Gaa'ela
Gaa'elli (gaa'ila ykn fuudhaa fi heeruma) aadaa hawaasaa nama lama walitti hidhuun kan maatii uumuudha. Hawaasa baay'ee keessatti dargaggessaa fi shamara jiddutti gaa'elli yeroo baay'ee kan raawwatamu. Gaa'ela booda, hariiroon saal qunnamtii fi ijoollee uummachu hawaasa ykn amantii biratti fudhatama arkata.[1]
Guyyaan fuudhaa fi heeruma cidha jedhama. Namni fuudhe abbaa warraa yoo jedhamu tan heerumte immo haadha warraa jedhamti.
Seera gaa'elaa
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Gaa'elli addunyaa hunda keessa jiraatus hawaasa, amantii fi biyya adda addaatti seera garagaraa qaba. Seerri kunis firooma dhiigaa, firooma soddaa, gosa, umuri, saala, heyyama, qabeenyaa fi akkaata cidhaa irratti hundaa'a.
Ummata Oromoo biratti namni umurii fuudhaa heeruma gahe jedhamu Raabaa Doorii fi dubra. Namoota umiriin isaanii gahe, firooma dhiigaa kan hin qabnee fi saala walii faallaa ta'an lama jiddutti gaa'elli Oromoo kan raawwatu.[1][2] Dubri dhiira tokko qofa heerumu dandeessi al-tokkotti.
Tarree Gaa'ela Oromoo
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Aadaan fuudhaa fi heerumaa akkaataa naannootiin hamma murtaa’e garaagarummaa qabu.
- Fuudhaa fi heeruma naannoo Wallaggaa
- Fuudhaa fi heeruma naannoo Walloo
- Fuudhaa fi heeruma Sikkoo Mandoo
- Fuudhaa fi heeruma naannoo Harargee
- Fuudhaa fi heeruma naannoo Shawaa
Tarree sirna gaa'ela
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Aadaan fuudhaa fi heerumaa bifa armaan gadiin geggeeffamu ni danda'a.