Habarii

Wikipedia irraa
Fakkii maaykirooskooppii elektiroonii skaaniin halluu qabu midhaan pooliin biqiltoota beekamoo adda addaa irraa: aduu ( Helianthus annuus ), ulfina ganama ( Ipomoea purpurea ), prairie hollyhock ( Sidalcea malviflora ), oriental lily ( Lilium auratum ), galgala primrose ( Oenothera fruticosa ), fi baaqelaa kaastoorii ( Ricinus communis ).

Habariin ykn poolaniin wanta daakuu ta’ee fi gosoota daraaraa biqiltoota sanyii irra caalaan isaanii keessatti walhormaata saalaaf kan oomishamuudha. Innis bullaa daraaraa ( maayikiroogaameetoofaayitii baay’ee hir’ate ) kan of keessaa qabu yoo ta’u, isaanis saallubbiyyoo dhiiraa (sanyii kormaa) kan uumudha. bullaan daraara uwwisa jabaa dhukeebariinii(sporopollenin) irraa hojjetamee fi adeemsa sochii isaanii qaama kormaa irraa gara qaama dhalatti biqiltoota daraaraa, ykn bilala dhiiraa irraa gara bilala dubaraa biqiltoota sanyii hin-golgaminee qaban keessatti . Yoo habariin handhuura daraaraa(pistill) ykn bilala dhaala walsimsiisu irratti bu’e, ni fiila, ujummoo habarii sanyii kormaa gara hanqaaquu(ovule) biqila saallubbiyaawaa dubaraa of keessaa qabuutti dabarsu uuma. bulaan daraara dhuunfaa xiqqaa waan ta’aniif bal’inaan arguuf guddisuu barbaachisa. Qorannoon habarii qorabaree(palynology) kan jedhamu yoo ta'u qorbiqildurii (paleoecology), dhakkalxii(paleontology), qorambaa fi qorannoo ragaa yakkaa (forensics) keessatti faayidaa guddaa qaba . Habariin biqiltoota keessatti argamu meeshaa jeneetikii dhiiraa baadir-qeenxee baattaabullaa(aantarii) daraaraa tokkoo irraa gara simattuubullaa(stigma) kan biraatti dabarsuudhaaf habareessuu alagaa keessatti fayyadama. Haala of-pooliineesuu keessatti adeemsi kun baataabullaa daraaraa irraa kaasee hanga simattuballaa daraaraa tokkootti raawwatama.