooniitiin boba’aa haftee(fossil fuels) keessa ? Marsaa kaarboonii keessatti adeemsawwan gurguddoo raawwataman maal fa’a? Marsaan kaarboonii yaa’a anniisaa waliin kan wal qabatee dha. Sababiin isaas kaarbooniin elementii yaa’a anniisaa wajjin deemu/walqabatee dha. Gulantaa soorataa fi funcaa soorataa qopheessitootaan bifa soorataan seena . Walumaa galatti marsaan kaarboonii kan jalqabu kaarboondaayoksaayidiin qilleensa keessa jiru wayita adeemsa footosinteesisiitiif biqiloonni atimoosfarii keessaa xuuxuun soorata isaanii qopheeffatanii dha. Sooranni orgaanikii kaarboonii qabu kun qaama biqilootaa keessatti kuufamuun soorattootaaf akka madda kaarbooniitti kan gargaaru dha. 24 ? Kompaawondiin orgaanikii biqiloota keessatti kuufame gara bineeldotaatti akkamiin darba? Kompaawondiin orgaanikii biqilootaan qophaa’e kun bineeldotaan nyaatama. Kompaawondoonni orgaanikii bineeldotaan nyaataman kun qaama bineeldotaa keessatti oksijiiniitiin gubachuun CO2 uuma. Kaarboondaayoksaayidiin kun ammo bifa hargansuun gara atimoosfariitti deebi’a. baaressaa Abdi Badru