Jibsoo xinurjii

Wikipedia irraa

Jibsoo xinurjii kun tarree hiika jechootaa fi yaad-rimeewwan astronomy fi cosmology wajjin walqabatan, gosoota barnootaa xiqqaa isaanii, fi dameewwan walqabatan. Astronomy kan ilaallatu qorannoo wantoota samii fi taateewwan Qileensa marsaa lafaatiin ala maddan . Dirreen astronomy jechoota bal’aa fi jechoota jechootaa baay’ee kan of keessaa qabudha.

A[gulaali | lakkaddaa gulaali]

A-type star( Urjiin tartiibummaa mummee gosa A )

Urjiin tartiibummaa mummee gosa A (AV) ykn (Urjiin jaagee) urjii sabbata tartiibummaa mummee kan haayidiroojiinii akka boba’aatti fayyadamu fi gosa ispeektaraa A fi gita ifa V ti ramadamii. Urjiileen kun ispeektirii elektiromaagneetikii sararoota  xuuxxuu haayidiroojiinii cimaa Baalmar jedhamanuun beekaman qabu. Ulfaatina Aduu dachaa 1.4 hanga 2.1 kan qabu yoo ta’u, ho’i fuula isaa 7600 fi 11500 K gidduutti kan qabu yoo ta’u, ifaafi dhiyoodha, Fkn: veegaa, Basa,

Hamma Gonkaa (Absolute magnitude)

Qorhawaa keessatti safartuu ifa qaama hawaa kamiyyuu iskeelii loogaritmii qamoolee hawaa (kan akka urjiilee, pilaaneetotaa fi kan kana fakkaatan) irratti.

Baxxee tulloo (accretion disc)

gosa baxxee urjii nanna'uu dha. Innis sabbata gaasii fi dhukkee koosmii kan urjii jalqabaa  (pirootostar), jaagee adii, urjii niwutiroonii ykn urjiin marsee jiruudha .