Muhaammad Zaakir

Wikipedia irraa

Muhaammad Zaakir (1949 - 1977), maqaa Mayra jedhamuun irra caala beekkama, qabsaawaa mirga Oromoo naannoo Oromiyaa bahaatti hedduu beekkamu. Muhaammad Zaakir qabsoorratti hidhattoota Somaaletiin ajjeefame.

Seenaa Duubaa[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Muhaammad Zaakir bara 1949 Galamsootti abbaasaa Umar Aliyyii fi harmeesaa Meeymuunaa Saadiq irraa dhalate. Muhaammad ijoollummaa isaatti mana barnoota Islaamaa seenee amantii baratee ture. Itti aanse barnoota ammayyaa Galamsoo fi Cirootti barate. Barnoota sadarkaa olaanaa barachuuf, Koollejjii Teekniikaa Finfinneetti (Tagbaara-id) galmaa'ee ogummaa barachuu jalqabe. Barumsa odoo hinxumurin addaan kutee qabsoo Oromoo keessatti hirmaachuf gara Carcar deeme. Muhaammad barumsa dhiisee qabsootti makamu isa kakaase sochii qabsoo Elemoo Qilxuu fi Hundee ture. [1]

Hiriyaa fi firasaa kan ta'e Ahimad Taqii, Muhaammadin Elemoo wajjin wal barsiise. Muhaammadiif, ittii gaafatamummaan kennameef dhimma basaasuu fi dhiyeessii (loogistiikii) ture. Kanaafis, waan loltoonni nyaatanii qopheessuu fi odeeffannoo barbaachisaa funaanun hojiisaa ture. Muhaammad garuu riphe-loltoota Oromoo sanatti galee isaan wajjin hinjiraatu ture, kunis murtii geggeessan waraanichaa Elemoo Qilxuu ture. Elemoon Muhaammad akka inni waraana keessa odoo hintaane ala turee hojjatu barbaade. Gaaf tokko yeroo inni Gubbaa Qorichaa bakka loltoonni Elemoo fi Hundee jiranii yeroo deebi'u, tikaa nageenyaa Dargiin qabamee mana hidhaa gale.

Fulbaana 5, 1974 Waraana Xirrootti geggeeffame booda, yeroo sana reefu dhaabachaa kan ture Dargiin, fulaasaa gara ummata magaalaa, daldaltoota fi hayyoota magaalaa Galamsoo, Baddeessaa, Machaaraa, Bookee fi Balballeettii dimshaashan guuree mana hidhaatti naqe. Warra hidhaman kana keessaa namni saddeet mana murtii waraanaa duratti dhiyeeffamuuf gara magaalaa Hararitti geeffaman. Namoonni saddeettan kun Muhaammad Rashaad (obboleessa Ahimad Taqii), Ahimadal-Haadii Huseen (obboleessa Muhaammad Zaakir), Mohaammad Bakar, Najaash Ismaa'el, Ismaa'el Ahimayyuu, Amiinoo Abdulrahmaan (Amiinoo Tuutii) fi Wayyaa Ibroo (Abubaka Ibraahim) ture. Mayraa fi hidhamtoonni torban mana hidhaa Aw-Izin keessatti hidhaman. Erga gaaffiif deebiidhaan qorannoo hedduu irratti geggeessee booda, manni murtii waraanaa kutaa biyyaa Harargee jara saddeetanittu du'a itti murteesse. Boodarra bara 1974 yeroo Dargiin hidhamtoota siyaasa dhiifamaan akka gadi-lakkifaman labsuu, Mayraa fi warri isa wajjin hidhaman mana hidhaatii ba'an.

Oduma umuriinsaa 20 keessa jiru, Mayri dargaggoota fi qonnaan bultoota gurmeessee gumii Tuuta Bariisaa jedhu dhaabe. Miseensot gumii Tuuta Bariisaa fudhatee gara Somaaliyaa deeme. Gara Somaaliyaa kan deemaniifis mootummaa Ziyaad Baarree kan reefu hundaa'ee turerraa gargaarsa gaafachuuf ture. Somaaliyaadhaa birgeedii tokkoo fudhatee ajajaa ta'e gara biyyaatti deebi'e. Birgeedin kun Oromoota qofa odoo hintaane loltoota Adda Bilisummaa Sumaalee Dhihaa (Ingiliffaan WSLF) kan obboleeyyan keenya Oromoo gargaarra jedhan of keessaa qaba ture. Birgeedin Mayraa loltoota Dargii kan aanaa Bookee fi Daaroo Labuu keessa jiru guutummaan barbadeesse. Mayri waraana geggeessurrati dandeetti fi gootummaa guddaa qaba ture. Loltoota Dargiis naannoo baadiyaa Bookee, Daaroo Labuu keessaa baasee.

Ajjeefamuusaa[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Mayri jalqabumaa kaasee hariiroo Adda Bilisummaa Sumaalee Dhihaa (ABSD) wajjin qabu of eggannoon geggeessaa ture. Yeroo muraasa booda, Sumaalonni ummanni Oromoo akka isaan Sumaalee Aabboti ofiin jedhan yeroo dirqisiisuu jalqaban, Mayri isaani walitti bu'uu jalqabe. Wanti irra caala guddaa isa naasise tokko ammoo loltoonni ABSD lafa Oromoo kan bilisa ba'e keessatti alaabaa Rippabiliika Somaaliyaa fannisuu isaaniti. Mayri hojii hammeenyaa ABSD kanatti hedduu aaree "nuti Oromoodha, mirga ummata keenyaf lolla. Nuti ergamtoota Ziyaad Baarree miti, diinaa hamaa lama gidduudha filannon hinjiru. akkuma warra Abashaa lollu, ABSDs nilolla" jedhee dubbate.

Sana booda loltootasaa gara ABSDtti garagalchee waraanuu jalqabe. Loltoonni Mayraa ABSD waraana hedduurratti injifatee guutummaatti Daroo Labuu keessaa baase. Waraana ittuma fufuun aanaa Bookee keessatti odumaaisaan waraanaa jiruu, ABSD loltoota dabalataa Somaaliyaarraa dhufaniin humna dabalatee buuftaa loltootasaa irratti waraana banani. Waraanni ABSD wajjinii kun hanga bona 1977 ittuma fufe. Dhumarratti, Mayri Lola Kurfaa Rooqaa, kan magaalaa Bookerraa gara kibbaatti 30km fagaatte argamturratti geggeeffameen wareeggame.

Yaadannoo[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Seenaan Mayraa baayyee barreeffamuu baatuyyuu, Mayri ummata Harargee biratti akka goota guddaatti ilaallama. Gumaachi Mayraa yoomiyyuu kan dagatamu miti: yeroo qabsoon Oromoo waan laafte fakkaattutti deebisee finiinse. Barreessaa Tewoodiroos Mulaatuu kitaaba Amaariffaan barreesse kan "Akeldaamaa" jedhamu keessatti, Mayra akka goota guddaatti dhiyeesse. Tewoodiroos fi Mayri mana barumsaa tokkotti waliin baratan. Kan barreeffama kana adda godhu Tewoodiroos lammummaan Oromoo ta'u dhiisuu isaati.

Weelliss beekkamaan yeroo ammaa biyya Kanaadaa jiraatu Elemoo Aliin, jaallewwan waraana Xirroorratti du'aniif akkas jedhee weellise:

Dhigni Keessan Yaa'ee Carcar Xirroodhattii
Dhagatti Goggogee Ititee Biyyattii
Margaa Meyra inni hinbiqilchinee?
Ummata Dammaqsee Sossoose Qabsotti
Nu hordofaa Jedhaa Daandii Warraqsatti [1]

Wabii[gulaali | lakkaddaa gulaali]

  1. 1.0 1.1 Mohammed Zakir or Meyra (1949-1977), dhihootti kan baname: Adoolessa 27, 2016