Lammaa Guyyaa

From Wikipedia
Jump to: navigation, search

Lammaa Guyyaa (1928? - ) artistii Oromoo suura kaasun beekkamu yoo ta'u magaalaa Bishooftuu keessa mana hojii isaa kana itti agarsiisu kan 'Gaalerii Aartii Afrikaa' jedhamu qaba.

Seenaa Duubaa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Artisti Lammaa Guyyaa bara 1928 Godina Shawaa Bahaa Aanaa Ada’aa Liiban bakka Daloo jedhamutti dhalate. Maatiin isaa qonnaan bultoota waan turaniif, Lammaan hojii qonnaatin maatii isaa gargaaraa guddate. Lammaan hojii qonnaa cinaatti, namoota naannawa ogummaa meeshaalee qonnaa kanneen akka nohee, hordaa fi waanjoo hojjatan xiyyeeffannaan ilaala ture. Akkasumas, namoota naannoo isaatti ogummaa meeshaalee manaa adda addaa supheerraa hojjatan argaa guddate.

Lammaan, daa’imummaa isaatti ogummaa namoota naannawa ilaalaa waan guddateef bocaa fi fakkiilee adda addaa mukaa fi supheerraa hojjachuu eegale. Namoonnis waan inni kalaqu kana ilaaluun baay’ee waan dinqisiifataniif, abbaa isaa mana barnootaa akka galchuu gorsan. Lammaanis, ogummaa naannawasaatti horate guddifachaa deemuun yeroo umriin isaa waggaa 17 ga’u carraa mana barnootaa seenuu argate. Mana barnootaa keessatti cimina fakkii kaasuu fi barnootaaf qaburraa kan ka’e barattootaa fi barsiisotaan baay’ee dinqisiifatama ture. Haala kanaan, barnootasaa hanga kutaa 7 Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuutti, Mana Barnootaa Bishooftuu sadarkaa 2ffaa yeroo sana ‘Libne Dingil’ jedhamutti baratee xumure. Yeroo sanatti kutaa 7 xumuruun akka sadarkaa olaanaatti waan ilaalamuuf ogummaa barsiisummaan akka leenji’uuf gara dhaabbata Leenjii Barsiisotaa Adaamaatti ergame.

Haata’u malee, leenjiin kun fedhiisaa waan hin turreef, Bishooftuutti deebi’ee bocaa fi fakkii garagaraa bifa nama hawwatuun kaasuu fi bocuu itti fufe. Boca Lammaan yeroo sana boce keessaa tokko boca xiyyaaraati. Boca xiyyaaraa kanas mukaafi abujadiirraa hojjachuun gara Humna Qilleensaa Itoophiyaa geesse. Namoonnis boca xiyyaaraa kana baay’ee jaallachuurraa kan ka’e bulchaa Humna Qilleensaa Itoophiyaatti agarsiisan. Bulchaan Humna Qilleensichaas boca xiyyaaraa sanatti hedduu waan gammadeef, nama boca kana hojjate akka dhiyeessaniif ajaje. Yeroo walarganis ogummaa Lammaa dinqisiifachuun, gara fuulduraatti maal baraachuu akka barbaadu gaafate. Lammaanis, “Humna Qilleensaa Itoophiyaa keessa seenee barachuun barbaada,” jedhee ibseef. Bulchichis akka baratu waan eeyyameefiif, Lammaan Humna Qilleensaa Itoophiyaa seenee barachuu eegale. Humna Qilleensaa keessatti leenjii meeshaalee waraanaa, qaama xiyyaaraa hiikuu fi suphuu waggaa shan leenjifamuun eebbifame. Ogummaa ittiin eebbifameenis namoota leenjisaa ture.

Artisti Lammaan hojiisaa idilee Asmaraatti osoo hojjatuu ogummaa fakkii kaasuu artistoota biyya Xaaliyaanii irraa caalaatti barate. Sana booda, fakkiilee garagaraa kaasuun bara 1950 Asmaraatti daawwannaaf dhiyeesse. Sanarraa ka’uunis beekamaa dhufe. Haa ta'u malee, sirna yeroo sanaatiin dhiibbaan uummatarra ga’aa ture isa yaaddessaa ture. Kanarraa kan ka’e, hojii aartii isaatiin mormii isaa ibsa ture. Fakkeenyaaf, fakkii adurree aannan jigsitee, hantuuta ishee bira jirus dhiistee foon qooxiirraa buusuuf yaaltu kaasuun ibsate. Qondaaltonni mootummaa yeroo sanaas hojii isaa balaaleffachuun yeroodhuma sana hojii mootummaa akka dhaabu taasisan.

Garuu, Artisti Lammaan duubatti osoo hin deebi’in, hojii fakkii kaasuu kutannoon itti fufuun, jireenyasaa haala gaariin gaggeessuu jalqabe. Ogummaa isaan beekamtii guddaa argachuurraa kan ka’es biyyoota addunyaa kanneen akka USA, Siwiidin, Yuunaayitid kingidam, Naayijeeriyaa, Keeniyaa fi Seenegal keessatti hojiisaa daawwannaaf dhiyeessuu danda'eera. Agarsiisa fakkiileefi boca adda addaa dhiyeesse kana irraas galii guddaa argate.

Artisti Lammaan Magaalaa Bishooftuu keessatti gaalerii 'Aartii Afrikaa’ jedhamu baneera. Gaalerii kana keessatti fakkiilee mimmiidhagoo kanneen akka muka, gogaa, baala, rifeensa beelladootaa fi kkf irraa bocaman yookiin kaafaman baay’eetu argamu. Keessattuu, fakkiileen aadaa Oromoo naannawa adda addaa agarsiisan qalbii namaa booji’u. Namoonni biyya keessaa fi alaa daawwannaaf gara gaalericha deemuun daawwatu; kaanis ni bitatu. Kaka’umsaa fi fedhii ogummaasaa dhaloota har’aa dhaalchisuuf qaburraa kan ka’e, bakka gaalerii kanatti Lammaan gamoo ijaarsiseera. Gamoo kana keessattis mana barnootaa olmaa daa’immanii banuun barnoota idilee cinatti daa’imman dandeettii fakkii kaasuu daran akka horatan ogummaasaa gonfachiisaa jira.

Walumaagalatti, Artisti Lammaan daa’imummaa isaatti muuxannoo hojii qonnaa maatii isaa irraa horateera. Muuxannoo isaa gabbifachuun ogummaa fakkii kaasuu fi leenjisummaan akka hojjataa mootummaatti Humna Qilleensaa Itoophiyaa keessatti baroota dheeraaf tajaajilaa tureera. Hunda caalaa ammoo, aartii Oromoo gama fakkiitiin guddisuu keessatti gahee guddaa taphateera. Gummaacha inni guddina aartiif taasisu kun mataa isaa bira darbee uummatasaa, biyyasaa fi addunyaa irrattillee xiyyeeffannoo argachuun bu’aa guddaa buuseera.

Wabii[edit | Lakkaddaa gulaali]

  • Barnoota Afaan Oromoo Kitaaba Barataa Kutaa 7, 2014