Boortee xulubaa

Wikipedia irraa
?Boortee xulubaa

odeeffannoo saayinsaawaa
mootummaa: Bineeldoota
Murna: Lafee qabeeyyii
Gita: Hoosiiftoota
Tartiiba: Kotteeyyii quba guutuu
Warra: kottee baqaqaa
cita-Warraa: Arroolee

Barruu tana keessattis sanyii Arroolee keessaa tokko kan ta’e, waa’ee Boortee xulubaa(Springbok) laalla. Uumamni kun Naannawa Kibba Afriikaa fi Kibba lixa Afriikaatti argama. Boortee xulubaa(Springbok) sanyii 3 qaba. Sadanuu achuma naannawa Kibba Afriikaatti kan argaman yoo ta’u, lafa diriiraa margaan uwwifame, akkasumas dachii gammoojjii keessa jiraatuu danda’u. Boortee xulubaa(Springbok) uumama biyyi Afriikaa Kibbaa ittiin beekkamtuudha. Lammiileen naannawa Kibba Afriikaatti argaman uumama kana foonii fi gogaa isaatiif jecha adamsanii ajjeesu.


Boortee xulubaa(Springbok) sanyiilee arroolee keessaa isa xiqqaadha. Lafaa ol dheerinni isaa seentimeetira 72 hanga 75 ta’a. Qoffee irraa kaasee haga eegee isaa ammoo meetira 1.2 hanga meetira 1fi walakkaa ta’a. ulfaatinnis akkasuma sanyii fi saala irratti hundaa’ee garagaarummaa qaba. Walumaa galatti sanyiin xiqqaan kilograama 30 ulfaata. Inni guddaan ammoo haga kilograama 48 ulfaata.


Rifeensi gogaa Boortee xulubaa(Springbok) bifa 3 qaba. Rifeensi gama gubbaa jiru magaala yoo tahu, garaa isaa bitaafi mirgaan ammoo magaala gurraacha qaba. Garaa jalaa ammo rifeensa adii qaba. Fuulli isaa adii yoo ta’u, ija isaa irraa kaasee haga afaan isaatti ammoo sarara magaalatu jira. Boortee xulubaa(Springbok) gurra dheeraa, morma dheeraa, fi qaama qal’aa qaba. Saalli lachuu gaafa ni qabu. Haa ta’u malee kan kormaa kan dhaltuu caala furdaa fi dheeraadha. Gaafni uumama kanaa qajeelee eega ol baheen booda, gama gubbaatiin walitti as caafama. Gaafni isaa kun yoo fageenyarraa laalan mallattoo hammattuu fakkata.


Boortee xulubaa(Springbok) uumama crepuscular animal jedhamuun beekkamuudha. Bineensonni akkanaa ganama yeroo lafti bariituu fi saafaya wayta lafti gad dhihuuf taatu qubsuma keessaa bahanii olii gad socho’uun soorata barbaaddatu. Haa ta’u malee bakka tokko tokkotti eddo Roobaa fi duumessi jirutti yeroo guyyaatis ni mul’atu. Naannoon jiraatan gammoojjii waan ta’eef yeroo guyyaa aduu jalaa dhokatu. Halkan ammoo bineensota jalaa dhokatu. Sooranni uumama kanaa akkuma sanyiilee arroolee hundaa biqiltoota yoo tahu; Marga, baala, ilillii fi jirma biqiltoota garagaraa soorata.

Boortee xulubaa


Boortee xulubaa(Springbok) yeroo gammadutti qilleensa keessa ol utaala. Utaalchi isaa kun kan addaa yoo ta’u, afaan Ingiliffaatiin Pronking jedhama. Pronking(xulubuu) jechuun wayta qilleensa keessa ol utaalan kottee afranuu gara lafaa diriirsuu jechuudha. uumamaaleen heddu wayta utaalaan kottee isaanii gama duraa ykn ammoo gama duubaatti diriirsu. Haala saniin fageenya dheeraa utaalu. Boortee xulubaa(Springbok) garuu mala addaa fayyadama. Wayta utaalu kottee isaa qajeela garuma lafaa diriirsa. Utaalcha isaa kanaanis haga meetira 3 lafarraa ol utaaluu danda’a. Boortee xulubaa(Springbok) utaalacha kana yeroo gammachuutis yeroo waa sudaatus itti fayyadama. Diina jalaa wayta dheessus utaalchaan joonjeessa. Utaalchaan cinatti Boortee xulubaa(Springbok) uumama saffisa cimaa qabuudha. Saa’aa tokko keessatti haga kilomeetira 90 fiiguu danda’a.


Boortee xulubaa(Springbok) uumama qubsuma tolfatee gamtaan jiraatuudha. Hoomaan Boortee xulubaa(Springbok) bakka sadihitti qoodama. Inni tokko Hoomaa wal makaadha. Hoomaan wal makaa kun Kormaa tokko, Dhaltuuwwanii fi ilmoolee isaanii of keessaa qaba. Hoomaan lammataa ammoo hoomaa Kunuunsaati. Hoomaan kun dhaltuu fi ilmoolee xixiqqoo of keessaa qaba. Sadaffaan hoomaa kormaati. Akkuma maqaa isaa Kormaawwan reef gurguddataa jiran kan keessa qubataniidha. Haala qilleensaarratti hundaa’ee miseensi hoomaa tokko dabaluu fi hir’achuu danda’a. bakka Sooranni gahaan jirutti heddummaatanii, bakka hanqinni soorataa jirtutti ammoo faffaca’anii jiraatu. Haa ta’u malee yeroo godaansaatu jira. Wayta roobni naannawa jiraatan irraa dhabamu miseensa kumaatamaan laakkawamu qabatanii gara bakka roobaa fi margi jiru baqatan


Rimayni Boortee xulubaa(Springbok) ji’a 5 hanga 6 tura. Haadhoon takkas yeroo takkaan ilmoo tokko qofa dhalti. Ilmoo dhalte kana marga dheeraa ykn ammoo waan jalatti dhokachuuf mijaahu jalatti dhoksiti. Guyyoota muraasaafis achumatti mucha hoosisaa kunuunsiti. Kana booda gad bahee haadha waliin jiraatuu jalqaba. Gaafa Ilmooleen dhalatan torbaan 3 guutan, haawwan ilmoolee isaanii qabatanii garee hoomaa kunuunsaa jedhamuun beekkamutti makamu. Haga ji’a jaha guutanittis garema kana keessa turan. Gaafa ji’a 6 guutan mucha gu’u. Mucha guunaan hoomaa kunuunsaa kana keessaa bahuun dirqama. Ilmooleen dhaltuun haadha waliin gara hoomaa wal makaa deemu. Ilmooleen kormaa ammoo garee addaa uumuun jireenya isaanii iti fufu. Dhaltuuwwan gaaf umriin isaanii waggaa tokko guutu hormaataaf qophii ta’u. Kormaan ammoo haga waggaa lamaa eeguun dirqama itti ta’a. fedha Rabbiitiin Boortee xulubaa(Springbok) haga waggaa kudhanii jirata.