Oksaayidii

Wikipedia irraa
Seelii yuunitii rutile, oksaayidii barbaachisaa titaaniyaamii. Giddu-galli Ti(IV) halluu diimaa dha; wiirtuuwwan oksijiinii diimaa dha. Oksijiiniin titaaniyamii waliin hidhoo sadii akka uumu yoo ta’u, titaaniyaamiin ammoo oksijiinii waliin hidhoo ja’a akka uumu hubadhu.

Oksaayidoonni kompaawundoota atoom-gos-lamee ta’anii, elementii oksijiniifi elementii biroo irraa kan uumamaniidha. Fakkeenyawwan oksaayidootaa muraasni: kaalsiyem oksaayidii yookiin laayimii (CaO), dandii ayiranii yookiin Ayiran(III) oksaayidii (Fe2 O3 ), Maagniziyem oksaayidii (MgO), kaarboondaayoksaayidii (CO2 ), salfar daayooksaayidii (SO2 )fi kan kana fakkaatan oksaayidoota dha. (Fakkii 3.6 ilaali). Oksiijiniin elementii si’awaa dha. Elementoonni hedduun kallattiin oksijiniin wal-nyaatanii oksaayidoota kennu. Fakkeenyaaf:

C + O2 → CO2

Kaarbonii +Oksiijinii= karboon daayoksaayidii

S + O2 → SO2

Salfarii +Oksiijinii= Salfar daayoksaayidii

2Mg + O2 → 2 MgO

Maagniziyemii+ Oksiijinii= Maagniziyem oksaayidii

Oksaayidoota amaloota elementii oksijiinii wajjin walnyaachuun oksaayidicha uuman irratti hundaa’uun bakka lamatti qooduun ni danda’ama. isaanis: oksaayidoota sibiilawoofi oksaayidoota sibiilalawoodha. Oksaayidoonni sibiilawoon oksaayidoota sibiilota irraa uumamaniidha. Oksaayidoonni sibiilalawoon immoo oksaayidoota sibiilaloota irraa uumamaniidha.