Jump to content

Sirna fincaanii

Wikipedia irraa
Urinary system.svg
1. Human urinary system: 2. kalee, 3. koonnoo kalee, 4. Xuruurincaa, 5. afuuffee fincaanii, 6. Bokolee. 7. Xannacha irkalee aamoo: 8. Dhiigraabsituu kalee fi Dhiigdeebistuu kalee, 9.dhiigdeebstuu guddicha gadii, 10. Dhiigraabsituu guddaa garaa 11. Common iliac artery and vein Transparent: 12.tiruu, 13. mar'imaan qallaa, 14. qiinxii

Sirni fincaan namaa ujummoo fincaanii ykn sirna kalee jedhamuunis kan beekamu tiruu, ujummoo fincaanii, ujummoo fincaanii fi ujummoo fincaanii of keessaa qaba . Kaayyoon sirna fincaanii balfa qaama keessaa balleessuu, baay’ina dhiigaa fi dhiibbaa dhiigaa to’achuu, sadarkaa elektiroolayitii fi meetaabolayitii to’achuu, fi pH dhiigaa to’achuu dha. Ujummoon fincaanii sirna bishaan qaamni itti bahu fincaan dhuma irratti akka baafamuuf gargaarudha. Tiruun karaa ujummoo tiruu tiruu keessaa bahu karaa ujummoo tiruutiin dhiiga bal'aa qaba . Tokkoon tokkoon tiruu yuunitii dalagaa neefroonota jedhaman of keessaa qaba . Dhiiga calaluu fi adeemsa dabalataa hordofuun, balfi (bifa fincaaniitiin ) karaa ujummoo fincaanii tiruu keessaa ba’a, tuuboo fiber maashaa lallaafaa irraa hojjetamee fi fincaan gara ujummoo fincaaniitti sochoosu, achitti kuufamee booda fincaan qaama keessaa ari’ama . Sirni fincaan dubartootaa fi dhiiraa baayyee wal fakkaata, dheerina ujummoo fincaanii qofa irratti garaagarummaa qaba.

Caasaa kalee[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Kaleen qaama usansaa fi osmooriguleeshinii ti. Namni kaleewwan lama qaba. Kan argamanis naannoo mudhiigara oliitti kallattii bitaa fi mirga nafaa keessa tti. Kaleen bocaan baaqelaa kan fakkaatuu yammuu ta’u cina tokkon gara gidduutti amma tokko qooqqifataa dha. Cinni qooqqifataan kun daandii ujummoon dhiiga raabsituu kalee (‘renal artery’) kalee keessa seenuu fi ujummoon dhiiga deebistuu kalee (‘renal vein’) keessaa bahuu, akkasumas bakka ujummoon yuureeterii jedhamu kalee irraa ka’ee gara afuuffee fincaaniitti diriiree argamuu dha. Qolli alaa kale koorteksii yammuu jedhamu keessi isaa immoo meedullaa jedhama. Kaleen caasaalee bu’ura dalagaa ta’an kanneen nefiroonii jedhaman hedduu of keessaa qaba (Fakk.10.2). Mataan nefiroonii kanaa kaapsiyuulii Bowumaan yammuu jedhamu tuuta kaappilaarota xixiqqoo kanneen giloomeruulaayi jedhaman amma tokko marsee argama. Ujummoo dheeraan kaapsiyuulii kanatti fufu immoo tiyuubiyuulii kalee jedhama.

Dalagaa Kalee[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Kaleen dhiiga keessaa fincaan calalee karaa ujummoo yuureeterii gara afuuffee fincaaniitti erga. Afuuffeen fincaanii caasaa fincaan amma bifa xuriin dhabamsiifamuutti yeroof keessa kuufamuu dah.To’annaa sirna narviitiin afuuffee kana keessaa fincaan ujummoo yuureetiraatiin gara alaatti dhabamsiifama. Xuriiwwan akka yuuriiyaa, asiidii yuurikii, albudootni ashaboo kanneen akka k+,Na+,Cl-, HCO3 - kkf ammi isaanii haalota adda addaa keessatti gargar ta’uu kan danda’uu fi bishaan bifa fincaaniin dhabamsiifamu. Kaleen adeemsa dhiiga keessaa fincaan calalee dhabamsiisu keessatti qabiyyee ayoonotaa fi bishaan dhiigaa haala madalamaa irratti akka eegamu waan taasisuuf usaansaa fi osmooriguleeshinii keessatti qaama murteessaa dha. Adeemsi dalagaa kalee waliigalaa armaan olii sadarkaalee sadiitti raawwata jechuun ni danda’ama. Kanneenis:

  1. Calaluu (‘filtration’),
  2. Deebisanii xuuxuu (‘Reabsorption’) fi
  3. Gadi lakkisuu (‘Secretion’).

Dalagaaleen kalee armaan olitti bakka gurguddaa sadiitti qoodaman akka armaan gadiitti ibsamuu danda’u. Dhiigni ujummoo dhiiga raabsituun gara kalee seene yeroo karaa ujummoolee qaqalloo (‘arterioles’) giloomeruulaayii keessa galu dhiibbaa guddaa waan qabaatuuf bishaan gara 90% olii fi wantootni akka ayoonotaa dhiibamanii kaapsiyuulii Bowumaan keessa seenu.Sadarkaan calaluu ( ‘Filtration’) isa kana. Seelotni dhiigaa fi pirootiiniin garuu bishaan muraasa wajjin daandii ujummoo dhiigaa keessa yaa’uu itti fufu.Wantootni barbaachisoo ta’an dhiiga keessaa haala kanaan heddumminaan bahaanii yoo achumaan dhabamsiifaman jiraachuu hin dandeenyu. Kanaaf adeemsa geejiba paasivii fi geejiba qopheetiin wantootni darbatamanii ujummoo kalee keessa galan filatamanii deebi’anii gara dhiigaa seenu. Bishaan akkuma jiruun dhiga seena jechuun ni danda’ama. Kun nama dabalatee bineeldotni lafa irra jiraatan kalee fayyadamuun rakkoo malee bishaan qusatanii jiraachuu danda’uu isaaniif wabii dha. Sadarkaan kun deebisanii xuuxuu (‘Reabsorption’) agarsiisa. Gara dhuma ujummooleetti yuuriyaa dabalatee wantootni fincaanii wajjin qaama keessa bahan dhiiga keessaa gara ujummoolee kanaatti bahuun daandii fincaanii qabatu. Inni kun immoo sadarkaa gadi lakkisuu (Secretion’) ti. Adeemsa kana keessatti qabee fincaanii fi cunqummaa dhiigaa madaluu keesatti hormooniin aldosteroonii gahee ol’aanaa taphata.