Jump to content

Federaalizimii

Wikipedia irraa

Federaalizimiin ykn Atoomummaan sirna bulchiinsaa mootummaa waliigalaa (mootummaa giddu galeessaa ykn federaalaa yk. Atoomaa) mootummoota naannoo waliin sirna siyaasaa tokko keessatti walitti fiduun aangoo lamaan gidduutti qooduudha. Johannes Althusius Montesquieu waliin abbaa federaalizimii ammayyaa ta'ee fudhatama .

Fakkeenyonni bulchiinsa atoomaa ykn federaalaa ykn bulchiinsa federeeshinii tokkoo Arjentiinaa, Awustiraaliyaa, Oostiriyaa, Beeljiyeem, Bosniyaa fi Herzegovina, Biraazil, Kaanaadaa, Itoophiyaa, Jarman, Hindii, Iraaq, Maaleeziyaa , Meksikoo , Maaykirooneeshiyaa , Neepaal, Naayijeeriyaa, Paakistaan, Raashiyaa, Somaaliyaa, . Sudaan Kibbaa, Sudaan, Siwiizarlaand, Yunaayitid Arab Emireet, Ameerikaa fi Veenzuweelaa . Tokko tokko Gamtaa Awurooppaa akka fakkeenya qajeelchaa federaalizimii haala mootummoota hedduu keessatti, yaad-rimee "gamtaa mootummootaa federaalaa" jedhamee waamamu keessatti.