Aliyyii Cirrii

Wikipedia irraa

Koloneel Aliyyii Cirrii (1921 - 2017) qabsaawota Fincilaa Baalee keessatti loluun hirmaatanii yoo ta'u jeneraal Waaqoo Guutuu faana sirna Nafxanyaa lolaa turan.adam aliyii

Seenaa Duubaa[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Koloneel Aliyyii Cirrii Godina Baalee aanaa Dalloo Mannaa ganda Cirriitti bara 1921 abbaa isaa Cirrii Jaarraafi haadha isaa Badheessoo Miinaa irraa dhalate.[1] Koloneel Aliyyiin ijoollummaa isaatirraa eegalee lolaafi adamoo baay’ee jalata ture. Adamoo kanaas kan gaggeessaa ture obboleeyyan isaa Abduraamaan, Awwaluu, Usmaan, Isaaqiifi Harbisee Cirrii waliin ture.

Koloneel Aliyyiin haadha warraa afurirraa ijoollee 25 horateera. Aliyyiin akkaataa itti maatii horate yoo dubbatu "Ilmaan teenyayyuu osoo qabsoorra jirruu bosonuma keessatti horre, yeroon nuti loon horsiifannee dikee jalaa harre hin jiru. Humnaafi yeroo keenya bosona seennee qawwee diinarratti dhukaasaa turre."

Abbaan isaa Cirrii Jaarraa loltuu cimaa sirna naafxanyaa waliin yeroo dheeraa waraana geggeessaa ture yoo ta'u, haaloo ilmaan Oromoo lubbuun isaanii darbe gumaa baasaa ture. Qabsoo isaanitiin, Cirriin garee waraana shaambaal Baqqalaan hoogganamu waliin Sannateetti wal waraanuun shaambaal Baqqalaa ajjeesun loltoota isaa hedduus barbadeessuun injifannoo argataniru. Mootummaan Hayilasillaasee loltootni isaa dhumachuu erga dhaga’ee booda hoomaa waraanaa baay’ee erguun abbaan Aliyyii Cirriin akka qabamu godhe. Erga qabameen booda mana hidhaa Gobbaatti hidhame. Waggaa shaniif achuma Gobbaatti mana hidhaa keessaas ture.

Waggaa shan booda, qaamni mootummaa Hayilasillaasee, umurii guutuu hidhamuurra gumaa nama ajjeestee kanfalii ba’i jedheen. Cirriinis, qabsoon waan itti urgaa'ef kaffalee ba’e. Erga hiikkamee, Madda Walaabutti deebi’ee galuunis maatii isaa fi ijoollen isaa maalirra akka jiran erga hubatee booda Aliyyii Cirrii, Awwaluu Cirrii, Abduramaan Cirrii, Usmaan Cirrii, Isaaq Cirrii fi Harbisee Cirriin waraana akka baran taasise.

Gabrummaa ummatarraa ga'uun kan aare koloneel Aliyyiin, qabsaawuf umurii isaa 12tti gara bosonaa seene. Qabsoosaa jalqabaa Mahaammad Gadaa Qaalluu wajjin godhe. Baaletti, yeroo Aliyyii Cirrii ijoollee turetti, qabsoo kan jalqabe Mahaammad Gadaa Qaalluuti. Aliyyii Cirriifaan lola Mahaammad Gadaa Qaallurraa baratan. Mahaammada Gadaa, qawwee Xaaliyaanirraa bara 1938 argateen sirna Nafxanyaarratti lola jalqabe. Sirna Hyilasillaasee sanarra Oromoof Xaaliyaanii wayya jedhu Haji Adam Tiinnaa seenaa Koloneel Aliyyii fi hacuuccaa bara sanaa yoo himan. Sirni Nafxanyaa Mahaammad Gaadaa Qaalluurratti karaa sadi'iin duula irratti bane. Isaanis karaa Gadab, Raammii W/mikaa’eel, Muloo Daadhii, Saannata, Hangeetuu, Manniisaan lola guddaatu ta’e. Waraana kanarratti gootonni Oromoo sadan, Huseenonni loltoota nafxanyaa 56 ajjeesuun wareegamaniiru.

Waraannii Mahaammad Gadaa Qaalluu laafee hiikkachuu jalqabe. Innis Raayituu Galdii seene. Booddees qabamee mootummaa Hayilasillaaseef dabarfamee laatame. Mana hidhaa Gobbaattis summii nyaachifamee ajjeefame.

Aliyyiin qabsoorra odoo jiruu, jeneraal Waaqoo Guutuu qabsoo jalqabuu yeroo baran, waliin qabsaawuf dhaqanii itti makaman. Kunis, Koloneel Aliyyiin sana duraanuu ummata biratti qabsoon beekkamaa waan tureef, Jeneraal Waaqoo hedduu gammachiise. Sana booda, Koloneel Aliyyiin qabsaa’ota akkasaa kan akka Hajii Goobanaa Yuuboo, Saamoo Kormee, Jeneraal Waaqoo Guutuu, Koloneel Adam Jiloo, Koloneel Dubroo Waaqoo, Koloneel Huseen Bunee, Koloneel Kadir Waaqoo faa waliin diinan lolaa ture.

Koloneel Aliyyiin, bara 1957 Waxabajjii keessa Oborso aanaa Madda Walaabuutti nafxanyaa muddees waraanera. Kana malees, Aanaa Dalloo Mannaa fi Madda Walaabuu kan daangessu Malkaa Amaanaarratti guyyoota torbaaf nafxanyaa saamichaa fi weeraraaf bobba’e akka hin dabarre dhoorkera. Iddoowwan akka Camarrii, Horri Korree, Tulluun Araaraa, Tulluun Habbisuu keessatti nafxanyaa waraanee injifateera. Akkasumas, iddoowwan akka Gubbaa, Dalloo, Angeetuu, Bidiree, Oborsofaatti goota nafxanyoota nagaa dhorke ture. Magaalaa Oborsootti waraanni Aliyyii Cirrii waraana nafxannaa barbadeessera.

Waaqoo Guutuu namoota afurtama fudhatee Somaaliyaa dhaquun qawwee 40 fi matarayyeesii 2 argatee deebi’ee. Aliyyii Cirriinis yeroo kana Waaqoofaatti dabalame. Bara 1963, Madda Walaaburraa Nafxanyaa ari’uun too’annoo ofii jala oolchan. Maddatti yoo walga’anis hoogganaa filatan. Waaqon jeneraalummaan hoogganaa olaanaa, Aliyyiin koloneelummaan itti aanummaan akka tajaajilu filatame. Koloneel Dubroo Waaqoo, koloneel Adam Jiloo Weeboos hoggantummaa argataniiru.

Waraanarratti, loltoota qabsoo Baalee taa'umsa lafaatu isaan gargaara. Sulula Gannaalee, Sulula Weelmal, bosona Harannaa Bulluq keessatti injifannoowwan jajjaboos galmeessisaa turaniiru.

Koloneel Aliyyii Cirrii Jeneraal Walda Sillaasee Barakat, Jeneraal Kabbadaa Yaa’iqoob, Fitawuraarii Alamaayyoo Taayyeefaan ummata Oromoo irratti hacuuccaa gaggeessaa turan nuffuun, “Yoo nu dhiisuu baattan qabsoon keenya ittuma fufa!” jechuun kutannoon nama dubbataa ture. Keessattuu Fitawuraarii Alamaayyoo Taayyee, kan sabaan Amaara ta'e, Dalloo bulchaa yeroo turetti, ilmaan Oromoo irratti hacuuccaa daangaa hin qabne geessisaa ture. Kana malees, Fitawuraarii Galchuu Toogee ammoo sabaan Oromoo ta’ee Madda Walaabuu bulchaa ture. Fitwuraariin kun mootummaa Hayilasillaasee biratti fudhatama argachuuf jecha ummata Oromoo lammii isaa fixaa ture.

Gama biraatiin lammiin Oromoo dhalootaan Angeetuu ajajaa kudhanii kan ture Bulloo Gammadaan ammoo gidduu deemtuu ykn haala mijeessaa nafxanyaa ta’uun tajaajilaa ture. Kunis dubbiin Oromummaa amma galuufitti ture. Kana jechuun waraanni koloneel Aliyyiin hoogganamu iddoo inni qubatuu fi bulu waan beekuuf odeeffannoo nafxanyaa mootummaa Hayilasillaaseef dhiyyeessaa ture. Haaluma kanaan otuma nafxanyaa waliin ummata Oromoo waraanaa jiruu loltoota Oromoo Madda Walaabuun booji’amuun waraana Shaalaqaa Awwaluu Cirriin hoogganamu jala gale.

Yeroo kanatti ajajaan kudhanii Bulloo Gammadaan kaayyoo ummata Oromoo fi kallaatti deemsa isaanii erga hubateen booda garee waraana ummata Oromoo waliin ta’uun Oromummaa isaa amanee ummata Oromoo waliin gara waraana nafxanyaatti seenuun Godina Gujii bakka ‘Gurraa’ jedhamutti harka nafxanyaan du’e.

Yeroo sanatti waraanni kun humnaan ol waan cimeef ummanni Oromoos ta’e nafxanyaan osoo wal baqatanii galaana bishaan Gannaaleen lubbuu isaanii dhabaniiru. Haaluma kanaan gareen waraana koloneel Aliyyii Cirrii magaalli Oborsoo fi Bidiree akka nafxanyaa yeroo saniif hin taane guban. Akkasumas Riqicha laga Gannaalee gubuuf ka’anii yoo hafe nu fayyaduu danda’a jedhanii gubuu dhiisan.Yeroo kanatti bakka Maddaatti waraanni akka hin gaggeeffamne dhaamsi isaanii bineensi illee ykn allaattiin illee bakka kanatti akka hin ajjeefamneef beelladoota manaa keessaa immoo gaala akka hin qallee dhaamsa walii dabarsanii waraana isaanii itti fufan.

Jaagamaa Keelloo mootummaa Hayilasillaaseen muudamee gara Baalee yoo deemu, ummata sossobee ofitti akka qabachuu yaalaa ture. Gootonni Baalee harka akka kennannu kan nu taasise Jaagamaa Keeloo ture jedha Aliyyi Cirriin.

Haaluma wal fakkaatun bara mootummaa Dargii, mootummaa Hayilasillaasee caalaa cunqursaa guddaan ummata Oromoorra gahaa ture. Bara muutummaa Dargii kana keessatti waraanni meeshaalee waraanaa ammayyaa waan qabuuf ilmaan Oromoo hedduu irratti ajjeechaa raawwachaa tureera. Koloneel Aliyyiin sirnicha kana cal jedhee hin ilaalle ture. Akkuma mootummaa Hayila Sillaasee irratti qabsaa’een mootummaa Dargii jalas dhaabbachuun hacuuccaa cunqursaa ummata oromoo irratti gahaa ture ofirraa qolachuuf hoomaa waraanaa isaa qabatee Dargiin lolaa turuun isaa ni beekama.

Koloneel Aliyyiin mirgi ummatichaa qawwee qofaan mirkanaa’uu danda’a amantii jedhu qabaachuun, waraana Dargii jala dhaabbachuun erga waraanaa turee, mootummaan Dargii waraanni isaa humnaan ol cimachaa adeemuun, koloneel gara mootummaa Somaaleetti baqachuun waggaa 11 achi ture. Koloneel Aliyyiin Somaaliyaarraa erga Dargiin kufee ADWUIn aangoo qabatee biyyatti deebi’e.

Boqochuusaa[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Koneleel Aliyyiin Cirrii dhukkubsatee yaalamaa erga turee booda Sadaasa 11, 2017 waggaa 96tti du'aan addunyaa irraa deeme. Gaafa Sadaasa 14, bakka jaallewwan wajjin qabsaa'aa ture kan akka Waaqoo Guutuu fi Adam Jiloo faa itti awwaallaman Madda Walaabutti kabajaan awwaallameera. Awwaala kanarratti, kutaa Oromiyaa hundarraa namoonni kuma kudhaanii ol kan argaman yoo ta'u angaawonni naannoo Oromiyaas agamaniiru. Artistoota keessa Haacaaluu Hundeessaa, Galaanaa Gaaromsaa fi Habiibii Kamaal faa argamaniiru.

Wabii[gulaali | lakkaddaa gulaali]

  1. A heroic send-off for Aliyi Cirri, a pioneer Oromo freedom fighter whose courage and bravery inspired generations, dhihootti kan baname: Sadaasa 17, 2017