Agarsiisa Aadaa fi Sirboota Oromoo 1977

Wikipedia irraa
Gara kallatti ce'i Gara barbaadutti ce'i

Agarsiisni Aadaa fi Sirboota Oromoo 1977 agarsiisa bara 1977tti geggeeffame yoo ta'u kan irratti xiyyeeffates Oromoota adda adda walitti fiduun aadaa fi sirboota Oromoo agarsiisuu ture.

Qophicha[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Bara 1977, artistoonni Oromoo hawwisoo Kutaa Biyyaa Arsii, Baalee, Jimmaa, Wallaggaa, Shawaa fi Harargeerraa dhufan Finfinnee Biheeraawwii Tiyaatiriitti agariisaf walitti qabaman. Agarsiifni kun seenaa Oromoo keessatti kan jalqabaa yoo ta'u Oromoonni kutaa biyyaa adda addaa keessa jiran dhufanii yoo wal arganis kan jalqabaa ture.

Agarsiisa kana qindeessuu keessatti namoonni hedduun kan hirmaatan yoo ta'u Gaazexaan Bariisaa maallqaa fi yaadan deeggaruun shoora guddaa tabate. Namoota agarsiisa kana qindeessuu keessatti hirmaatan keessaa Kumaa Ida'ee, Mahdii Hamid Muudee, Kuwee Kumsaa, Ibraahim Hajii Alii, Bushraa Warquu, Birkaa Bulloo, Kinfaa Hindheessaa, Daansamoo Mi'eessoo, Oloo Ilmii, Anshaa Aagoo, Saamunaa Rakkisoo, Yoseef saaddoo, Bakaree Bantaa, Daaluu Baqulee, Tasammaa Nagarii, Taaddasaa Dabalaa, Ahmad Muussaa Haaji (Araarsoo) faadha.[1]

Weellistoota Hirmaatanii fi Walleesaanii[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Agarsiisa kanarratti wellistoonni baayyen naannolee Oromiyaa gara garaarra hirmaataniiru. Kutaa biyyaa Harargeerraa Gaaddisaa Abdullaahii (Muhammed Abdullaahi), Alii Birraa, Shantam Shubbisaa, Hordofaa Guyyisaa, Faaxumaa Muhammad, Ashu Muhammad, Halloo Daawwee, Himee Yusuuf, fi Ibraahim Hajii Alii ti. Godina Wallaggaarraa Ilfinash Qannoo, Zarihuun Wadaajoo, Daani'eel Namarraa, Amantee Doojaa, Askaala, Alamituu, Biraanuu Quuyyoo faati. Godina Arsiirraa Bashir Dhaabii, Buttaa Makuraa, Shugguxee Naga'oo, Billisaa Kaa'oo, Xayyibaa Kattoo, Abdoo Galatuu, Xayyibaa Aliyyii, Hajii Tufaa, Urgeessaa Bantaa, Huseen Tusii, Saamu'eel Shunee, Dannabee Eda'oo faati. Godina Baalerraa Shaabee Sheekoo, Zamzam Bushraa, Raabiyaa Bushraa faan hirmaatanii jiru.[1]

Agarsiisa kanarratti wallee gabrummaa fi cunqufama Oromoo balaaleffatan, bilisummaa fi warraaqsaaf kakaasan baayyetu wallifame. Walleewwan kana keessaa muraasni armaan gaditti barreefamanii jiru.[2][1]

Ilfinash Qannoo akkas jettee weellifte Zarihuun Wadaajoo akkas jechuun weellise Gaaddisaa Abdullaahii akkas jedhee weellise
Nurratti jigee turee ba'aan guddaansaa

Qawwee malee maaltu bilisa nu baasaa

Gargar baanee turree

Attamiin walgaree?

Bara baayyee turree

Dhaamsan sitti dhaamaa ilmaan Oromootaa

Akkamiin baddi seenan Oromootaa

Maqaa biyyaallee ni geeddaranii

Adaamadhaan Naazireet jedhanii

Tolasaa fi Badhaasaa kiristinnaa kaasanii

Safuun tee hin baddee, bara baayyee baatee

Bilisummaa jirtuu aramaan si nyaatee

Nurratti jigee turee ba'aan guddaansaa

Qawwee malee maaltu bilisa nu baasaa[1]

Koottaa aranaa aramnaa, midhaan keenya keessaa

Tuufoo bubuqqifnaa, cobasaat balleessaa

Lafasaat borqiidhaa, kanaaf tuufoo baasaa

Lafa aramaan baayyee mee midhaan ilaalaa

Nutti jajjabaattii akka hidda kalaalaa

Keessaa bubuqqisii, lammata magartii

Hiddisii yoo haftee, lamuu nu dhamaaftii

Dhiqqeetti isa tuullee aduun haa waraanuu

Achitti haa tortoruu midhaan haa fakkaannuu

Yoo midhaan lalisee dameensaa bargaagee

Yoo inni bilchaate osoon ijaan argee

Adaraa yaa namaa kan aramaa agartan

Yoo agartanii yoo bira dabartan

Kan warraaqsa heddan

Kan biyyaaf dhaabbattan[1]

Qeerron mataa tuutaa, hinjarjaru suutaa

Qeerron mataa tuutaa, bar hinjarjaru suutaa

Garagalchanillee, bar garagaluu hin oollee

Ilmi abbaan cunqursaa, nama ganuu hin oollee

Aduun takka dhiitee, takkas ni bariitee

Kan akka kennaa hinjiruu, kan gabrummaan miitee

Jiruun gabrummaadhaa, tan nama yaachisuu

Guyyaanis carraaqaa, halkanis nun raffisuu

Jiini guyyaa hinbahuu, halkan lama hinta'uu

Diinni kalee dhufee, bar waa fira nuu hinta'uu

Biyya teenya malee, tan namaa hinfalminuu

Abbaadhaf gabroomnee, ilmaan hindhaalamnuu

Osoo biyya qabnuu, biyya teenna dhabnee

Osoo heera qabnuu, heera keenna dhabnee

Osoo aadaa qabnuu, aadaa teenna dhabnee

Akka baala mukaa faffacaanee hafnee

Hacuuccaan gabrummaa, uf nu wallaalchisee

Bikka namni ga'u, bar ga'uu nuhanqisee

Namummaan haqasaa diinni duraa dhoysee

Mee attamiin nyaattee, dhugee, rafa usee[1]

Halloo Daawwee akkas jettee weellifte Hordofaa Guyyisaa akkas jedhee weellise Shantam Shubbisaa kana wallise
Barbaannee wal barraa

Walirraa barraa

Wajjin tarkanfannaa

Yeroo isaatu har'aa

Yeroo keennatu har'aa

Ka dhihaa ka bahaa

Ka dhidhinaa ka booroo

Irree tokkoon kaanee

Haa walbarru dhiiroo

Nutu wal wallaale

Mee maaluma tarraa

Xiqqaa guddaa keennan

Ilmaan biyyaa maraa

Oromoottan maaruu

Ilmaan haadha takkaa

Hireen isaanii takkaa

Gara gara duulun

Laalaa mee wahii akkaa?[1]

Shaggee akkam gootaa

Seenan bar dhalootaa

Ani duulaa deemuu kiyyaa

Maal natti dhaammattaa?

Ibiddi Sidaamaa, afuufun ni dhaamaa

Bosonatti galee dhaamsa sitti dhaamaa[1]

Owwalamnee turree jiruun nu sabni ballaan durattii

Nama yartuu cunqurstuu harkattii

Meeqatu bayee bade biyyaa ari’amee

Meeqatu karaamalee cubbudhaan qalamee

Haqa isaa himachuuf meeqatu fannifamee

Osoo Afaan qabnuu irraa ugguramnee

Afaan biraa baruuf qawween dirqamnee

Kunoo har’dha ijaarrachuuf

Qaawwaa xinnoo argannee

Dhiiraa fi dhalaa if booda akka hinjennee

Biyyaa teenyaa tiruu maqaa jijjiranii

Afaan nut hinbeennen meeqa moggasanii

Warri cunqurstoonni yoom nudamdamanii[2]

Tarkaanfii Mootummaa[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Agarsiisa kanatti kan hin gammadne mootummaan abbaa hirree Dargii, manuma tiyaatiraa san keessatti boombii namootatti darbachuuf yaadee ture. Boodarra garuu achuma keessaa namoonni tokko tokko waan mormaniif, boombii darbachuun ni hafe.

Wabii[gulaali | lakkaddaa gulaali]

  1. 1.0 1.1 1.2 1.3 1.4 1.5 1.6 1.7 Muhammad Sayid, Seenaa fi Qabsoo Oromootaa, maxxansaa 3ffaa, 2015
  2. 2.0 2.1 Tesfaye Tolessa Bessa. A History of Oromo Cultural Troupes in the Making of Oromo Political Struggle (1962-1991), Science, Technology & Arts Research Journal, July-Sep 2012,1(3): 88-96