Sam-yeroo
Xiinseerummama keessatti, Sam-yeroon (spacetime) yaad-rimee akkammiillee sadan bakkaa(samii)(dheerina, dalgee, fi olee) akkammiin afraffaan—yeroo— waliin gara unka tokkotti walitti fidudha. bakka(samii) fi yeroo akka qaamolee adda addaatti yaaduu mannaa, sam-yeroon akka walitti hidhataatti isaan ilaala, bakka taateewwan "sookkisa(fabric)" tokkoomaa keessatti uumamanidha. Yaadni kun saayintistoonni akkaataa wantootni itti socho’an, walitti dhufanii fi humnoota akka harkisa lafaatiin dhiibbaa akka irra ga’an ibsuuf isaan dandeessisa. Yaadni kun yaadiddamoota Sadhatummaa Addaa fi Sadhatummaa Waliigalaa lamaan keessatti murteessaadha, kunis jalqaba jaarraa 20ffaa keessa hayyuu xiinseerumammaa Albart Einsteiniin kan qophaa’edha.
Akkamii Samyeroo (Dimensions of Spacetime)
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Addunyaa naannoo keenyatti nu mudatu, akkamii sadii kan qabu yoo 'anta'u isaanis: dheerina, dalgee fi gad fageenya yoo ta'an caasaa samii ykn bakkaa(space) ibsu. Haa ta’u malee, samyeroon (spacetime) dimenshinii ykn akkamii afraffaan dabalataa of keessatti qaba innis yeroo dha. Bu’uura kana keessatti:
- Akkamii sadan bakkaa ykn samii ibsu (yeroo baay'ee dheerina, dalgee fi olee jedhamee hubatama).
- Akkamiin ykn garri tokkitti yeroo bakka bu’a.
samii fi yeroo walitti makuun, samyeroon "ittifufama(continuum)" tokkoomaa taateewwanii fi bakkeewwan hundi waliin jiraatan uuma.
Samyeroon maaliif barbaachisa
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Samyeroon marlaaleen(universe) akkammiti gulantaa xiqqaa kaasee hanga guddattii hojjatuu hubachuuf barbaachisa. Keessattuu yaaddiddamoota hayyuu xiinseerumammaa Albart Enishtaayinii Sadhaata Addaafi Sadhaata Waliigalaa dagaagsuufi utubuu keessatti gahee leencaa taphata.
- Sadhaatni Addaa yeroofi samiin dhaabatoo ta'uu dhabuu isaaniifi saffisa irratti hundaa'uun akka geedaraman kan agarsiisuudha.
- Sadhaatni waliigalaa immoo akkamitti samyeroon mataan isaa harkisoon akka geedaramuu ykn dhibbaan irra gahuu danda'uufi naannoo wantoota ulfaatootti akka daban agarsiisa.
Sadhaata Addaafi Samyeroo
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Yaadiddama Sadhaata Addaa Anishtaayini kessaatti, hariiroon samii(space) fi yeroo gidduu jiruu caalattii ifa ta'a. Yaadiddamni kun akka jedhutti samii fi yeroon gonkaa(absolute) miti; kana mannaa yeroo fi samiin ariitii daawwataa irratti hundaa'uun jijjiramuu danda'a jedha. Fakkeenyaaf, akkuma wantii tokkoo saffisaan socho'uun, yeroon wantichaan walbira qabnee hugguu ilaaluu suuta deemaa — yaadrimeen kunis dhifama yeroo(time dilation) jechama. Hammasitti, fageenyis jijjiramee mul'ata; taateen kunis Kottofannaa dheerinna (length contraction) jedhama.
- Dhifama yeroo: Yeroon waan saffisa saffisa ifaatiin socho'uuf waan suuta deemtu fakkaata.
- Kottofannaa dheerinna : Wantootni yeroo saffisa saffisa ifatti dhihaatuu deeman waan gabaabbatan fakkaata.
Wantii ijoon saffisni ifaa kan gara kiiloomeetira 300,000 sekonditti dhihaatuu dhaabbataa ta'uufi daawwatan haga fedhellee yoo saffissan deemelleefis saffisni ifaa dhaabata dha. Kunimmoo samyeroon wanta qeenxee ta'uu fi yoo akkamiin isaa tokko jijjirame isa kaan akkaa jijjiruu ykn dhibbaa irratti uumuu agarsiisa.