Jump to content

Qarcabbojaa

Wikipedia irraa
Lootuu hacuuccaa(Tyrannosaurus rex)

Qarcabbojaa (Dinosauria /Dinosaurs/) bara seenaa duraa garee munyuuqee dhabamanii turan. Lootuuwwan gurguddoon kun lootuuwwan ammaa caalaa baayʼee guddaa turan; Isaanis arba caalaa guddaa turan . Saayinsii ammayyaa waggoota miliyoona 240 hanga miliyoona 66 dura akka jiraatan tilmaama. Munyuuqqeewwan gurguddoon kun yeroo

hoosistoonni hin jirretti abbaa lafaa akka turan ni amanama. Walumaagalatti miila lamaa kan deeman yoo ta’u, harka laafaa qabaachuun isaanii ni beekama ture.

Akka saayintistoonni ammayyaa jedhanitti, simbirroonni qarcabbojoota waliin walitti kan dhiyaatan yoota'uu, qarcabbojni kaan yommuu badan simbirroonni qofti lubbuun hafan. Qarcabbojni hedduun jaarraa darbe keessa gogaa ballee qabu akka qaban beekameejira. Baalleen kun jalqaba irratti ho’aa fi bareedinaaf kan itti fayyadaman yoo ta’u, qarcabbojni garuu balali’uu hin beekan turan. haata'uu maalee gosoonnii qarcabbojaa tokko tokko koochoo waan horatan fakkaata.

Hundee jechaa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Jechi qarcabbojaa jedhu jecha afaan oromoo lama irraa kan dhufe yoota'u isaanis qarcabboofi bojaa dha. Qarcabboo jechuun lkan lootuu(lizard) fakkaatuu jechuu yoota'u, bojaa jechuun immoo bayyee guddaa jechuudha.

Ramaddii Qarcabbojaa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Qarcabbojoonni caasaa randaa(pelvic) isaanii irratti hundaa’uun tartiiba gurguddoo lamatti ramadamu: qarcabbojaa luqqeetuu (Saurischia) fi allaattii luqqeettuu(Ornithischia). Ramaddiin kunniin amala waliinii irratti hundaa’uun Qarcabbojootaa adda addaa garee adda addaatti qindeessuuf gargaaru.

Lootuu hacuuccaa(Tyrannosaurus rex)

Qarcabbojaa luqqeetuu (Saurischia)

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Theropoda(Miilbulguu)

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Daayinoosaroota bineensota adamsan kan akka Lootuu Lootuu hacuuccaa(Tyrannosaurus rex) fi gaadduu sardamaa(Velociraptor )garee kana keessaa tokko. Isaanis adda durummaan miila lamaa fi foon kan nyaatan yoo ta’u, lafee qaawwa kan qabaniifi yeroo baay’ee ilkaan qara qabuu fi cirracha kan qaban turan.

lootirree(Brachiosaurus)

Fakkaatoota miillootuu (Sauropodomorpha):

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Fakkaatoota miillootuu (Sauropodomorpha): Qarcabbojoonnii kun baay’inaan marga kan nyaatan yoo ta’u, qoonqoo fi funyaan isaanii dheeraa ta’een kan beekamanidha. Sauropods, kan akka lootirree(Brachiosaurus) fi lam-turboo(Diplodocus), gosa kana keessa kan seenan yoo ta’u, guddina guddaa fi sochii miila afur agarsiisu.

Allaattii luqqeettuu(Ornithischia)

[gulaali | lakkaddaa gulaali]
File:Dheeksadee.png
dheeksadee(Triceratops)

Mataa moxobawoo (Marginocephalia): Daayinoosaroota garee kana keessa jiran yeroo baayyee caasaa mataa adda ta’e kan qaban yoo ta’u, kunis lootuu jinfuu akka dheeksadee(Triceratops) kan jinfaaraa fi qoffee isaanii gaanfawaa, fi matyabbuu (pachycephalosaurs), kanneen mataa furdaa ta’aniin beekaman dabalatee.

Gaachanlootuu(Thyreophora): Gareen kun daayinoosaroota hidhannoo qaban kan akka waaflootuu (Stegosaurus) kanneen gabatee fi jinfun(spike) isaanii beekamaa ta’e, akkasumas lootuu

gomboobaa(ankylosaurs) hidhannoo baay’ee qaban, kanneen gabatee lafee fi eegeen isaanii bordoo fakkaatuun kan beekaman of keessatti qabata.