Furguga
|
Newton's cradle, fakkeenya gaarii kan Seera Eegumsa Furgugaa agarsiisu. | |
| Odeeffannoo Waliigalaa | |
|---|---|
| Damee Saayinsii | Fiiziksii (Mekaaniksii) |
| Yaad-rimeewwan Gurguddoo | |
| Yaad-rimee Ijoo | Hanga, Ariitii, Humna, Walitti Bu'iinsa |
| Seenaa fi Ogeessota | |
| Hojirra Oolmaa fi Walqabatii | |
| Dameewwan Walqabatan | Hurrisoo, Fiiziksii Haagoo, Sadhata |
Furgugni (Afaan Ingiliffaan: Momentum), fiiziksii keessatti, hammi sochii qaama tokko qabuudha. Innis baayyata hanga qaama tokkoo fi ariitii isaatiin shallagama. Furgugni yaad-rimee bu'uuraa kan Mekaaniksii Niwutanii yoo ta'u, dandeettii qaamni socho'aa jiru tokko qaama biraa irratti dhiibbaa geessisuu danda'u agarsiisa. Furgugni baay'ina kalqabee (vector quantity) waan ta'eef, hamma (guddina) fi kallattii lamaanuu qaba.
Unkeen isaa:
Iddoo:
- p Furguga agarsiisa.
- m hanga qaamichaa agarsiisa.
- v ariitii qaamichaa agarsiisa.
Fakkeenyaawwan Jireenya Guyyuu
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Furguga hubachuuf, fakkeenyaawwan armaan gadii ilaaluun ni danda'ama:
- Kubbaa Booliingii fi Kubbaa Beeysiboolii: Kubbaan booliingii (hanga guddaa qabu) suuta socho'aa jiru (ariitii xiqqaa), furguga wal-qixa kan kubbaa beeysiboolii (hanga xiqqaa qabu) saffisa guddaan darbatamee wajjin qabaachuu danda'a. Lamaanuu yoo nama rukutan miidhaa wal-fakkaataa geessisuu danda'u.
- Rasaasa: Rasaasni hanga baayyee xiqqaa qabaatus, sababa ariitii isaa isa olaanaa ta'eef, furguga guddaa qaba. Kunis dandeettii inni ittiin waa waraanuu fi miidhaa geessisuuf sababa guddaadha.
- Sochii Ardii: Ardii xiqqaan Hindii waggaatti seentimeetira muraasa qofa socho'us (ariitii baayyee xiqqaa), sababa hangi isaa olaanaa ta'eef, furguga guddaa qaba. Furgugni kun yeroo ardii Eeshiyaa wajjin walitti bu'u, humna guddaa uumuun Tulluuwwan Himaalaayaa akka uumaman fi kirkirri lafaa naannoo sanatti akka heddummaatu taasiseera.
Hariiroo Humna Wajjin (Seera Niwutan 2ffaa)
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Seerri Lammaffaan Niwutan akka ibsutti, humni culkiin (net force) qaama tokko irratti hojjetamu, saffisa jijjiirama furguga qaama sanaa wajjin wal-qixa. Kun hiika humnaa isa bu'uuraati.
Iddoo:
- F humnicha agarsiisa.
- Δp jijjiirama furgugaa agarsiisa.
- Δt yeroo jijjiiramni sun itti fudhate agarsiisa.
Yoo hangi qaamichaa dhaabbataa ta'e, himni wal-qixaa kun gara (Humna = hanga × guula) isa beekamaatti jijjiirama.
Romi'a (Impulse)
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Romi'i jijjiirama furgugaati. Yoo humni tokko yeroo gabaabaaf qaama tokko irratti hojjetame, furguga qaama sanaa ni jijjiira. Romi'i baayyata humnaa fi yeroo humni sun itti hojjetameeti.
Iddoo:
- J Romi'a agarsiisa.
Fakkeenyaaf, yeroo kubbaa tokko rukuttu, humni ati itti fayyadamtuu fi yeroon tuttuqqiin sun turu, jijjiirama furguga kubbaattii murteessa.
Seera Eegumsa Furgugaa
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Seerri kun fiiziksii keessatti seera bu'uuraa fi murteessaa ta'an keessaa isa tokkodha. Innis akkas jedha: "Sirna adda-bahinsaa (isolated system) keessatti, yoo humni alaa tokkollee irratti hin hojjetamne, furgugni waliigalaa sirnichaa yeroo hundumaa dhaabbataadha." Kana jechuun, furgugni waliigalaa walitti bu'iinsa dura ture, furguga waliigalaa walitti bu'iinsa booda jiruun wal-qixa ta'a. Furgugni uumamuu ykn baduu hin danda'u, qaama tokko irraa gara isa kaaniitti darbuu qofa danda'a.
Fakkeenya Qawwee fi Rasaasaa
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Yeroo qawween hin dhukaafamin dura, sirni (qawwee + rasaasni) furguga zeeroo qaba. Yeroo dhukaafamu:
- Rasaasni (hanga xiqqaa) ariitii guddaan gara fuulduraatti deema (furguga poozatiivii).
- Qawween (hanga guddaa) ariitii xiqqaan gara duubaatti deema (recoil) (furguga negaatiivii).
Furgugni rasaasaa fi kan qawwee guddinaan wal-qixa, garuu kallattiin faallaa waan ta'aniif, yeroo walitti ida'aman zeeroo ta'u. Kanaaf, furgugni waliigalaa sirnichaa akkuma duraan turetti zeeroo ta'ee eegama.
Fakkeenya Walitti Bu'iinsa Konkolaataa
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Konkolaataan hangi isaa 1000 kg ariitii 8 m/s tiin gara mirgaatti deemaa jira haa jennu. Tiraakiin hangi isaa 6000 kg ariitii 2 m/s tiin gara bitaatti deemaa jira. Yoo walitti bu'anii wal-qabatan, kallattii kamitti ariitii hammamiin deemu? (Kallattii mirgaa poozatiivii (+), kan bitaa negaatiivii (-) haa taasifnu)
1. Furguga Jalqabaa Waliigalaa:
- Furguga konkolaataa:
- Furguga tiraakii:
- Furguga waliigalaa (dura):
2. Furguga Dhumaa Waliigalaa:
- Akka seera eegumsa furgugaatti, furgugni dhumaas -4000 kg·m/s ta'uu qaba.
- Hanga waliigalaa (booda):
Hiikni isaas, erga walitti bu'anii booda, wal-qabatanii gara bitaatti ariitii 0.57 m/s tiin deemu.
Barbaachisummaa fi Hojirra Oolmaa
[gulaali | lakkaddaa gulaali]- Furguggisa Rokeetii: Rokeetonni gaasii ariitii guddaan gara duubaatti baasuun, furguga gara fuulduraatti argatu.
- Nageenyummaa Konkolaataa: Boorsaan qilleensaa (airbag) yeroo walitti bu'iinsaa dheeressuun, humna namarra gahu hir'isa.
- Fiiziksii Suudoo-atoomii: Walitti bu'iinsa suudoowwan xixiqqoo qorachuuf.
- Ispoortii: Taphoota akka biliyaardii fi booliingii keessatti.