Baala


Baalli qaama biqiltuu gara gubbaa ta’ee jirma irratti dagaagee argamu dha. Innis battee fi bal’aawaan ta’eef footoosinteesisii fi dalagaalee isa biroof haala mijaawaa uuma. Baalli dalagaalee gurguddoo armaan gadii qaba. Isaanis: Adeemsa footoosinteesisiin soorata qopheessuu, Wal jijjiirraa gaasotaa. Bishaan gara naannootti gadi lakkisuu,Soorata kuusuu.
Yeroo baay’ee laaminaan ykn baalarkeen baalaa fi utubaa baalaa kan baala jirmatti qabsiisu qaba. Utubaanbaalaa gara laaminaatti dheerachuun ujummoo xixiqqaa, caaroo balaa(vein) uuma. Baalli gubbaa fi jalaan baqqaana ippiidarmisiin haguugama. soloqmutni uwwisa ala baalaa ta’ee amala zayitummaa qaba. Karaa qaawwaa murtaa’e malee bishaan baala keessaa hurkaanakka hin baane kan ittisu soloqmuta(cuticle) dha. Katikiliin haguuggii alaa waan ta’eef keessi baalaanyaattota biqiltuuf salphaatti akka hin saaxilamneef ittisa. Seelonni ippiidarmisii addata’an, kanneen seelota wardiyaa jedhaman gomboobanii walitti dhufuun gidduu isaaniitti qaawaa xiqqoo Gasoo baalaa (istomata) uumu.

Qaawwaan kun karaa waljijjiirraan gaasotaa naannoo fi baala gidduutti ittiin gaggeeffamu dha. Bishaanbaala keessaa hurkaan kan dhabamsiifamus karaa qaawwaa kanaa ti. Caasaalee baalaa keessatti tishuuwwan Baaljiddoo(mesophyll) jedhaman argamu.Baaljiddoon seelii sarphaphoo fi daaggoo jedhamuun bakka lamatti qoodama. Seeliin daaggoo(palisade) seelii liifaa irra kilooropilaastii hedduu waan of keessaa qabuuf bakka footoosinteesisiinhedduminaan keessatti gaggeeffamu dha