Tarree Mammaaksa Oromoo
Appearance
Tarreen kun maamaaksa Oromoo bebekkamo qaba. Oromoon mammaaksa baay'eeqabuu keessa muraasni kan armaan gadiiti.
| Mammaaksa | Hiikkaa |
|---|---|
| Waliigalan alaa galan | |
| Dhugaan niqallatti malee hincittu | |
| Osoo gubadhuun, kolfa jette akaayiin. | |
| Waaqni hinariifatu lafa jedhe hin oolu. | |
| Jaamtu jaamti malee, saree ija hindhiqan. | |
| Qeerrensa eegee hinqaban qaban gad hin dhiisan. | |
| Kan qotiyyoon iyyuu male qacceen iyyiti. | |
| Hudduun guddateef dhuufuu hindhowwu. | |
| Garbittiin gargaarsa argatte majii dhoksiti. | |
| Ni ta'a jennaan Harree qallee hin ta'u jennaan harree gannee isumaa fidaa jennaan dhaqnee dhabne. | |
| Kan akka fardaa nyaatu gaafa akka namaatti nyaate du'a. | |
| Garaacha dheedhii, garaatti beeki. | |
| Midhaan warra raatuu bona bona nyaatu. | |
| Haadha hin qabdu akkoof boossi. | |
| Keessummaa qamalee raafuu keessatti argu. | |
| Hiyyeessa boo'icha hin gorsan innuu jalleesee naqa. | |
| Sareen sarbaa hin qabdu mukarbaa hin yaabbattu. | |
| Gadheen qalbii hin qabdu kan darbe hin yaadatu. | |
| Kan lafatti wal hintaane muka wajjiin hin koru. | |
| Fincaan lukkuu kan arge haa himuu. | |
| Durattuu durii maalayyaa waaqoo lama tahe. | |
| Arruma salaattee arruma maraatte. | |
| Yaanni karaa hin dhaleessu. | |
| Qilleensarratti mana hin ijaaran. | |
| Eeboo darbatanii jinfuu hin qabatani. | |
| Akka cabanitti okkolan. | |
| Ni turra malee ni urra jette boonbiin. | |
| Alaa manatti galan. | |
| Kokkolfaa nama nyaatti golfaan. | |
| Waaqaan duuba karaan nama hin dabarsu. | |
| Kan waaqa abdate hindhabu. | |
| Kan waaq mure hinoolu. | |
| Kan waaq uwwise hindaaru. | |
| Namni niyaada;waaqni niguuta. | |
| Ganamaan bahaniif waaqa jalaa hinbahan. | |
| Katuffatantu ardaa dhaala | |
| Bara barri argate buqqeetu dhagaa cabsa | |
| Harreen fe'aa barbaaddu ufiin ooydaa dhufti | |
| Yaa soogidda ofii jettu mi'aayi ta'uu baannaan dhagaadha jadhanii si darbu | |
| Kan qaban qaba hin guunnne gadhiisan bakkee guutti | |
| Hindaaqqoon haate haatee halbee ittin qalamtu baasti | |
| Tuulamanii taa’anii waaqa ofii hin komatan | |
| Ofii jettu mi’aa’i yoo kaan dhagaa jadhanii sigatu jedhe | |
| Alagaa fi dukkanatti ija hin baasan | |
| Mana oormaa bareedaarra, godoo ofii wayya | |
| Adala gowwoomsuun suuta suutan | |
| Kan akka fardaa nyaatu gaafa waan nyaatu dhabe du'a | |
| Soogidda ofii jettu mi'aayi anaa jettu dhagaa tahi | |
| Kormi biyya ofiitti baroodu biyya ormaatti ni mar'ata | |
| Muka biyya jiruun mana ijaaran | |
| Haatee durbaa jennaan dur kaa jedhe mucaan | |
| Ka biraa yoo dhahan kan hin beekkanne isaa yoo dhahan hin beekkatu | |
| Galle jette lafoon farda jala galtee | |
| Hadaamii ollaa hagamsaa imimmaan irraa hinqooru | |
| Baddu baddi malee saree ija hin dhiqan | |
| Warruma keennaa harreen hin taane jedhe namichi booyyee ari'ee | |
| Iilkaan mutaan seene budaan seene | |
| Moluu tiyya boruufuu si'abdadhe" jedhe jaarsi aduun mataa dhoofte | |
| Garaa ofiituu wollaalaaf heexoo itti dhugani | |
| Suuta ejjatan suuta qoreen nama woraanti | |
| Bor ni agarta jennaan edana akkamitti bulee jedhe ballaan | |
| Dhukkubni na ajjeesuu hin jirre hamaaf tolaa addaan naaf baase | |
| Cabaan baqaqatti irkate | |
| Ija jirtu qorsa buusani | |
| Ollaa fi dugdaan ka'an | |
| Gonfoon calqaba baddeet dhoofnan kutaa hanqatte | |
| Gogaa naaf hafaa jedhe waraabessi biyya isa hinbeekne dhaqee | |
| Hriyaan garaa walii hin beekne malkaa ceetu maratti walkaksiifti | |
| Hiriyaa garaa firaa gadheetuu garaa hiraa | |
| Boriif boorri jiraa | |
| Garbbittiin gargaarsa argatte majii dhoksittii | |
| Hamman sii massakkare beettaa jennaan, hamman si taajjabee beettaa jedhe jedhu | |
| Bitaan yaabanis mirgaan yaabanis waligeenyi kooradhumaa | |
| Sabab jette ballaan farda yaabdee | |
| Ijoolleen gajee torbaa anatuu keessaa korma jedhee geerare namichii jedhama | |
| Yaawaaq siifan ka’a, achumaanan gaayyaa koo fudhadha jette jaartiin | |
| Niitiin afaan kaa’a barte, kabaluuf jennaan afaan bante | |
| Sanyii ibiddaa daaratuu nama guba | |
| Dubbiin mammaaksa hin qabnee mannaa ittoo sogidda hin qabne wayya | |
| Miila lama qabaataniif muka lama hin koran | |
| Qottoon maal nu godhe, kan nu miidhe muka keenya isa jallate jedhe mukni jigan jedhan | |
| Yoo hundumasaa dubbatan garaan duwwaatti hafa jedhan | |
| Yaa marqaa si afuufuun si liqimsuuf jedhe | |
| Odoo beeknuu hubaa wajjin nyaanna jette sareen jedhan | |
| Mana eegaan bara eega jette sareen jedhan | |
| Akka garaakoo jette sareen nama gararraan bishaan dhugdii | |
| Biddeen nama quubsu eelee irratti beekuu jedhan | |
| Akka abaluun sirbaan morma nama jallisa jedhan | |
| Lafa rukutanii maggaanyaa ofiin qixxeessu jedhan | |
| "Kopheen muka yaabdee seexanatu na kuffise jettaa" jette seexanni jedhan | |
| "Maqaan baduu mannaa, mataa baduu wayya" jette gondaan ciniintee haftee | |
| Ulfeessaniit ulfaatu jettet haati ilmaaf farda qabde | |
| Firaan boonu malee firatti hin boonan | |
| Harreen ofiifuu hingaltuu loon galchitiiree? | |
| Midhaan dura facaasan sinbirri nyaattet nama dura dubbate namni komata | |
| Ol kaayan malee olka’aniif hin fuudhan | |
| Boru hinbeeknen qodaan bukoo ishee lama | |
| Argaa toleef goromsi hin ottoomu | |
| Sareen namaan buluuf udaan namaa nyaati | |
| Kan kunootii hiin argine kuunnotii hin argu | |
| Kan harree hin qabne gaangee tuffata | |
| Akka ormaattan sirbaan morma nama jallissa | |
| Kana ceenaan lagin hin jiru jette haatikoo | |
| Akka jedhan dhageetee shaniin gufufaan deete | |
| Harkaan dhaabanii barbareen nama gubdi | |
| Taakuu dhiiftee dhundhuma deemti | |
| Wallaalan bishaan keessatti dheebota | |
| Wal jaalateef lafoon wal hin hudeeltu | |
| Namin lafarratti wal shaku muka waliin hin koru | |
| Morki baduu mannaa mormi cituu woyya | |
| Akka ija tiyyaa maaltu naaf kajeela jette sareen | |
| Gaafa maal nyaanna jedhan damma nyaatan | |
| Hirriibni hiryaa du’aati | |
| Afaaniin sheekuseen lukaan gara mukaa | |
| Afaan lafa taa’u lafee alalcha | |
| Horiin deegaa qilee irra dheeda | |
| Lafa itti hin deebine maqaaf hin badadan | |
| Bishaan malaan waaddan | |
| Baraan barruu horan | |
| Dhugaan hin qallatti malee hin cittu | |
| Jaarsi du’uu ka’e si hin abaarin daa’imni guddatu si hin jibbin | |
| Waaqatu nu eega jedhanii balbala banaa hin bulan | |
| Hin ta’a jennee saganee woma ta’uu dhabne | |
| Hin taane kiristinnaan Badhaasaa itti deebi'aa kaasaa | |
| Guddateef dubbii harretti hin fe’an | |
| Qaallu salphattu nama du’utti waaman | |
| Garaan badaan waan nyaatan nama himsiisa jedhe abbaan kiyya | |
| Harkaan dhaabatan lukaan dhiitan | |
| Kan arba ajjeese furrii hin baafatuu? | |
| Waanyoon yoo kufan waan caban nama seeti | |
| Namni farda koorse galgala kooraa baata | |
| Farda hidhatan machiin tolti | |
| Gowwaa sobii qaroo qeensaan qabi | |
| Karaan dheeraan lubbuu nama dheeressa | |
| Soddaa jiruu sanuu balbala jiruu wal hin lolan | |
| Aak jedhan waa tufan mammaakan waa himan | |
| Olkaayaniif malee ol ka'aniif hin fuudhan | |
| Haati hattuun intala hin amantu | |
| Abbaa gabaabaa ijoolleen hiriyyaa seeti | |
| Abbaan daadhii dhugeef ilma afaan hin urgaayu | |
| Abbaan iyyatu malee ollaan hin birmatu | |
| Haadha laalii intala fuudhi | |
| Dura na dhungatteef dhirsa naa hin taatu jette intalli | |
| Hamma namaa hin Geessuu cabsa namaa hin teessu | |
| Anatu Caalaan ciinciraa haaduu afaan buute | |
| Jaartiin bara buttaa duudde hoo luboo jechaa hafti | |
| Akka durii fi harka xuriitti hin hafan | |
| Ani hoo duruu gubattuudha jette beddeen mana keessa gubattee | |
| Waan uffattu hin qabduu aguuggattee haaddi | |
| Karaan sobaan dabran galatti nama dhiba | |
| Hantuunni haadha jalatti gumbii uraa barti | |
| Hojiin waaqayyoo fi kolfi saree hin beekamu | |
| Maraatuu keessi gamna | |
| Waan waaqni qocaaf kaa’e illeettiin hin fudhattu | |
| Manni of–jajjuu karaa dura | |
| Bor hin bekneen qoda-bukoonshee lama | |
| Ija-jabeessarraa sirbi hin fokkisu | |
| Iyyaniif dhalcha hin ta’u jedhe korbeessi hoolaa korbeessa re’eetiin | |
| Iyyan malee hin dhalchanii jedhe hoolan korpheessa re'eetin | |
| Jarjaranif Abbaa dura hin dhalatan | |
| Aartu qotadhu” jedhe namichi saree biddeen dhoowwatee | |
| Nama fardaan barbaadan lafoo argatu | |
| Silaa dhufa hin ooluu, kajeelaa dura waami | |
| Dhamaatuun dhama raaftee “weessootu na dide” jetti | |
| Ijjii fi ijoolleen tika baddi | |
| "Bagan si arge" jennaan "bagan si hin dhokatiin" jedhe hattuun abbaa manaatiin | |
| Maraattuu fi sooressi akka argetti haasawa | |
| Namni dhama’iif uumame habjuun dhagaa guura | |
| "Fardaa fi harree okaa itti haamu, ana qacceen dhoqqeetti gadi dhaanu” jedhe qottiyyoon | |
| Goondaan wal qabatteet laga ceeti | |
| “Oduuf na qalani” jette lukkuun | |
| Kan nyaatee fi kan kaate waa jalaa baha | |
| "Maali fardi ni maraatee?" jedhe waraabessi hari’ee dadhabee | |
| "Adeemsa abbaatu oftolchaa, fuula Waaqatu nama tolcha" jedhe jaldeessi | |
| Afaan gaariin afaa gaarii caala | |
| Hafaasaarra afaansaa | |
| Namni dhadhaa afaan kaa’an dhagaa afaan nama kaa’a | |
| Harreen yeroo alaaktu malee yeroo dhuudhuuftu hinbeektu | |
| Bari fallana, takka namaa fodogaa, takka nama fondoga | |
| Harka abbaa tokkotin ibidda qabachuun nama hindhibu | |
| Kan darbe yaadatanii isa gara fuula dura itti yaaddu | |
| Dhabaaf malee sombi kan sareeti | |
| Qaroo dhabeessi "maal barbaadda" jennaan "ifa" jedhe | |
| Re’een kan tokkoo raafuun kan tokkoo, kis jennee kiisii dabalanne | |
| Dureessi kennef deegaa hudduun dhukkubdi | |
| Yoo itti hubatanii ilaalan tafkiin ija qabdi | |
| Kan haadhatti barte amaatiitti | |
| Arge jettee hin foksin, dhagahe jettee hin odeessiin | |
| Sangaan biyya ofiitti bookkisu, biyya ormaatti ni mar’ata | |
| Kan tokko qabdu hirriiba hin qubdu | |
| Cubbuun bishaanii harka buleen nama nyaachisa | |
| Akkuma dur seeteet jaartiin qullaa lafaa kaate | |
| Sagal ka’uu irra sagal waamuu wayya | |
| Silaa dhufa hin ooluu kajeelaa dura waami | |
| Ani badeen waan bade hin galchitu | |
| Namatti himu malee, namatti hin hidhan | |
| Namni akka fardaa nyaatu gaafa akka namaa nyaatu du’a | |
| Okkoteen waaqa hin beekne, eelee bishaan kadhatti | |
| "Nyaadhee sifixuu dadhabus, haadhee siballeessuu dadhabbaa" jette lukkuun | |
| Gowwaan gingilchaatti bishaan waraaba | |
| Dhiiraa jirtu dhiirummaa hin dhuunfatan | |
| “Dhabaan hin galani” jette haati hattuu | |
| Ameessi okolee dide okkotee hin didu | |
| Dullachi waan garaa qabu alba’a | |
| Iyyitee hin beektuu iyyinaan “Badaa, badaa” jette | |
| Qalbii malee ijji hin argitu | |
| Maqaan erbaniif haarawa hin taatu | |
| Kan sangaan iyyuu male qacceen iyyiti | |
| Waraabessi guyyaan yuuse beekkachiise | |
| Dhamaatuun dhama raaftee weessootu na dide jetti | |
| Suuta deeman suuta qoreen nama waraanti | |
| Hammaatanis hammaaranis dhuma hin ooltu | |
| "Numaaf haati hin bane" jedhe gowwaan haadha ajjeese | |
| Osoo garaan addaan nama hin baasin, karaan addaan nama baasa | |
| Namni ilkaan miidhagu, hidhii walitti hin qabatu | |
| Namni bakka ciisu argate bakka itti diriirfatu barbaada | |
| Re’een baala agarte qeerransa hin argitu | |
| Harree hin qabnu, waraabessaanis wal hin dhabnu | |
| Bara gaddaa mataa lafa godhu | |
| Bara quufaa lukkuutu dhuufa | |
| Kan nyaateefi kan kaate waa jalaa baha | |
| Mucaan du’aaf dhalate wareegaan hin guddatu | |
| Itti himne yoo dhageesee, itti kennine yoo olkeesee | |
| Waan dhufu hin beekanii saree tana akaayii barsiisaa | |
| Abbaan cabsaa ofitti hin xiqqeessu | |
| Abbaan of hin argu; dhakaan of hin darbu | |
| Billaachi ofiifuu hin qabduu dhagaatti uwwifiti | |
| "Yaa anaa durii" jette cirrin fadrdarraa kuftee | |
| Ayyaanni haftuu haadha warraa ajjeesa | |
| Quufan malee hin utaalani utaalan malee hin cabani | |
| "Godaa mannaa godoo wayya" jette haftuun | |
| Tika didaan dhiyaana dida | |
| "Akka ganamaa seetee narra hin ejjetiin" jette sokoruun | |
| "Moo yaa afaan" jedhe funyaan | |
| Manni ija daha malee, gurra hindahu | |
| Kadhatanii galanii weeddisaa hindaakan | |
| Agabuu si bulchuuf ganamaan si beelessa | |
| Bakka loon hin oolle dhoqqee hin argani | |
| Cuunfaa baay'isuun dubbii gogsuudha | |
| Duubaan dulluma jettee jaartiin tokko ragadde | |
| Irreen hin moyan, alagaan hin boonan | |
| Eega kooraan dammaqe fardummaa maaltu jira, eega dubbii dadhabee gamnummaa maaltu jiraa | |
| Jooraa ooltus sareen waan hin jirre hin fuutu | |
| Leemman bareeddeef marqaan hin mi'aawu | |
| Karaafi dubbii odoo arganuu irraa goran | |
| Leenca humnaan roorrisu, qamaleen malaan ajjeefte | |
| Lukkuun biyya hin qabdu, bakka bultu hin dhabdu | |
| Maraattuufi sooressi akka argetti haasawa | |
| Mucaan " nyaanyaa" jedhe osoo hin nyaatiin hin hafu | |
| Of-jajjuun loon lamaa, tikseen kuma lama | |
| "Osoo wajjiin gallee hoolaa, walii qallee" jette jeedalli sareen | |
| Ari'ii biyyaa baasii qabii itti hasaasi | |
| Baran barruu koran | |
| Bareedina gurraachaafi dubbii gamnaa nama bira gaheetu hubata | |
| Abjuun bara beelaa buddeen, buddeen jetti | |
| Tafkiin gaafa haxaawan, gowwaan gaafa gorsan itti abaasa | |
| Namni namaaf qoricha | |
| Marartoon du'a hin oolchu | |
| "Aartu qotadhu" jedhe namichi saree biddeen dhoowwatee | |
| Adeemsa karaa fagoo calqabni tarkaanfii tokko | |
| "Ajjeechaarra sukkuummaan sodaadha" jette tafkin | |
| "Ani hin hanbifannee, ati hin qalbifanne" jedhe namichi | |
| "Dhabaaf malee fooniif nu uume" jette sareen | |
| Ijaafii saree namarraa hin deebisan | |
| Jaalala ishee hin beektuu dhungannaan boossi | |
| Dhagaheef heerumtee, argeef deesse | |
| Nama horii hin beekneef, lukkuun luka lamaa horiidha | |
| Namni dhama'iif uumame abjuun dhagaa guura | |
| Gowwaan isa darbe malee isa dhufu hin yaadu | |
| Abshaalli ofii nyaatee, gowwaa afaan diba | |
| Kan abdatanii mana ishee dhaqan akaayii nama afeerti | |
| Hin bari'u seetee manatti hagde | |
| Humna qarqa baasuufi soora ganna baasu abbaatu beeka | |
| Kan abdatan irra kan argatantu caala | |
| Barcuma ulfinaa abbaatu of jala baata | |
| Jabbiin hootu hin mar'attu | |
| Waraabessi biyya ofii nama haanyaatuu | |
| Kan citaa hinqabneef kan citu baasti | |
| Ijibbaata beelaa eelee sagal dhaabu | |
| Hiyyeessa irraa liqeeffachuu mannaa sooressa kadhachuu wayya | |
| Nuugiin tumanii nyaatan, humna baaterra hin jirtu | |
| Nagaroon qoree baala bakkanniisaa, harsaamessatti saadiru | |
| Maraattuun keessi fayyaadha | |
| Citaa malee mana hin kabatan | |
| Arbi lama yoo wallole kan miidhamu sambaleeta | |
| Abbeen nyaataa buleef qabateen jala hinbulu | |
| Alagaa ilkaan malee garaa isaa hinargani | |
| Qunnii buqqisaniit, abaabilleetti darbu | |
| Raafuun hanga okkoteen qabatu affeelan | |
| Tafkiin utaaltus laga hin ceetu | |
| Tokko namaatu nama dida, kan lammata abbaatu of dida | |
| Suuraan gaariin abbaa fakkaata | |
| “Takkuman kufee, suutan ka’a” jette jaartiin | |
| Qunxur mana fixxee cimmif mana gattii, jedhan | |
| Muka koruun nama hin dhibu, bu’utu nama dhiba | |
| Surree namaa ergisani irra hin taa'inii hin jedhani | |
| Ibiddi garaa foon hin waadu | |
| Dubartiin fira hin qabne mana masaannutti baqatti | |
| Hiriyaa malee dhaqxee gaggessaa male galte | |
| Hiyyeessi har’aa quufeen bulaatti duutee bulti | |
| Boolli guyyaa argan halkan nama hin nyaatu | |
| Hudduu abbaan dagate tusseen sagal ciniinti | |
| Kan qalbii fi jaalalli ajjeese hin fayyu | |
| Adeemsa abbaatu oftolchaa fuula waaqatu nama tolcha jedhe jaldeessi | |
| Alagaan gaafa kolfaa firri gaafa golfaa | |
| Malaaf malli jira mucaaf harmi jira | |
| Adurreen riphattee hantuuta argachuu hin ooltu | |
| Kan gabaan dhaga'e gowwaan galee niitii dhokse | |
| Galgala maal nyaanne jennaan rafnee bulle jedhe jedhan | |
| Akka haroon hin guunne akka raachi hin duune jedhan | |
| Tikseen taakkuutti dhiistee dhumdhumatti kaati | |
| Kan si tumetu na qoree | |
| Namni gaafa hiyyolee qurri isaa duude osoo hiyyolee jeduu hafa | |
| Warra afaan walii beekuu, harreetu balbala cufa | |
| Kan sireen nama hin dadhabiin tafkiin nama dadhabdi | |
| Yoo dheeraan tarkaanfii malu, gabaabaan hulluqaa malata | |
| Maqaan baatu fi karaan baatee hin deebitu | |
| Saree adeemtuu dill'uu goromsaatu darba | |
| Mi'a wal fakkaatu walbiratti fannisu | |
| Hantuunni farroofte qara eeboo arraabdi | |
| Lubbuun abbaan gate lama hin bultu | |
| Harki tokko ni dhiqa malee,hin qulqulleessu | |
| Maal baasuuf dhama raasu | |
| Wacitii abbaan cabsee kaa'e, kan dhiqee kaa'e itti kakata | |
| Raafuu fixee rafuu dide | |
| Keessa keessa adurreen bineensa | |
| Osoo horiin hin galin hattuun mooraa guutte | |
| Fuulli fi nyaanni dhoksaa hinqabu | |
| Ilmoo bineensaa foontu gara bosonaa heda | |
| Kan akka walii loon walitti yaafatti | |
| Kan ilkaan ofii dhalchu, kormi hin dhalchu | |
| Wanta odeessanii fi wanta bobeessan hin dhaban | |
| Dhabaaf malee cirriin cooma kajeelti | |
| Garaa laafinatti, alaltuun bishaaniin nyaatamte | |
| Roobiin garbaa baatee, fiixeensa arraabdi | |
| Salphoo soqolatte, soqolaa gargaaru | |
| Salphinni abbaa lafaa bara midhaan bade | |
| Galaanni bakka bultii hin qabne, gudeelcha guuree deema | |
| Qarri qara hin muru | |
| Tafkiin lafatti walnyaatti, namarratti wal baatti | |
| Kan mana qabu mala hin dhabu | |
| Firri wallola malee gaafa rakkoo wal irratti hin ilaalu | |
| Bishaan darbe hin waraaban | |
| Daakaniif hin marqan, dharra'aniif hin argatan | |
| Madaan qubaa abbaa guba | |
| Sanyiin waan facaasan magarti | |
| Ofii nyaatan ormaa laatan | |
| Gaddeemtuun namaa harree ribbii hormaata fuuti | |
| Beekte beekte jennaan niitiin qeesii kitaaba miiccite | |
| Waan qabaniin gabaa bahu | |
| Maanguddoo fi eeboo dura hin dhaabbatan | |
| Na argaa na argaan na dhoksaa fida | |
| Haatii fi gabaan waan namaa kennitu hin beekan | |
| Jaartii soba raftu, qaqawweessi hin dammaqsu | |
| Kan dulloome jaarsa, kan du'u dargaggeessa | |
| Gurri dabarsaan ollaa walitti naqa | |
| "Yaa saree ciini akkami" jennaan "isa quufe hin kadhatu, isa beela'e immoo ni dhowwatu" jette | |
| Duuni biyya wajjinii, hirriiba jette jaartiin | |
| Ifaan sooratan dukkana daakkatu | |
| Waan gaarii seetee mimmixa dhuka ykn bobaa jala kaawwatte | |
| Jarjaraan re'ee hin horu | |
| Gowwaa al tokko arrabsi, innuu lammata of arrabsa | |
| Ijoolleen nyaataaf waaman ergaa seetee diddi | |
| Kan mootu dhaani jennaan dhirsi galee niitii dhaane | |
| Sinbira lubbuuuf kaattu ijoolleen tapha seeti | |
| Kan waraane ni dagata; kan waraaname ni yaadata | |
| Keessummaan keessa namaa hin beekne gaaffii dheeressiti | |
| Lama na hin suufan jette jaartiin qallubbii hattee | |
| Humnaan nyaataniif,humna hin ta'u | |
| Muka jigetti qottootu baay'ata | |
| Arrabakoo yaa laxxisaa, situ faallee na hanqisa | |
| Of hubde yaa dhakaraa kan harkaan mukatti of buufte | |
| Osoo hin hubatiin harka hin gubatiin | |
| Irra turuun farda uruudha | |
| Takkaa diimanne jette nuugiin | |
| Namni namatti jennaan, erbeen saawwanitti jette | |
| Bakka arfaasaa dhaabbatan, birraa dhaabbatu | |
| Kan barri namatti fide,hiriyaan namatti qoosti | |
| Kan bonni ajjeese,ganni maqaa fuudha | |
| Harkaan kennanii, miilaan barbaada deemu | |
| Barri ni darba, taajjabni ni tura | |
| Kan humna qabu reebee(dhaanetu) booyicha nama dhowwa | |
| Kan qunnaan galata hin ta'iin daa'ullaan galata hin ta'u | |
| Aadaa fi aduu ni dhokatan malee hin badani | |
| Bishaan yoo nama nyaatu nama kofalchiseeti | |
| Caama ganamaa kan beekuutu ho'ifata | |
| Dololloon nama hin fudhatuu laga guddaa nama geessi | |
| Biyyaa bahaan malee biyya hin yaadan | |
| Dhalee lakkaawu dhadhabee jettee kurupheen tokko dhaltee | |
| Dheeratteef leemmanni gudelchaa hin taatuu | |
| Holqaa seenani dukkana hin sodaatan | |
| Hora bu'anii dhoqqeee hin lagatan | |
| Of jajjuu hantuutaa eegeen lafa hin gahuu | |
| Hamii fi eegeen abbaa duubaa oolti | |
| Deemaa oltu barattu malee barumsaa hin argattu | |
| Gabaabbatu iyyuu abbuma warraatu diinqa taa'a | |
| Ibidda rafe huubni achuu kajeela | |
| Kan garaa malee kan maqaa yoom na dhibbe jedhe waraabessi | |
| Buddenni nama quubsu eeleerratti beekama | |
| Re'een kan ofii hin beektu sareedhan eegee gad qabadhu jetti | |
| Waraabessa darbee sareen dutte | |
| Osoo hin hubatin hin dubbattin | |
| Harree ganama bade galgala kurkuriin hin argu | |
| Roobuus caamus ijii misiraa lama | |
| Bakka oolan irraa bakka bulantu caala | |
| Akka qottiyyoon gooba jettee raachi dhootee duute | |
| Hiriyyaan garaa walii hin beekne guyyaa hunda kakuudha | |
| Abjuu sodaatanif hirriiba hin dhiisani | |
| Kan garaan yaade miilii ganamfata | |
| Miximixaa harkaan dhaabanii gubaa himatu | |
| Namni yaraan imaanaa gatee lafti yaraan sanyii nyaattee | |
| Olkaa'an malee ol ka'anii hin fuudhani | |
| Harreen hidhaa kutte jennaan ofittuu gabaabsite jedhe | |
| Qunceen wal gargaartee arba hiiti | |
| Adurreen kan bakka loon oolan hin beekne galgala aannan dhugdi | |
| Midhaan warra gowwaa bonaa ganna nyaatu | |
| Abbatu of mara jedhe boofni | |
| Abbaan mana jiraa gurri ala jira | |
| Adda nyaataniif hin gabbatani | |
| Ijji gamnaa dura boossi | |
| Tanaa warri rafnaan jette sareen | |
| Harree hin qabdu farda namaa tuffatti | |
| Jiruu fi soddaa hin tuffatani | |
| Ijji badduus bakki ijaa hin baddu | |
| Harki hanna bare dooluuttuu socho'a | |
| Dubbii barbaada sareen gabaa baati | |
| Gorsa diddu du'a hin diddu | |
| Muka beekan qoricha hin se' an | |
| Heexoo galataaf oso hin taane qorichaaf dhugan | |
| Ilmii fi biqilli guyyaa malee hin dhalatu | |
| Kan dhaabbattee si hin agarre, teessee si hin argani | |
| Abbaan loonii dhoqqee hin xireeffatu | |
| Tiruun bulte lafee taati | |
| Cubbuu sodaachuun booruuf | |
| Dallaan abbaa kudhanii yeroon hin cufamtu | |
| Daangaan jaalalaa afaanii baasanii walii laachuudha | |
| Deeganiif hin du'an | |
| Deegarra ulfaatti jedhee namtichi ashaboo mataatti baate | |
| Duutiifi dullumni hin hafan | |
| Eeboo darbatani jinfuu hin qabatani | |
| Fardi biraan nama gaha malee hin waraanu | |
| Fiigee fiigee kormi sangaa ta'a | |
| Fooliin gaariin kannisa harkisa | |
| Foon lafa jiru allaattii lafa irratti wallolti | |
| Abbaanuu hin gallee, fardaaf booyyanni | |
| Adda baane jedhe namtichi furrii fudhatee | |
| Lagaatu walitti yaa'a malee garaan walittii hin yaa'u | |
| Gadheen niitii, dhiirsa hamatti | |
| Yoon ani du'e araddaan hin margin jette harreen | |
| Ofiifu duutii maaf of huuti | |
| Foontu fooniif rifata | |
| Naatu beekaan beekkumsa hin taatu | |
| Akka kufanii hin cabani | |
| Bittaa wallaalanii gabaa komatu | |
| Fardi badaan farda balleessa | |
| Harmaatu lama malee aannan tokkichuma | |
| Badiin saree gaafa duute | |
| Guddatee guddatus gurri mataa hin dabartu | |
| Akka beekan bulan | |
| Lukuun abbaanis qabu, bineensis qabu iyya hin dhiistu | |
| Tunis dhukkuba taateef tessuma nama dhowitii jedhe namichi dhullaan qabde | |
| Yoo akka nyaattu homaa hin taatu yoo akka aadduu barana him baatu | |
| Saroonni walnyaatti kan ishii nyaatu hin argan | |
| Namni Jireenya isaati fakkaata | |
| Hamma fedhe guddatan, gosa ofii hindarban | |
| Nama guddisuun of guddisuudha; nama xiqqeessuun of xiqqeessuudha | |
| Jaarsi du’aa adeemu si hin abaariin, bishaan gu’a gahe si hin nyaatiin | |
| Kabaja balbalaaf hindaaqqoon gadi jette | |
| Mana balbala malee hin seenan, utubaa bakka malee hin dhaaban | |
| Muka jalaa ol Koran malee, gubbaa gadi hin koran | |
| Waraabessi waa nyaatu tokkuma kan maqaan badu hunduma | |
| Aannan banaa dhiisanii hattuu namaan jedhan jette adurreen | |
| Bakka sareen jirutti, namatu dhuufee hin gaafatan | |
| Kijibni nama oolcha malee, nama hin bulchu | |
| Karaan sobaan darban, gala nama dhiba | |
| Foon naaf kenneet, albee na dhorkate | |
| Adurreen garaa muratte, leencaan qixa nama sodaachifti | |
| Garaa murtii murate, bishaan raafuutu gabbisa | |
| Garaan murtii hin qabne, diina abbaati | |
| Namni namumaa, ija nyaadhu” jette allaattiin | |
| Gara jabeessa heexoon hin albaasu | |
| Qeerransa eegee hin qaban, qaban gadi hin dhisan | |
| Ijji dhugaan boosse, imimmaan hin dhabdu | |
| Mari’ataan gowwaa hin qabu | |
| Maraatanii biyya hin bulchaan, mari’atanii malee | |
| Maqaa ni bitan malee, hin gurguran | |
| Maqaa hannaa, abbaatu ofirraa eega | |
| Hirriibni baay’een duumessa hiyyummaati | |
| Bishaan lagaa dhume jennaan boosettiin ilil jette | |
| Qoree dur dirteef hiyyessi okkola | |
| Adaamiin olla agamsaa, imimmaan hin qoorfattu | |
| “Sangaa ofiinuu alba’u eegee qabdee raaftaa?” jedhe manguddoon Oromoo | |
| Dubbiin rabbi suuta | |
| Namni kadhachuu hin dhiisu, rabbi waan murtee hin dihiisu | |
| Bakka rabbi itti nama hidhe, funyoo malee ijaajju | |
| Manni waaqni ijaare hin jigu | |
| Bagan kufe, bagaan ka’e, kan naqabuu fi kan na dhaabu addaan baafadhe jedhe namtichi | |
| Kan offii buletu nama bulcha | |
| Dheebotan malee, mi’aa bishaani hin beekan | |
| Gubattee hin agarree, abiddatti gamti | |
| Boora'u malee hin taliilu | |
| Oduun soora (nyaata) gurraati | |
| Waan biyyaa bilbilli iyya | |
| Quuqaa cinaacha jalaa abbaatu beeka | |
| Namni mataa isaatii hin tolle, namaaf hin tolu | |
| Bakka hin rafnetti hin muugan | |
| Namni ija takkaa biyyeen hin taphatu | |
| Garaa nagaa qabu sukkuumuun, dhukkuba itti fiduudha | |
| Ejersa halaalaarra qobboo qe’ee wayya | |
| Obsaan aannan goromsaa dhuga | |
| Fira dura bahan malee, fafa duraa hin bahan | |
| Bara bofti nama nyaate lootuun nama kajeelti | |
| Bareedde jedhanii obboletti hin fuudhani | |
| Ija laaftuun dubaraa obbolessa irraa ulfoofti | |
| Malannee bolla lama qotanne jette hantuunni | |
| Wallaalaan bishaan keessa dhaabatee dheebota | |
| "Yoo waraabessarraa hafte keenya" jette sareen, harreedhan | |
| Yaadni hamaan nama huqqisa | |
| Fuula ilaali na elmadhu jette harkuun | |
| Kan leenci naasise hindaaqoo baqata | |
| Afaan qabachuun hunda to’achu | |
| Obbolessi kan walin dhalatan qofa miti | |
| Hunda dubbatan garaan duwwaa hafa | |
| Eelan eelee dhaabbatan | |
| Afaan gaarin afaa gaari caala | |
| Kan ilkaan hin qabne akaawwii hawwatti | |
| Firri dhufe jadhanii dhabaa hin dhalanii | |
| Gowwaan bakka rafe hunda mana se’a | |
| Waan warri waarii jedhu ijoollleen waaree jetti | |
| Nyaataa fi lola abbaatu tolfata | |
| Ilmoon huntuutaa gumbii uraa haadha jalatti barti | |
| Sossobbiin madaa hin foyyessu | |
| Harree fi gadadoon nama irraa hin gortu | |
| Nama jechi hin madessine waraanniyyuu hin madessu | |
| Namaan garaan ga’atti garaan lafa nama ga’a | |
| Dubbiin baay’atetti harretti hin fe’ani | |
| Harka abbaa biraan ibidda qabun nama hin dhibu | |
| Waaqni duumessaa’e roobuu hin oolu | |
| Kan qaban qabaa hin guunnne gadhiisan bakkee guutti | |
| Kan dhiqantu nama dhiqa jatte wacitiin | |
| Namni mana tokko ijaaru citaa wal hinsaamu | |
| Mana waraabessaatti foon liqii hin dhaqan | |
| Ariifataan hori gata | |
| Hindaaqqoon haate haatee albee ittin qalamtu baasti | |
| Namni akkaataa fardaa beeku ulee fardaa hin bobessu | |
| Abbaa dhokseetu akaakayyuu himata | |
| Yoo baay’ate dammis ni hadhaawa | |
| Warra walnyaatu jidduudhaa waa nyaatu | |
| Harki waaqni namaan qabe xurii hin qabu | |
| Ukkaamamee raafamnaan aannanu qabee cabsa | |
| Tuullamanii taa’anii waaqa ofii hin komatan | |
| Sirbaaf dhufanii morma hin qusatan | |
| Ofii jettu miyaa’i yookaan dhagaa jadhanii sigatu jedhe soogiddaan | |
| "Iyyan malee hin dhalchanii?" Jedhe kormaan hoolaa korbessa je’en | |
| Alagaa fi dukkanatti ija hin babaasan | |
| Sanyiin buqqee miiciraantu hadhaa’a | |
| Yaa cubbuu “essa dhaqxa” jannaan “bakka itti na ergan” jatte | |
| Sa’aa eegee hin qabne cirriin hin sodaattu | |
| Bobbaa yoo tolan gala tolan | |
| Du’arraan baqadhatti mana du’aa seente | |
| Karkin ofii madaa’ullee, muranii hin darban | |
| Mana ormaa bareedaarra, godoo ofii wayya | |
| Hoolaan abbaa gaarii qabu, dubboo ala bulcha | |
| Jibichi essatti eeganii jabbii kessa oola | |
| Hagam ol fagaattus allaattii reeffi lafa | |
| Bara humna qaban sagaliin lolu, bara humna hin qabne sagalee tolu | |
| Yoo rakkatan fala barbaadan | |
| Bakakkaan akkanaanu natti gamu muka jala na geessite | |
| Osoo akka yaada namaa tulluun diriiraa ta’a | |
| Adala gowwoomsuun suuta suutani | |
| Addaatef ilkaan alanfachuu hin dhiisu | |
| Ablee qara lamaa beekaatu itti fayyadama | |
| Bakkuma dhaqqabani kan hoqqatan | |
| Bakka itti citanitti citaa haammatan | |
| Goowwaa mannaa budaa wayyaa | |
| Goowwaa wajjiin dhalachuu mannaa dhaloota ooluu wayyaa | |
| SHinbirroon laga lagaa Afaan Afaan dubbattii | |
| Arrumaan samii bahaan waa taatu | |
| Ni qallatti malee hin cittu dhugaan | |
| Diddu diddi malee saree Ija kuulan | |
| wajjiin dhaloota malee dhalaan diina gurraachaa | |
| Wahi beeyta jannaan jaartiin sheekaa kitaaba dhiiyxee | |
| Foonii garaan nudadhabee | |
| Afaan Ajaa wajjiin yaa'uu dadhabnee ja'e ja'an waraabessi | |
| Anuma xuuxxa malee xuuxxee waa nan xuruursituu | |
| Qooda qocaa kaa'e Allaattiin hin fuunee | |
| Akka Abaluuttin sirbaan morma nama jallistii | |
| Baraa fi furguggee gad ja'anii dabarsanii | |
| Sirnaan yoo Ejjatan seera uumaa Eeggatanii ja'an | |
| Walii galan Alaa galan ja'e jaarsi oromoo dhaddacha jala taahee. | |
| Wal qixxeen wal fixxee | |
| Ilkeen tan wal qixaatu ciniinnaa tolchaa | |
| Sagaliin Akaafee diddeet diddiimattii. ~ | |
| Akka cabanitti Okkolanii. ~ | |
| Suuta Ejjatan suuta qoreen nama waraanti. | |
| Hamma Namaa hin Geessuu Cabsa namaa hin teessu | |
| Afaan Hamii Bare Utubaatti hasaasa | |
| Namichi Guyyaa Bofa arge halkan Gaaddidduu isaa dheesse | |
| Waan Dabruuf maqaa hin dabarre hin fuudhan | |
| Hin barihu Seetee Gorduubatti hadde | |
| Anatu Caalaan Ciinciraa haaduu afaan buute | |
| Gubattee hin beektuu ibiddatti gamti | |
| Laftis bahii jette jaartiin faeda irraa kuftee | |
| Jaartiin Bara Buttaa Duudde hoo Luboo Jechaa hafti | |
| Akka Durii fi Harka xuriitti hin hafan | |
| Ani hoo duruu gubattuu dha jette beddeen mana keessa gubattee | |
| Keessa namaa hin beektuu keessa qabattee namaa kenniti | |
| Sangaan bara qote hedata | |
| Waan uffattu hin qabduu aguuggattee haddi | |
| Karaan Sobaan dabran galatti nama dhiba | |
| Hantuuti haadha jalatti gumbii uraa barti | |
| Namni dhukkubsataa manaa qabu du’a gahii namaa hin oolu | |
| Hojiin Waaqayyoo fi kolfi saree hin beekamu | |
| Haadhaa fi adurree hin dhaanan | |
| Warri guddaan aduurree wasaasaa baata | |
| Adurreen keessi bineensa | |
| Maraattuu keessi gamna | |
| Waaqayyo beekee bofa miila dhowwate | |
| Waan Waaqni qocaaf kaa’e illeettiin hin fudhattu | |
| Foon lafa jiru allaattiin muka irraa wal lolti | |
| Waraabessii biyya namni isa hin beekne dhaqee itillee naa hafaa jedhe | |
| Manni of – jajjuu karaa dura | |
| Bor hin bekneen qoda- bukeen ishee lama | |
| Kan of jaju hin dogoggoru | |
| Haati mimmixaa kanuma kootu guba jetti | |
| Ija jabeessa irraa sirbi hin fokkisu | |
| Duulli amma oduu hin gahu | |
| Iyyaniif dhalcha hin ta’u jedhe korbeessi hoolaa korbeessa re’eetiin | |
| Mana aanu malee mana aaru bira hin dabran | |
| Ollaa fi Waaqatti gadi bahu | |
| Ollaan bultee beeka akka itti bule abbaatu beeka | |
| Itti qabataaf cidhi ollaa jira | |
| Garbittii lubbuuf fiigdu ollaan qophee dha jedha | |
| Garbittiin gargaarsa argatte majii dhoksiti jedhan |
Mammaaksa qube g irraa jalqabu
[gulaali | lakkaddaa gulaali]hiippoo
Wabii
[gulaali | lakkaddaa gulaali]- Abarra Nafaa. Mammaaksa Oromo Gumii Qormaata Afaan Oromootiin
- Mammaaksa Oromo