Waaqoo Guutuu

Wikipedia irraa

Jeneraal Waaqoo Guutuu (A.L.A 1920 - Gurraandhala 3, 2006) geggeessaa Fincila Baalee fi qabsaawaa mirga ummata Oromooti. Jeneraal Waaqon umurii isaa guutuu mirga ummata Oromoo kabachiisuf qabsaa'un dabarse.

Ijoollummaa Isaa[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Gootichi Oromoo Jeneraal Waaqoo Guutuu abbaasaa Guutuu Usuu Cammarrii fi haadhasaa Dhuulloo Alii Hassan irraa bara 1924, Godina Baalee aanaa Madda Walaabuu lafa Oda jedhamutti dhalate. Abbaansaa Guutuun ilma dhiiraa kudhanii fi durba sagal walumaagalatti ijoollee kudha-sagal qaba ture. Isaan keessaa Jeneraal Waaqo ammoo dubartoota torbarraa ijoollee afurtamii-sagal kan hore yoo ta’au , kanniin keessaa kudha-shan lubbuun hin jiran. Yeroo ammaa (2015 ) dubartoota kudha-ja'a fi dhiirota kudha-saddeetii walumaagalatti ijoollee soddomii-afur qaba.

Jeneraal Waaqo ijoolummaa isaatirraa jalqabee xiiqii fi jibbinsa diinaa qaba; faandhooftuu diddaa gabrummaas ture. Bara 1938, fuudhee manaa osoo hin bayin, osoo abbaansaa hin beekin horii abbaasaa gurguree qawwee ittiin bitate. Sammuunsaa roorroo gabrumaa fudhataa waan hin ta’iniif ijoollee hiriyootasaa gurmmeessuun akkasumas gorsuun poolisii mootummaa tumaa turan.

Qabsoo Jalqabuusaa[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Jeneraal Waaqon bara 1943 Muhaammad Gadaa Qaalluu fakkeenna godhachuun diddaa gabrummaatti seene. Bara 1952 akka nama hiyyeessa tokkoo ta’anii uffata poolisii nama dhaloota gosa Raayituu Alii Jiloo kan maqaan kiristaana Shaalaqaa Isayaas jedhanii mogaafatan kadhate. Erga inni uffata kana kenneefii booda isuma uffachuun magaalaa seeneei kitilaayyota Nafxanyaa sodaachisaa ture. Iccitiidhan gartuuleen diinaarrati tarkaanfii ciccimaa fudhataa turan. Haaluma kanaan, bara 1958 poolisii lama ajjeesan. Baruma kana keessa poolisoota erga ajjeesaniin booda, Waaqon akkuma tasaa magaalaa Nageelleetti shaalaqaa sanaan walargan. Yoo kana “Eessatti baddee, Waaqoo!!!“ jedhee gaafate. Yoo tana malli dafee dhufeefii ”Looniin godaanee gammoojjii ture, damma adii ati jaalattu kan nagaafate san siif arge, horii ittiin bitu dhabee fidi” jedheen. Shaalaqaan baayyee gamaddee qarshii 200 itti kenne. Qarshii kanaanis rasaasa zinnaara dachaa lamaa ittiin guutatee. Ammas baatii tokkoon booda Nageellematti walitti dhufani. Nagayyumalee utuu hin gaafatin “maali si barbaadaa mitii, damma kee bitee lafa jiraa, horii karaa waan kafalu ittiin feesisuun dhabee“ jedheenii qarshii 20 ammallee irraafudhate tooftaa kana fakaatu hedduun gargaaramanii diina hifachiisaa turan.

Bara 1962 dhiibaan, gidiraafi ajjeechaan mootummaa Nafxanyaa Hayila Sillaasee ummata isaanii irratti hammataa dhufnaan ijoollee gana kudhanii gadii imaa Helgool Waaqoo. Abdallaa guutuu , Alii Jiloo, Yisaaq Suudee Goobana, Muhaamad Butaa Aagaatii, Alii Buttaa Aagaa kkf dhibboota ajjeefaman keessaa haga tokko yoo ta’an, tarkaanfii Mootummaa Abashaa kana hifachuun ummanni bulchitoota naannooo kana mootummaatti hiyyate. Yeroo kana dubbiin kun mooticha bira ga'e. Finfinnee irraa Koloneel Taaaddasaa Tagan namni jedhamuu fi ajajaa waraanaa kutaa bulchiinsa Sidaamoo yeroo sanii koloneel Zawudee Xilahun gadi dhufanii uummata Oromoo naanoo Nageellee Booranaa jiru mooraa waraantitti walitti qabuun rakkoon keessan maali jedhee yoo gaafatu ummanni "rakkoon teena isini biyya teena irrati dhuftanii nu ajjeessaa jirtan, dubartii fi daa’imman teena irra deemitanii fixaa jirtan, qabeena keena saamtanii kaan barbadeesaa jirtan, namoon isin of jalati qabattanii nuun ajjeeftaniif nuun saamtan maaliin nuun adda jiran? Nuuf isaan obboleeyaanii maaliif adda nu baaftan? kana hundaa isintuu nutti fidee lafa keenyarraa nuu ka’aa” jedhaniin. Nafxanyoonni lafa kana gadi lakkiftanii deemuu qabdu, yoo diddan ajjeechaa, saamichii fi qabeenya barbadeessun itti fufa jedhaniin. Ummanni wacee lakki jennaan loltuu waraanaa itti waamani.

“Gabroomfattootni ammoo ummatchaan guyyaa torba keessatti akka gadi lakkiftanii biyyanaa baatan, murtii tana beekaa,” jedhanii gadi furan. Jagnoonni diddaa murtii gabroomfattootaatiin ba'an Gannaalleen gama cee’anii, Walaabu keessatti Kadiir Waariyoo Luugoo, Abdurrahmaan Haroo Abdii, Huseen Harcummaa Boruu, Huseen Abdurrahmaan Jaldoo, Roobaa Hindukkoo, Taa’oo Iggee Muussaa Dooyaa Jaarsoo, Huseen Waaqoo Dhaddeetiin walqunnamuun murtii gabroomfataan ummata irratti dabarse kana dura dhaabatchuuf qawwee afur qabanirratti sadi'i dabalatanii bitachuun lolaaf of qopheessan. Haala kanaan diinaan lola’aa humna cimsataa deemuun, Suumaalee irraas odeeffannoo argachuu jalqaban.

Waaqoo Guutuu Kadiir Wariyootii fi Huseen Harcummaa futdhatee, Abdullaahii Usmaan, Muussaa Sheekaa, fi Abdurrahmaan Haroo dhaamsa waliin biyyatti ol deebisee gara biyya Sumaalee socho’e. “Ummata keenyaan wal ta’aa, Amaara ofirraa ittisaa, hafuura keenyallee nuhordofaa!” jedhanii Eela Baalantichaatti addaan bobba’uun, bakka bu’oota woraana gosoota: Ajjuurana, Karallee, Gurraa, Garri’ii fi wkf wajjiin walqabatanii Bulahawoon Sommaalee seenan. Warri dhaamsaan biyyatti ol-deebi’ellee, Gannaale Arba-Gabbaa bakka jedhamutti ummata walga’e kan maanguddoonni akka Waaqoo Luugoo, Camarrii Guutuu, Aadam Jiloo, Muussaa Dooyaa, Ibraahim Qurii tii fi kkf keessatti argaman qunnamuun dhaamsa isaanii dabarfatan.

Murni gama biyya ollaa deeme, qondaalota Somaalee Bulahawoo irratti qunnamu’uun yaada isaanii erga hubachiisaniin booda, xiyyaaraan Moqaadishoo geessuun, ajajaa poolisii Motummaa Somaaliyaa Koloneel Umar Muhaammad H/Masallaa simatee qubachiisuun dhimma isaan deemaniin erga irraa hubateen booda, gara Jeneraal Daawud Abdullee, Ministeera Ittisa Biyyaatti geesse. Jeneraalchillee qormaata fetdhu irratti dhuunfaa fi gamtaan adeemsisee, haala ummata kanniinii erga hubateen booda, Waaqoo Guutu’uu addatti waamee ”Mootummaan Habashaa: Mootummaa dullatti bara dheeraa bulchiinsa irra turtee, isin dhiisii nutuu Mootummaan Somaalee humna isaaniin nu lolchiisuu dandeettu ga'aa hinqabnuu, waraanni mootummaa Itoophiyaa guddaa akka ta’e isinuu himaa jirtanii waan humna keessaniitii olii kanaan loluuf yaaduu dhiisaa, waan sibarbaachisaa hundaa siif godhaa, asuma quphadhuu taa’ii, taa’ii yeroo itti eggadhuu” jedheen.

Waaqoo Guutuu, mootummaasn Itoophiyaa waraana guddaa qaba jechuunkee dhugadha, garuu nuti gurmuu guddina isaa dadhabnee usuu hin taane, meeshaa woraanaa keessattu rasaasa dhabuu keenyaaf malee, yoo meeshaa waraanaa arganne, rabbiin gargarsifatnee akka ofirraa kaasuu dandeenyu ummata kiyya irraa abdii qabaa, rakkoo jiruu dadhabee biyyaa hinbaanee, laaftee jabaatteellee manuma oo’aa keessaa ba'e, amma diina maangudoo, dubartii fi daa’imman keenya bakka hundatti fixaa jiru fi qabeenya keenya saamuu fi barbadeessaa jiru kana hanga dhoofnee of keessaa baafnutti jireenyi ani mataa mataa kiyyaan argadhee ittiin jiraadhu tokkollee naaf hinjiru, mootumma Habashaa ‘Guddoodha hindandeessan” jettu tana akka dandeenyu sitti agarsiifnaa, yoo qawwee guddoollee naaf dhabde, rasaasuma Albeenii fi Minishirii naaf kenni,” Ammallee isin obboleewwan keenna tokkoo, rabbiin isin gargaaree, rakko gabrumma’aa hamtuu san jalaa isin baasee, namni miila lamaan dhoqqee seene miila tokko dhiqatee tokko hindhiisuu, nuti miila keessan tokko kan dhoqqee keessatti hafee, dhoqqee gabrummaa Nafxanyaa kana keessaa waan dandeessaniin nu gargaaraa, nubaasaa” jedheen. Jeneraal Daawudillee yaada isaa kana xiinxaluun hubatee “Wanti ati nuun jette dhugumaa! Ammoo nutillee marga qacalee reef ba’aa jiru, nibeektuu, wanti guddoon isin gargaarru jiraachuu dhabaatus, waan humna keennaa isinii goona, mee hangasiif gama Bulahawootti ol-deebi’aatii na eegaa." jedhee gara koloneel Umar deebise.

Guyyaa gabaabaa keessatti koloneel Umar jara kaawwan Bulaahawootti gaggeesse. Waaqoo fi Kadiiriin Moqadishootti hambise. Isaan ammoo, afaan Sumaalee faaratti beeekuu dhabuu irraa kan ka’e, hafuu isaanii kanatti, “Maali’iif nu hambisan?” jetdhanii yaaddayan. Hedduu rifatan, gaddan. Tanuma keessa Jeneraal Daawud guyyaa lammataa Helekoopterii ofiitin Waaqoo fi Kadiiriin gara Bulaahawootti fudhate. Amma Jeneraal Daawud hooganoota gosoota waraanaa hunda waliin jiran walitti qabee, Jeneraal Waaqoon hooganaa isaanii godhee muude. Qawwee Dhoombir afurtama, matirayyeesii Toomaas lama fi Boombii sadi'i kenneefii “yoo isin silaafuu waraana Amaaraa hindandeettanii, mallayyoo poolisaa ykn hiituma mudhi’iillee boojitanii naaf fiddan fuula dura waan kanaa olii akka isin gargaaruu fi bifaa fi baay’inni qawwe’eellee kanaa ol akka ta’u waadaa siif gala,” jetdhee gaggeessa. Amma Waaqo nama sadi'ii, qawwee afurtamii-lamaa fi boombii sadi'iin fe’atanii galuuf gaala barbaadachutti jiran, Camarrii Guutuu woraana nama afurtama qabatee dib-jedheef. Gammachuu guddaan qawwee walii hiratanii, itti gaafatamtoota waraana kaanii wajjiin taa’anii mari’atan. Sochii isaaniifillee maqaa baafatan. “HIZBII” ofiin jedhan. Namuu gama biyya isaatti socho'e, waraanni Waaqoollee gara Oromiyaa-Baaletti qajeele.

Humni Waaqoo Guutuu Oromiyaa seene, maqaa isaa kama qawwee isaa baafate, “dhoombir“ ofiin jedhe. Bara 1963 malkaa Annaatti seensa ji’a Caamsaa irratti waraana Amaara kan isaan gaadaa jiru, lakkoofsan dhibba ja'a ta’u, shaalaqaa Buzunaan durfamuun waliin walsiman. Lola ganama saa’aa 10:00 irraa jalqabee saafaya booda 2:30tti adeemsifameen, humna diinaa irraa namni afurtamii sadi'i yoo ajjeefamu dhibbaa ol kan ta'ummoo madaa'e. Yeroo duraatiif qawween Oromoo akka Amaara ajjeeftu hojiin mul’dhatee, deeraa fi ijoolleen daaw’atte. Guyyaa kana qawwee M1 ykn Furgoo saddeet, kan akaakuun isaa hinbeekamin kudha sadi'i booji’an. Shaalaqaa Buzunaan dursa waraana ofii baqatee Bidiretti gale. Gootota Diddaa-Gabrummaatiif bayan keessaa lola kana irratti gootonni lama wareeggaman.

Falmiin bifa kanaan jalqabee bal’dhinaan itti fufee kutaa Baalee walakkaa ol akkasumas Sidaamoo koonyaa muraasa gabrummaa Habashaa jalaa bilisoomsee waggaa saddeetif bulcha’aa ture. Haaloo baafannaan Hayila Sillaasee birmachuu meeshaa fi beektota faranjiitin gargaaramee gara-jabinaan hamma bara 1969 ummata Oromoo beeraa fi ijoollee dhibba sadii'ii fi kudha shan qilee keessatti fixuun diniina ummatatti kenne. Kunis “Waaqoon fidaa, yookan ammoo ummata harka boojuu jiru keessaa dhiira umurii kudha shanii olii jiran fixuu” jedhee maanguddoota waamuun itti hima. Dhiibba kana irraa kan ka’e "anaaf jecha lubbuun ummata kiyyaa hindhabaminii.” jedhe Onkololeessa 1970 motummaatti harka kennatan. Haaluma kanaan, gootichi Waaqo qoratamanii mooticha waliinillee dubbatan. Badii biyyaa irratti raawwatameef balleessan gutumaa-guututti kan mootummaa ta’uun itti walii galamee, "ammaa booda biyya waliin bulchina" jedhan. Aanga’oo fi bulchaalee mirkaneessanii fii Jeneraal Waaqollee biyyatti deebi’an. Haga dhuma 1975 biyyuma keessa turanii 1976 humna Waraana Soowraa ykn Jaanaddee ijaaramee ol bobba’e Magaalaa Bidiree keessaa ba'uun isaaniitti makaman. 1976-1983, itti-gaafatama adda-addaa irratti humna Soowraa hoogganaa turan: ajajaa woraanaa ta’uun, itti gaafatamaa dantaa haajaa alaa ta’uun, itti aanumma’aan gaggeessa’aa turan.

Akeekni Jeneraal Waaqoo bilisummaa uummata Oromooti. Kunis kan mirkanaa’u tokkummaan uummata Oromoo yoo eegame jechuun Dhaaba Adda Tokkummaa Bilisummaa Ummata Oromoo (ATBUO) bara 1989 hundeessun dura bu’ummaan hooganaa turan. Bara 1991 Motummaan Dargii jige,”rakkinna Ummata Oromoo karaa nagayaatiin haafuramuu” jechuudhaan Mootummaa Ce’umsaatti dhaabbilee dabalaman keessaa jaarmayaan Waaqoo Guutuu isa tokkoo ture. Diinni qoosaa hinbeekuu, murtii nagayaa diignaan isaanis bara 1992 chaartera keessaa bahanii qabsootti deebi’an. Bara 2000 tti humnoota Oromoo qindeessuun /ULFO/ dura taa’ummaan gaggeessanii jiru. Waldhabbii jaarmayaalee Oromoo gidduu jirus furuuf qooda guddaa kennanii turan. Dhaamsa ummataa dura taa’ummaan gaggeessanii jiru. Waldhabbii jaarmayaalee Oromoo jidduu jirus furuuf qoodda goddaa kennanii jiran. Dhaamsa Ummataa ergan keessaas “Yaa ummata keenya gaafa beekaan hinheddumaatin waljala yaanee, diina keenna ofirraa dhoofne. Har'a ammoo beekaan heddummaatee, waldhagayuun dhabamtee, ummata keenyaallee waa godhuu hanqanne. Har'a tokko ta’aa jirra, dhaabbilee Oromoo ja'an walii galtee uumaa jirra, Ummatni keenya waan guddaan gadii baanaan nu eegaa jiraa—mee gaara dorrobe nu hingotdhinaa. Bara durii gaarri dorrobee maal dhala jedhanii odoo eeganii lilmoo dhale, gaara dorrobee lilmmoo dhale nuhingotdhinaa,” jedhanii ummata isaaniitti dhaamatanii turan.

Injifannoo Waraanaa[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Loltoonni Waaqoo Guutuu lenjii fi meeshaa ga'aa qabaachuu baataniyyuu gootummaan waan lolaniif injifannoo battalumatti galmeessuu jalqaban. Injifannoo guddaa argatan keessaa tokko Waraana Malkaa Annaatti bara 1963 godhame. Waraana kanarratti, helekoopterii lama qawwee dhombiir kan otomaatikii hintaanen rukutanii kuffisan. Kanaafis barri 1963-1970 jiru ummata biratti maqaa qawwee sanaatti moggaafamee "Towra/Sowra Dhombiir" jedhamuun beekkama. Waraana Dhombiir kan Malkaa Annaatti godhamerratti finciltoonni Oromoo meeshaalee waraanaa baayyee booji'an, kunis meeshaa ittiin diina ofirraa ittisan jabeesseefi. Finciltoonni waraana kanarratti gootummaa guddaadhan ijoollee, haadha manaa fi loonsaaniirraa diina ittisuuf ciniinnatanii lolani, kanaafis injifatani.

Du'uusaa[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Jeneraal Waaqo dhukkubsatanii gaafa Gurraandhala 3, 2006 lubbuunsaa dabarte. Dr Gammachuu Magarsaa awwaala Jeneraal Waaqoo irratti akka dubbatetti "Waaqoon odoo lubbuun jiruu dhiisii gaafa du'ellee ummata gara garaa walitti fida" jedhe. "Dhaloonni isarraa dhaalu ummata Oromoo tokko akka godhan amanna". Jeneraal Waaqon, qabsoo bilisummaa uummanni Oromoo godhe fi godhaa jiru keessatti gumaacha guddaa godheen yaaddatamaa jiraata.

Wabii[gulaali | lakkaddaa gulaali]