Jump to content

Daldala garbaa

Wikipedia irraa
Daldala Garbummaa Awuguste François Biard, 1840

Garbummaan gocha(adeemsa) dhala namaa humnaan tajaajila adda addaa akka kennuu itti dirqamsiifamudha. Seenaa dhala namaa keessatti garbummaan bara kamiifi eessatti akka jalqabame sirriitti hin beekamu. Akka seenaan guddinaafi jijjiirama hawaasaa ibsutti garbummaan uumamuu garaagarummaa qabeenya dhuunfaa waliin walqabata. Sirni daldala garbaa sirna namni humna qabu kan humna hinqabne faayidaa barbaadeef dhimma itti bahudha. Sirna gareen humna cimaa qabu garee (hawaasa) miseensota muraasaafi humna hinqabne akka meeshaatti itti fayyadamudha. Sirna daldala garbaafi garbummaa keessatti dhalli namaa gadadoofi darara hedduu keessa darbee jira. Namoonni garboffataman tajaajila barbaadamu hunda gaaffii tokko malee raawwachuuf dirqamu. Gareen garbooffataan garba harkaa qabu akka meeshaatti itti fayyadama, yoo barbaade immoo ni gurgura. Sirna daldala garbaa keessatti bu’uurri dinagdee humna garbootaati. Qaroomman bara durii keessatti hojiileen hedduu humna garbootaatiin hojjetamaa turaniiru. Haaluma kanaan, mootummoota akka Giriik, Roomaa, Misir, Mero’eefi Aksum durii humna garbootaatti fayyadamaa turaniiru. Bara durii gulantaa hawaasaa keessaa hoggantoonni, mootonni, abbootiin lafaafi hoggantoonni amantii humna garbootaa fayyadamaa turan. Yeroo sanatti namoonni akka garbaatti fudhatamaa turan namoota lola yookiin walitti bu’iinsa adda addaatiin dirree waraanaa irratti booji’aman fa’i.

Daldala Gabraa Afrikaa[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Daldalli garbaa Afrikaa keessa bara abuurraan dura tureera. Bara abuurraan dura garboonni qarqara Afrikaa bahaafi sulula Naayil keessatti adeemsiffamaa ture. Haaluma kanaan, garboonni gara naannoo Baha-giddu galeessaa, Hindiifi Awurooppaatti gurguramaa turan. Kallattiin daandii daldalichaas, Galaana Diimaa, Meditraaniyaafi Garbaa Hindii ture. Garboota gara naannoo Baha�giddugaleessaatti gurguraamaa turan irra caalaan isaanii dubartoota. Sababni isaas, dubartoonni hojii mana keessaafi tajaajila adda addaaf barbaadamu ture. Warrii Awurooppaa bara abuurraan booda, wiirtuuwwan daldala garbaa hedduu qarqara Afrikaa Lixaatti hundeessuun ifaan ifatti daldala garbaa eegalan. Haala kanaan, biyyi Porchugaal garboota gara oddola akka Saahoo�Toomeefi Piriinsippeetti geessuun hojii qonnaa hojjechiisaa turte. Akkasumas, gara Awurooppaatti bal’inaan daldaluu eegalte. Jaarraa 15ffaa keessa abuurramuun ardii Amerikaa daldala garbaa saffisisuu danda’eera. Sababni isaas, Porchugaaliifi Ispeen qonna babal’aa jirbii, shonkooraafi baala Tamboo waan jalqabaniifidha. Hojiin qonnaa daran yeroo babal’ataa ture kana humna namaa hedduu barbaadu guuttachuuf daldala garbaa ol guddisuu danda’eera. Fedhii kana guuttachuuf garboota qarqara Afrikaa lixaa irraa walitti qabuun gara Amerikaa geessuun daldaluu eegalan. Adeemsi kun daandii daldala garba Atilaantikii qaxxaamuru uumee jira. Daandiin daldala garbaa Atilaantikii qaxxaamuru kun daandii daldala garbaa Rog- sadee jedhamuun waamama.Sababni isaas, ardiilee Afrikaa, Amerikaafi Awurooppaa waan walqunnamsiisuufidha. Daandiin daldala garbaa Rog- sadee kun Afrikaa irraa garboota gara ardii Amerikaafi naannawa isheetti geejjibsiisa. Marsaa lammataatti immoo Amerikaa irraa meeshaalee bu’aa qonnaa ta’an gara Awurooppaatti sirna ittiin ergamudha. Dhumarratti, Awurooppaa irraa immoo meeshaalee dhumataa bu’aa warshaalee ta’an gara gabaa Afrikaatti ittiin geeffamudha. Haala kanaan adeemsi daldala garbaa marsaa sadii qabu kun Afrikaatti eegalee Afrikaatti xumurama.

Garba sakatta'amaa jiru

Jaarraa 15ffaa hanga 16ffaa keessa Porchugaaliifi Ispeen sadarkaa ol’aanaatiin garboota daldalaa turaniiru. Haata’u malee, xumura jaarraa 17ffaa irraa eegalee ol’aantummaan addunyaa garee Porchugaaliifi Ispeen, biyyoota Ingiliziifi Faransaayiin fudhatamee jira. Haaluma kanan, jaaraa 18ffaa keessa Ingilizii ol’aantummaan daldala garbaa dhuunfachuun bal’inaan adeemsiisaa turtee jirti. Bara kana keessa ummanni Afrikaa garbummaan gurguramaa turan rakkoolee gurguddoo keessa darbaniiru. Warri Awurooppa meeshaalee waraanaa ummata Afrikaa hidhachiisuufi gargar qoqqooduun akka wal adaamsaanii garbummaatti wal gurguran dhiibbaa taasisaa turaniiru. Ummanni Afrikaa daldala garbaatiif bakka qabamanii irraa kaasee hanga Amerikaa gahanitti haala sukkaneessaafi dhiphina qabu keessa darbaa turan. Cancallii harkaafi luka isaanii madeessuu, dhibee daddarboon du’uu, bishaanitti ofgatuufi nyaata lagachuun lubbuun isaanii darbaa turee jira. Iddoo hojjiittis dararamaafi miidhaa guddaatu isaan mudataa turee jira. Fakkeenyaaf, sibiilaan walitti hidhuufi qaama isaanii irratti sibiila oo’aan gubuunmallattoo addaa qaama isaanii irratti bocuun kan baratamedha. Akkasumas, kanneen yaalii mormii agarsiisan irratti tarkaanfii sukkanneessaafi adabbii cimaa fudhachuun kanneen biroo ittiin sodaachisu ture

Naannoowwan daldala garbaa gurguddoo Afrikaa, jaarraa 15ffaa–19ffaa

Biyyoonni Awurooppaa daldala garbaa naannoo waggoota dhibba sadiif adeemsisuun bu’aa ol’aanaa irraa argataniiru. Qabeenya guddaa kuufachuun gara sirna Kaapitalizimiifi warraaqsa Industiriitti ce’uu danda’aniiru. Afrikaatti garuu humna oomishaa dhabamsiisuun miidhaa dinagdee, tasgabbii dhabuu siyaasaafi hawaasummaa guddaa fidee jira. Suuta suutaan, warri Awurooppaa tooftaa saamicha qabeenya Afrikaa bifa haaraan sochii faallaa daldala garbaa xumura jaarraa 19ffaa keessa haala hirmaachisaan eegalaniiru. Bu’uurri sochii faallaa daldala garbaa inni ijoon jijjiirama fedhii dinagdee waliin kan walqabatudha.Warraaqsa Industirii waliin walqabatee jijjiirama dhufee keessaa hojiiwwan humna namaatiin hojjetaman maashinoota adda addaa fayyadamuun bara itti jalqabamedha. Gama biroon, mormiifi fincilli diddaa daldala garbaa akka sirni daldala garbaa dhaabbatu taasisee jira. Warri Awurooppaa, ardii Afrikaa maddaa daldala garbaa turte madda albuudaafi meeshaalee dheedhii akka taatuuf fedhii ol’aanaa horatan. Akkasumas, Ardiin Afrikaa wiirtuu gabaa meeshaalee warshaa Awurooppaa akka taatu waan barbaadameef sochiin faallaa daldala garbaa dagaaguu danda’e. Biyyi Ingilizii yaada-rimee daldala garbaa, daldala Seera Qabeessa ta’een bakka buusuu jedhu qabattee mormii daldala garbaa jalqabsiiste. Haata’u malee, tooftaa ummataafi qabeenya Afrikaa, Afrikaa keessatti (Exploitation of Africa on the spot) koloneeffachuun bu’aa barbaadamu argachuu akka danda’amu kan karoorfatedha. Daldalli gar ba a miidhaa ummata Afrikaa irraan gahee keessaa isaan gurguddoo kanneen armaan gaditti tarreefamanidha. • Baay’inni ummata Afrikaa gar-malee akka xiqqaatu godheera, • Ummata Afrikaa gulantaa umrii omishittummaa irratti argaman garbummaatti gurguruun hiyyuummaan akka dagaagu taasiseera • Daa’immaniifi manguddoonni gargaarsa malee akka hafan godheera • Jeequmsaafi waraanni walii waliinii babal’ateera • Loogummaafi waljibbiinsi babal’achuun eenyummaa sanyiin walqabatu dagaaguun rakkoolee daldala garbaa irra maddanidha. Akka waliigalaatti, daldallii garbaa ummata Afrikaa irra gama siyaas-dinagdee, hawaasummaafi xiin-sammuun miidhaa cimaa irraan gaheera. Rakkoolee hiyyummaafi waldhabdee ummanni Afrikaa har’a keessummeessaa jiru bu’uurri isaa daldala garbaati. Akkasumas, eenyummaafi ofitti amanamummaa ummata Afirkaa sadarkaa ol’aanaan hir’iseera. Ummata Afrikaa hiyyummaafi boodatti hafummaaf saaxileera. Hariiroo ummattoota Afrikaa gidduu ture booreessuun waljibbiinsi akka dagaagu taasiseera. Sababa kana irraa kan ka’e ardiin Afrikaa ardii jeequmsaafi waraana walii waliiniin mirga dhala namaa hanga har’attii sarbaa jirt

Daldala garbaa Afrikaa keessaa bahee, 1500–1900