Daraaraa

Wikipedia irraa

Daraaraan, Ililliin ykn Abaaboon jedhamuunis kan beekamu, caasaa walhormaataa biqiltoota daraaraa (biqiltoota qoqqoodinsa Angiospermae ) keessatti argamudha. Daraaroonni walnyaatinsa qaamolee biqiltootaa of keessaa qabu – utubduu baala daraaraa guddachaa jiru marsan fi eegu, baaldaraaraa poolineetota hawwatu, fi qaamolee walhormaataa margondola(gametophytes), kan biqiltoota daraaraa qaban keessatti saallubbiyyoo uumu . margondoli dhiiraa, isparsanyii kormaa oomishani, bullaa daraaraa baattubullaa(anther) keessatti oomishame keessatti marfamanii jiru . margondoloonni dubaraa hanqaaquu qaamnaayyeen(carpel) keessatti oomishaman keessa jiru.

Biqiltoonni daraaraa qaban baay’een isaanii bineensota, kan akka kanniisa, bilaachaa, fikkf, irratti kan hirkatan, habaree isaanii daraaraa adda addaa gidduutti dabarsuudhaaf, akkasumas tooftaalee adda addaatiin poolineetota kana hawwachuuf guddataniiru, kunis halluu ifaa, daraaraa mul’ataa, urgooftuu hawwataa fi oomisha neektari dabalata, madda nyaataa poolineetarootaaf ta’u. Haala kanaan, biqiltoonni daraaraa qaban hedduun tajaajila waliif kennan irratti wal-irratti hirkatanii akka ta’aniif poolineetota waliin ta’uun guddataniiru —biqiltichi yoo ilaalle, mala walhormaataa; haala poolineetarii keessatti madda nyaataa.

Caasaalee Daraaraa[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Utubaa baala daraaraa: Baala magariisa ala baala daraaraa jiru dha. Daraaraa kichuubalaa irraa ittisuuf gargaara.

Baala daraaraa: Halluu ifaa qabu. Halluu fi foolii isaaniitiin ilbiisota ofitti harkisu.

Qaama kormaa: Iddoo bullaan daraaraa itti qophaa’u dha. Innis qaama kormaa daraaraa ti

Utubaa baattuubullaa: qal’aa dheeraa baattuubullaa utubu dha.

baattuubullaa: iddoo poolaniin ykn habareen itti qophaa’u dha

Simattuubullaa: Qaama dhalaa gubbaarraa ta’ee kan bullaan daraaraairra qubatu dha.

Irbirkuu: Qaama dhalaa kan simattuubullaa utubu dha.

Manqaaquu: Dhiita’aa gara jala qaama dhalaa ta’ee hanqaaquu of keessatti kan qabate dha.

Hanqaaquu: lubbiyyoo sanyii wal-hormaataa