Jump to content

Sanyundee (gene)

Wikipedia irraa
(Dhaalmaya (gene) irra kan qajeele)

Baayoloojii keessatti, jechi jiini ( Greek irraa , génos ; hiikni dhaloota ykn labata ykn saala ) hiika adda addaa hedduu qabaachuu danda’a. Afaan Oromoon immoo yeroo hiiknu Dhaalmaya ykn sanyudee jedhama. Sanyundeen Mendelian yuunitii bu’uuraa Dhaala yoo ta’u Sanyundeen molakiyuulaa tartiiba niwuukilootaayidoota DNA keessatti argamanii fi RNA dalagaa ta’e uumuuf barreeffamaniidha. Sanyundeewwan molakiyuulaa gosa lama qabu: Sanyundeewwan fungoo(code) pirootiinii fi Sanyundeewwan koodii hin qabne. Sanyundeen DNA irraa waan hojjetameef wantoota dhaalmayaa dalaguudha. Shanyiitiin DNA sanyundeewwan hedduu of keessaa qabu irraa hojjetame. Sanyundeen hundinuu tuuta qajeelfama addaa dalagaa addaa ykn fungoo(code) pirootiinii of keessaa qaba. Sanyundeeleen dhaalmayaaf itti gaafatamummaa qabu.Tokkoon tokkoon lubbiyyoo qaama namaa keessa sanyundeelee gara 30000 ta'an jiru. DNAn sanyundee kana keessatti argamu gurmuu sanyundee(genome)keessaa dhibbeentaa 2 qofa of keessaa qaba. Qorannoon hedduun akka muldhisuutti  tokkoon tokkoon kiroomozoomii irratti bakka sanyuundeelee gara 13000 ta'an argamu.

Hiikkoo[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Sanyundeen ruqoo bu’uuraa dhaalmaya lubbu qabeeyyii keessatti argamudha. Sanyundeeleen odeeffannoo barbaachisoo qaamolee miciree fi dalagaa xiinjiree isaanii uumuuf fungeefama(encoded). Sanyundeen yeroo baay’ee meeshaa dhaalmayaa lubbiyyoo keessatti kan argamu yoo ta’u, DNAn ykn yeroo muraasa keessatti RNAn bakka bu’a.Kanaaf, sanyundeeleen kunniin uumamuu, dagaaginaafi amala lubbu qabeeyyii murteessu. Garaagarummaan qaamaa fi garaagarummaan xiinsammuu namoota dhuunfaa gidduu jiru tokko tokko garaagarummaa sanyuundeelee isaan qabataniin kan walqabatudha. Sanyundeen kutaa qajjisa DNA lamaan keessaa tokko kan qajjisa kana irratti bakka addaa qabataniidha. Sanyundeeleen baay’ina, gosaa fi qindaa’ina tambiixaalee(nucleotides ) of keessaa qabaniin kan ibsaman yoo ta’u, sababa foloqa isaan keessatti uumamuu danda’uun jijjiiramuu danda’u. Wantootni dhaalmayaa yeroo walhormaataa dhaloota tokko irraa gara dhaloota biraatti kan darbu yoo ta’u, namni dhuunfaa haaraan tokkoon tokkoon isaa walakkaa sanyundeelee isaanii warra tokko irraa, walakkaa kaan isaa immoo warra isa kaanii irraa dhaalu. Yeroo tokko tokko, wantootni dhalmayaa namoota dhuunfaa wal hin qabanne gidduutti adeemsa akka tiraansidaakshinii ykn vaayirasiitiin dabarfamuu danda’a.Sanyundeen dhaala warra irraa gara sanyii, akkasumas walhormaata seelii fi hojii guyyaa guyyaa itti fufiinsa qabu to’atu. Sanyundeen caasaa, inzaayimootaa fi keemikaalota adda durummaan uumaman dabalatee wantoota seelii keessatti walnyaataman murteessuudhaan hojii seelii to’atu. Sanyundeen odeeffannoo barbaachisaa pirootiinii, inzaayimootaa fi wantoota barbaachisoo qaamolee qaamaa ijaaruuf barbaachisan ijaaruuf gargaaran of keessaa qaba. Akkasumas pirootiinii fi inzaayimii qaamolee adda addaa keessatti oomishanii hojii isaanii raawwatu. Dabalataanis, Sanyundeewwan sa'aatii baayoloojii guddina lubbu qabeeyyii hanqaaquu walhormaataa irraa kaasee hanga uumamuu qaama, ijoollummaa, bilchinaa fi dulloomuutti qajeelchu qabatu."