Sabbata Waaqaa
Sabbanni Waaqaa waan bokkaan yeroo roobu uummmamu yoo ta'u kan inni uummamus sababa ifti yeroo imimmaan bokkaan keessa darbuuf jedhu calaqqisuu fi yoo keessa darbeyyuu kallattiin isaa jallatuufi. Sabbanni waaqaa geengoo gartokkee halluu adda addaa qabudha. Sabbanni waaqaa faallaa kallattii biiftuun jirtutti uummama.
Sabbata waaqaa tokkicharratti, geengon karaa duubaa halluu diimaa yoo ta'u karaa keessaa ammoo bifa cuquliisaa qaba. Sabbanni waaqaa yeroo ifti immimmaan bokkaa keessa seenuu kallattiinsaa jallachuun, yeroo karaa duubaa keessaa ba'uuf jedhummoo duubatti calaqifamuun, erga calaqqifamee booda ammas kallattiinsaa jallachuun karaa fuulduraa keessa yeroo ba'uu uummama.
Sabbata waaqa lakkuurratti, geengon lammataa sabbata isa guddaa gararraatti yoo argamu tartiibni halluu ni jijjiirrama. Sabbata isa lammataarratti, halluu diiman karaa keessa oola.
Wabii
[gulaali | lakkaddaa gulaali]- Greenler, Robert (1980). Rainbows, Halos, and Glories. Cambridge University Press. ISBN 0-19-521833-7.