Seenaa Gibxii

Wikipedia irraa

Mootummaan Misir durii Kaaba Afrikaa naannoo sulula laga Naayil keessatti kan hundeeffamedha. Kanaafuu, bu’uurri qarooma Misir durii sulula laga Naayil irraa kan madde yoo ta’u, Naayil jechuun afaan Giriikiin Sulula jechuudha. Akka barreessaan seenaa Giriik durii Heerodootas ibsetti, Misir (Egypt) jechuun kennaa laga Naayil jechuudha. Kana jechuun, hundeeffamaafi dagaagginni qarooma Misir duriif sababni ijoon Laga Naayilidha. Lagni Naayil dagaagina qonna Misiri duriifi qaroomman adda addaaf bu’uura kan ta’edha. Ummanni Misir qonnaan bultoota yoo ta’an hojii qonna jal’isiifi horsiisa beeyladootaan beekamoodha. Oomishaalee qonnaa akka talbaa, garbuu, qamadiifi mishingaanis beekamoodha. Haata’u malee, haalli jireenya hawaasa Misir durii sadarkaa qarooma Misir waliin walbira qabnee yoo ilaallu hedduun isaanii hiyyeeyyiidha. Kanaafuu, haalli jireenyaa hawaasa Misir durii harki caalaan rakkisaafi gadaanaa kan turedha.Akka waliigalaatti, hundeeffamni mootummaa Misir duriif sababni ijoon laga Naayilidha. Kanaafuu, haalli jiruufi jireenyi hawaasa Misir durii laga Naayil waliin kan walqabatu ture.

Qaroomni Misir durii Afrikaa keessatti qarooma jalqabaafi beekamtii guddaa qabudha. Qaroomni kun bara 3,000 Dh.K.D. irraa jalqabee kan hundeeffamedha. Qaroomni Misir addunyaa ammayyaa beekumsaafi ogummaa adda addaa dhaalchisee jira. Isaan keessaa, yaadota akka amantii, qorannoo hawaafi qorannoo dawaa fa’i. Kanaan alattis, ogummoota akka ijaarsa Piraamidii, awwaala, hojii waraqaa, halluu dibuu, ogummaa reeffa namaa gogsanii yeroo dheeraaf tursiisuufi qarooma barreeffamaa fa’i dabalata. Misir durii ogummaa reeffa namaa gogsanii ittiin tursiisan Mummifikeeshiin jedhamuun beekamaa ture. Qarooma Misir durii yaada du’aan booda jireenyi jira jedhu ofkeessaa waan qabuuf namni yoo du’e meeshaalee adda addaa waliin awwaalu ture. Sababni isaas namoonni awwaalaman meeshaalee waliin awwaalaman sanatti ni tajaajilamu jedhanii waan amananiifidha

Barreeffamni Misir durii hayiroogilifiksii jedhama. Hayiroogilifiksiin meeshaa paappirus jedhamu irratti barreeffama. Barreeffamni kun akkuma ummata Chaayinaa durii mallattoo jecha tokko yookaan yaada tokko bakka bu’utti fayyadamuun tooftaa barreefamudha. Misir durii muuxannoo waraqaa hojjechuufi barreeffama adda addaa barreessuun beekamu. Barreeffamoota isaanii keessaa inni beekamaan ‘Za buuk of Za deed (The book of the dead)’ kan jedhudha. Kitaabni kunis waa’ee amantii irratti kan xiyyeeffatuufi qabiyyeen ijoo isaas du’an booda jireenyi akka jiru kan ibsudha. Misir durii Ummanni Misir durii qaroommaniifi ogummoota armaan olitti eeraman qofa osoo hin taane, mootummaa bulchiinsa cimaa qabu ijaarunis beekamoodha. Misir mootummaa tokko jalatti walitti osoo hin dhufiin dura bakka lamatti qoodamanii jiraataa turan. Isaanis: 1ffaa mootummaa Misir laga Naayil gara olitti hundeeffamee turedha. Innis, mootummaa Misir gara ol’aanu (Upper Egypt) jedhamuun beekama. Mootummaan Misir kunis, faajjii Adiidhaan adda baha. Wiirtuun mootummaa kanaas magaalaa Teebis jedhama ture. 2ffaa mootummaa Misir laga Naayil gara gaditti kan hundeeffamedha. Innis, mootummaa Misir gara gadii (Lower-Egypt) jedhamuun beekama

Mootummaan kunis, faajjii halluu diimaan beekama. Wiirtuun mootummaa kanaas magaalaa Meemfis ture. Bara 3100 Dh.K.D Misir durii gara olii jiraniifi gara gadii walitti makamuun mootummaa tokkummaa cimaa qabu ijaaraniiru. Haaluma kanaan, mootiin Menaas jedhamu Misir gara olii weeraruun bulchiinsa mootummaa tokko jalatti akka bulan taasiseera. Sanaan booda, mootoonni Misir faajjii lamaan walitti fiduun halluu diimaafi adii fayyadamuu jalqaban. Taateewwan seenaa bu’uura godhachuun seenaan mootummaa Misir bakka sadiitti (3) qoodama.Isaanis: • Mootummaa Misir bara durii isa jalqabaa ( 2686-2181) Dh.K.D • Mootummaa Misir durii bara giddugaleessaa (2049-1730) Dh.K.D fi • Mootummaa Misir durii bara haarawaa (1150-1080) Dh.K.D.gidduu jirudha. Mootonni Misiriin hogganaa turan Farahoonota jedhamu. Farahoo jechuun afaan Misir duriin ‘‘Mana Dhagaa’’jechuudha. Farahoononni mootota aangoo guutuu qabaniifi qaroomman hedduu kanneen dagaagsanidha. Bifuma kanaan mootummaan Misir durii aangoo gibira sassaabuufi daldala babal’isuu dhuunfatee turedha. Piraamidoota gurguddoo ijaarsisuufi qonna jal’isiitti hawaasa hirmaachisuun beekamu. Fakkeenyaaf, waggoota 1500 keessatti Piraamidoota baay’inni isaanii 70 ol ijaarsisanii jiru. Baay’een isaanis bara mootummaa Misir durii (Ancient Egypt) kan ijaaramanidha. Piraamidoota kanniin keessaa inni guddaa bara mootii Kuufu (2575- 2465 Dh.K.D) kan ijaaramedha. Piraamidiin kun yeroo ammaa bakka Giizaa jedhamutti argama. Sababa Piraamidoonni Misir keessatti bal’inaan ijaaramaniif ragaan qabatamaa beekamu hinjiru. Haata’u malee, akka ragaaleen tokko tokko ibsanitti sababa amantiifi awwaala moototaaf dhimma itti bahaa akka turan eeru. Akka waliigalaatti qaroomni Misir 102 durii hawaasa hojiilee gurgudoo hedduu irratti hirmaachisaa kan turedha.

Meeshaalee Gibxii bara seenaa duraa, Dh.K.D. bara 4400 hanga 3100 tti. Sadarkaa jalqabaa gubbaa bitaa irraa: fakkii ivory Baadaariyaa, quunnaa Naqaadaa II, fakkii Bat. Sadarkaa lammaffaa: qodaa diyooriitii, cuubee fiilint, paaleetii miidhaginaa.
Abuulhowlii Guddaa fi Piramidiin Gizaa, bara Mootummaa Moofaa ijaarame.