Vaalaansii elektiroonii
Keemistirii keessatti vaalaansii elektiroonii ykn gitatoon mandiiqaa elektiroonota alaa ykn gollaelektiroonii vaalaansii atoomii keessa jiranidha . Isaanis vaalaansii atoomii murteessu kunis akkaataa elementiin keemikaalaa elementoota biroo wajjin walnyaatu keessatti barbaachisaa dha. Elementiiwwan elektiroonota vaalaansii saddeet qaban ( gazoota luujii ) kan hin sochoone yoo ta'u elementoota biroo garee gabatee peeriyoodii keessatti argaman waliin walnyaatinsa keemikaalaa uumuuf hin amala qaban .
Lakkoofsi elektiroonota vaalaansii garee elementii tokkoo gabatee Piriiyoodii keessatti murteessuufis barbaachisaa dha, sababiin isaas lakkoofsi elektiroonii vaalaansii elementii tokkoo lakkoofsa garee isaa gabatee piriyoodii keessatti argamuun tokko waan ta’eef. Hamma elektiroonota vaalaansii elementii tokko keessatti argaman shallaguuf lakkoofsa dhumaa qindeessaa elektiroonii barbaaduu qabda.