Paarkii Biyyoolessaa Gaarren Baalee

Wikipedia irraa
Gara kallatti ce'i Gara barbaadutti ce'i

Paarkii Biyyoolessaa Gaarren Baalee paarkii biyoollessaa Oromiyaa godina Baalee keessa jiru yoo ta'u paarkin kun bidoollee dachee addunyaarra jiru kamiyyuu caalaa bineensota baayyinaan achi jiraatan qabaachuun beekkama. Paarkin kun bara 2009 Tarree Ambaa Addunyaa kan Yeroo keessatti galmaa'eera. Paarkin Baalee ballina tilmaamaan 2,150 km2 ta'u qaba. Paarkin kun bidoollee adda ta'an shanitti qooddama: lafa margaa kaabaa (Sulula Geeysee), lafa mukkeenii kaabaa (bakka itti biiron paarkicha too'atu argamu), lafa margaa Afiroo-alpaayin (pilaatoo Saannatee), Erica Moorlands, fi bosona Harannaa ti. Paarkin kun iddoo jeedalli fardaa (Canis simensis) fi gadamsa gaarrenii (Tragelaphus buxtoni) lakkoofsaan iddoo kamiyyuu caalaa baayyee ta'an jiraatan ta'uun beekkama. Akkasumas bineensonni iddoo sana qofa jiraachun beekkaman kan akka qamalee Baalee (Chlorocebus djamdjamensis) fi tuqaa guddaan (Tachyoryctes macrocephalus) achi keessa jiraatu. Kan balaa keessa jirtu yayyiin (Lycaon pictus) yeroo tokko paarkii kana keessa jiraacha kan turte yoo ta'u (hooman jeedala kanaa 1990n keessa achitti mul'ataniiru) ammaa garuu, sababa baayyinni ummataa naannoo sanatti dhiibbaa isaanirratti uummef, badaniiru.

Iddoo Itti Argamaa[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Paarkii Biyyoolessaa Gaarren Baalee kibba Itoophiyaa, Finfinneerraa 400km gara kibba-bahaa fagaatee, Shaashamanneerraa ammoo 150km gara bahaatti fagaatee mootummaa Naannoo Oromiyaa keessatti argama. Paarkin kun qaama gaarren Arsii-Baalee ti, kunis lafa olka'aa kibba-bahaatti kutaa dhihaa uuma. Paarkin kun aanaalee shan keessa jira: Adaabbaa (dhiha), Dinshoo (kaaba), Gobba (kaaba-bahaa), Dalloo-Mannaa-Angeetuu fi Harannaa-Bulluq (kibba-bahaa). Guutummaan paarkii kanaa koordineetii 6º29' – 7º10'N fi 39º28' – 39º57'E jidduutti argama.

Qilleensa[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Tempireecharii PBGB bayyee garaagara: pilaatorratti, oo'i guyyaa yeroo baayyee naannoo 10 °C (50 °F) fi buubbee jabaa kana qabudha; Sulula Geeysee keessatti, oo'i guyyaa naannoo 20 °C (68 °F) ti, Bosona Harannaa keessatti ammoo 25 °C (77 °F) ta'a. Haa ta'u malee, qilleensi naannoo baayyee jijjiirrama, yeroo tokkoo tokko battalumatti jijjiirrama. Lafa olka'iinsa 3,000m ol qabutti, qilleensi diilallaa'an alkanii baayyee baramaadha. Bokkaan naannoo kanatti kan roobu ji'a Caamsatii hanga Sadaasaatti.

Bidoollee[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Bidoollen PBGB lafa margaa naannoo 3,000m kaasee hanga tulluu dheerinaan Itoophiyaa kessatti lammaffaa ta'e: Tulluu Diimtuutti kan 4,377m dheeratuutti jira. Mukkeen gaattiraa fi St. John’s Wort, margaa fi ilillii hanga mudhii namaa ol dheeratu Lafa Margaa fi Mukaa Kaabaa keessatti biqila. Erica Moorland keessatti miciree addunyaa maratti baramaa ta'e Baale keessatti baayyee guddate argama. Lafa margaa fi miciree Afro-alpaayin kan ta'e Pilaatoon Saannatee ardii Afrikaa keessatti lafa isaaf mijatu walittifufaa isa dheera ta'a. Dhagaa aarriidhan uwwifamee fi jibbirraa (Lobelia rynchopatelum) kan amma meetira 12 ol dheeratun kan guuttame pilaaton kun, haroo fi laggeen qaba, kunis tajaajila sirna ikkoo akkasumas simbirroota naannoo Saannateef iddoo bona iiti dabarsan ykn yeroo godaansa itti boqotan ta'ee tajaajila. Bosonni Harannaa walakkaa paarkii kanaa ta'a, mukkeen gurguddaa kan aarrii mukaa fi moss ofirraa qabaniin kan guutame yoo ta'u bishaan damee mukkeenirraa cobu qaba. Naannon kun yeroo baayyee hurriin kan marfame yoo ta'u, bineeldota bosonaa arguun baayyee ulfaataadha. 

Bineeldota[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Jeedala fardaa
Ethiopian Wolf (15687983794).jpg

Paarkin Baalee paarkii bineensota achi qofa jiraatan baayyee kan qabu yoo ta'u bineensota Itoophiyaa keessa qofa jiraatan garuu balaa keessa warra jiran baayyedhaaf iddoo murteessadha. PBGB hoosiftoota Itoophiyaa keessa qofa jiraatan 20 fi hoosiftoota Gaarren Baalee keessa qofa jiraatan shaniif iddoo jireenyaati. Hoosiftoonni PBGB keessaa faayidaa guddaa qaban jeedala fardaa (anis simensis), gadamsa gaarrenii (Tragelaphus buxtoni), tuqaa mataa guddaa fi qamalee Baaleeti. Naannon Afroo-alpaayinii, iddoo jeedalli fardaa addunyaan kun qabdu keessaa walakkaan jiraatanidha, jeedalli fardaa addunyaarraa kaaniidii baayyinaan xiqqoo yoo ta'u yeroo ammaa 400 kan ta'an qofatu addunyaarra jira. Bosonni gaattiraa fi heexoo kan gara kaabaatti argamu akkasuma iddoo jireenyaa bineensa balaa jala jiru kan biraa kan ta'e kan gadamsa gaarrenii ti. Gadamsi PBGB keessa jiraatu, baayyina addunyaan kun qabdu keessaa harka lama-sadaffaa ta'a. Dabalataanis, tuqaan mataa guddaa addunyaan kun qabdu martii fi qamaleen Baalee addunyaan kun qabdu baayyeen paarkicha keessa jiraatu. Kana malees, amfibiyaanota Itoophiyaa keessa qofa jiraatan 12 fi reptaayiloota Itoophiyaa keessa qofa jiraatan afur PBGB keessa jiraatu.

Jeedalli fardaa tullu-gubbaa lafa ol ka'aa Itoophiyaa ja'a irratti murta'anii jiru. Walumaagalatti baayyinni jeedala fardaa 400 ta'a, kanaafis sorattoota foonii Afrikaa balaa keessa jiran keessa kan jalqabaati, akkasumas addunyaarraa kaaniidii balaa keessa jiranidha. Sababa kanaaf, seeraan waan jireenya isaanii balaa keessa galchu kamirraayyuu ni eeggamu. Miidhama bidoollee sababa baballina lafa qonnaa fi horii horsiisuutin kan ka'e dhufe balaa isa hamaadha fi guddaadha, garuu dhibeen adda addaa (dhibee saree maraatuu fi canine distemper) kan saree manaarraa jeedala fardaatti darbu balaa ariifachiisaadha, yeroo as dhihootti Garreen Baalerratti ka'uudhaan jeedaloota fardaa baayyee ajjeesee baayyina isaanii ittuu gadi xiqqeesse.

Dabalataan, paarkin kun sanyii Itoophiyaa keessa qofa jiran keessa dhibbantaa 26% qabata, kunis qaroo tokko, hilleentii tokko, bineensa horii fakkaatu tokko (bovid), sanyii ilkaan rigoo saddeetii fi tuqaa guddaa kan addunyaa kun qabdu marti achitti argamu. Akkasumas, amfibiyaanota hedduu kan achi qofa jiraataniifi baayyee hinargamnes jiru, reptaayiloonni lama kan Baale keessatti qofa argaman nijiru.

Hoosiftoota 47n kan PBGB keessa jiraatan keessa harki tokko-sadaffaan ilkaan rigoo dha. Maatin ilkaan rigoo, keessattuu pilaatoo Afiroo-alpaayin keessatti, sanyii murteessaa PBGBti. Isaan nyaata jeedala fardaati, akkasumas margaa dheedduu naannoo Afroo-alpaayini, bakka itti adeemsi kiraayotarbeeshin (cryoturbation) raawwatamu, ti.

Hoosiftoonni PBGB keessa jiran kan biraan bosonuu achi qofa jiraatu, borofa, klipspringer, grey duiker, karkarroo, jeedala magaala, waraabessa burree, deeroo, weennii, leenca, qeerransaa fi yayyiidha.

Wabii[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Liinkii Alaa[gulaali | lakkaddaa gulaali]