Dhugooma

Wikipedia irraa

Loojikii ykn herrega keessatti, dhugoomni hima baay’ee ifa ta’ee fi ragaan biraa osoo hin jiraatin dhugaa ta’uun isaa amanamuudha. Himoonni dhugaa akka gaaleetti walitti makuun Akeekkoo(Theorem) nuuf kennu jechuudha .

Fakkeenya: Kuusaaleen dhugoomaa yeroon darbaa deemuun jaalala horatan yoo jiraatan, Dh.K.D. Kitaabonni 5 kan Euclid barreesse .

  1. Lakkoofsi lama lakkoofsa biraa wajjin tokko yoo ta’e, isaanis tokko.
  2. Yoo c fi b lakkoofsa tokko ta’an, d fi e illee tokko yoo ta’an, c+d fi b+e tokko ta’u.
  3. Yoo c fi b lakkoofsota walfakkaataa ta’an, d fi e illee tokko yoo ta’an, c-d fi b-e tokko.
  4. Yoo bocoonni lama sirriitti bakka walfakkaataa guutan, isaanis boca tokko walii isaaniiti.
  5. Yoo lakkoofsa tokko lakkoofsa 1 ol ta'een hiramte, bu'aan isaa yeroo hunda lakkoofsa jalqabaa irraa xiqqaadha.