Jump to content

Gololleefi ulee

Wikipedia irraa
Gololleefi ulee bishaan waraabuuf fayyadu

Gololleefi uleen maashiniiwwan salphaa ja'an keessaa isa tokkodha . Gololleefi ulee salphaan uleee handhuura golollee kessattii jabaatee itti hidhame of keessaa qaba. Gololleefi uleen golollee wiifa lama qabu fi isa xiqqaa keessa akka uleen (axle) bahu taasisuun fo'aan wiifa isa alaa irra bahe immoo akka ba'aa ol fuudhu ta'ee hojjetame dha. Faayidaan mekaanikaalaa (FM) wiilii fi ulee akkasi, FM= Fo/Fi = ri/ro ta'a. Fkn, yoo reediyeesiin keessoo 1/3 reediyeesii alaa ta'e, wiilii fi uleen akkasiif humni bahee (=output force, Fo) 3 x humna galtee (=input force, Fi) ta'a jechuu dha.

Haala kana keessatti, yeroo gololleen guddaa fayyadamuun toorkii ykn anniisaa guddaa anniisaa xiqqaa ta’een uumuu dandeenyu (kun bishaan walitti qabuu fi wantoota ulfaatoo sochoosuuf ni fayyada), gama biraatiin, sochii xiqqaa (olka’iinsa) qabu fayyadamuun piivootii fi torkii), naannoo guddaa irraa sochii dabalataa arganna (fakkeenyaaf: peedaala biskileetii ).


Kana jechuun akkuma gololleen yeroo tokko saffisa baayisuuf, yeroo biraa immoo anniisaa dabaluudhaaf itti fayyadama. Garuu lamaan isaanii walitti qabuun xinseeruumamaatiin dhorkaadha.