Jump to content

Ajifatummaa

Wikipedia irraa
Jireenya keenya keessatti yeroo hedduu Daakkiyyee adii qofa yoo nu mudata, Tilmaama "Daakkiyyee hundi adiidha" jennee tilmaamuun ni danda'ama. Akka falaasama saayinsii duriitiin yaadni yaadame dhugaa ta’uu isaa mirkaneessuun barbaachisaa ture. Haa ta’u malee, kun kan hin danda’amne sababa yaada murtaa’e irraa gara dhugaa hin murtoofneetti utaalnee jirra. Kunis, addunyaa kana keessa naanna’ee daakkiyyee adii yoo arginullee, daakkiyyen halluu biroo qaban kan nuti hin argine jiraachuu danda’u. Kanaaf, dhugaa isaa akkasumaan mirkaneessuuf yaaluu mannaa, soba ta’uu isaa qorachuun gaariidha, sababiin isaas, daakkiyyee adii hin taane tokko illee yoo argame, tiilmaamni (hypothesis) keenya soba. Kanaafuu, Ajifatummaa dhugaa yaada tokkoo mirkaneessuu mannaa gaaffii kaasuu, yaada sana wal faallessuu fi qeequu ni deeggara.

Ajifatummaa ykn sobsiifamummaa yaad-rimee ijoo saayinsii fi mala saayinsii keessatti . Beekumsi amanamaan tokko yaaliidhaan ykn xinxaaluun soba ta'uun isaa yoo mirkanaa'uu danda'e beekumsi ajifatummaa qaba jenna . Asitti beekumsi irratti amanamee dirqama soba ta’ee argamuu hin qabu. Dubbiin inni guddaan yoo soba ta'e qoratamee soba ta'ee isa argamuu danda'aa? Deebiin gaaffichaa eeyyee, soba dha.

fakkeenya

"Namni hundi bara baraan jiraata." Himni kun ajifatummaa qaba. Sababni kanaas namni tokko illee yoo du’e sobni isaa ni mirkanaa’a.
"Namni hundi ni du'aadha." "Himachi ajifatummaa hin qabu." Sababni kanaas namoonni hanga ammaatti nu mudatan hundi yoo du’anillee gara fuulduraatti nama hin duune hin wal arguu dandeenya.

Himoonni qajeelfamaan ajifatummaa qaban garuu goch kan hin qabnes jiru. Fakkeenyaaf, "Gaanfi Afrikaa waggoota miliyoona 3 keessatti addaan ba'e." » Dhugaadha, Gaanfi Afrikaa yeroo murtaa’e keessatti bakka lamatti gargar bahuu dhiisuu danda’a, kanaaf qeeqamuu ykn Ajifatamuu danda’a. Garuu yeroo sana hunda eeggatanii soba isaa mirkaneessuun waan hin danda’amneef, sadarkaa qajeeltoodhaan ajifatummaa qabaatee, gochaa kan hin qabnee jedhama.

Wantoonni tokko tokkoon qeeqamuu ykn ajifatamuu kan hin dandeenye ta’us, Hima ajifatamaa jalatti kan ramadamu waan danda’amuuf saayinsii keessatti faayidaa qabu. Fakkeenyaaf, "namni hundinuu du'aadha" jechuun ofumaan kan ajifatummaa miti; Garuu yaadni "namni hundi osoo waggaa 150 hin guutin du'a" jedhu ajifatummaa qaba. Kanaafuu, hima jalqabaa hima lammaffaa irraa waan maddeef, ofii isaatii ajifatummaa yoo hin qabaanne illee akka beekumsa saayinsaawaatti ilaalamuu danda’a.

Walumaagalatti,ajifatummaa qorannoo saayinsiitif yaad-rimee baay’ee barbaachisaa ta’edha . Himni/barreeffamni tokko saayinsii ta’uu fi dhiisuu isaa yeroo baay’ee ajifatummaa isaatiin murtaa’a. Kana jechuun barreeffamni tokko saayinsii kan ta’u yommuu ajifatummaa qabaatu ykn yaad-rimeewwan ajifatummaa qaban irraa sababaan kan cuffamee/maddee dha.

Qeequu/Ajifatu

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Falaasoonni ammayyaa tokko tokko Ajifatummaan bu’uura beekumsa saayinsii ta’uu isaa ni haalu ykn mormu. Keessumaa sababni isaan Ajifatummaa waan qeeqaniif inni guddaan ajifatummaa beekumsa kamiyyuu mirkaneessuu caalaa qeeqa irratti kan hundaa’e ta’uu isaati. Falaasoonni kun bu'uura beekumsa saayinsii ammayyaa qorannoo carraa irratti gumaachaniiru .