Bakar Waaree

Wikipedia irraa
Gara kallatti ce'i Gara barbaadutti ce'i

Bakar Waaree kan dhalate Aanaa Jaarsoo bakka amma aannaa Jarsoo aradaa burqaa miixe (Laga Mixee) jedhamutti. Bakar Waaree gumii bultumaa kan Raabaa fi Doorii Baarentummaa kan Addeellee maadheftattee Fugug bulchu keessatti qondaala guddaa Birmajii yeroo sanaa ture. Keessattuu dhaddacha mooraa Fugug kan teessuma man-bultii gorguddoo kudha lamaan Alaa: Nuunnu, Meettaa, Diiramu, Goollo, Buubbu, Abbay, Galaan Abbaadho, Ere, Kaako, Arroojjii, Gutayyu keessatti haala sochii siyaasaa fi hawaasummaa irrattii adda durummaadhaan murtii fi hoggansa kennaa ture.[1]

Bakara Waaree, seenaa qabsoo Oromoo keessatti waan hedduun yaadatama. Keessayyuu, Oromootni Oromiyaa Bahaa keessa jiraatan ijoolleen Qalloo afran (Afran Qalloo) jachuuniis Daga, Oborraa, Baabbile, Ala fi ijoollen Anniyaa Sadachaa fi Kodheellee waraana weerartoota nafxanyaa ofirraa ittiisuuf godhamu irratti hogganaan waraana Oromoo (murtii guutoo) eenyu akka tahuu eega marii godhatan booda abbaan duula kan isaan hogganu akka Bakar Waaree ta'u filatan.

Mariin kun kan taasifame eega ergaan miila qallaa Abbaa Gadaa yeroo sanii Wadaay Galmoo Kormoosoorraa mooraa Fugugitti isaan ga'ee booda ture. Fillannoo kanarrattis sooreeyyiin beekkamoon gosoota bakka bu’an kan argaman yoo ta'u isaaniis Anniiyyarraa Hargaaya, Afran Qalloorra Wedaay Galmoo Kormoosoo, Orfoo, Katabee Wadaay Dugaa fi Mareenyi yoo ta'u kana keessahiis Hargaayaa fi Wadaay Galmoo Amiir Abdulaahii waliin ta'anii haala walii gala waraana kanaa akka hogganan gaafatan. Ta'us Amiir tole hinjenne. Sababniis yeroo sanatti Amiir abbaasaa kan deeggarsa Oromoo qabu mootummaa Ijiipti waliin angoorraa fonqolchee gara angooti dhufuunsaa yeroo xiqqoo waan ta'eef haala waliigala waraana sanii hogganuu hindandeenye.[1]

Lola Calii Calanqooirratti gaggeeffame irratti, gootichi hogganaa waraana oromoo Bakar Waaree gootummaa isaarraa kan ka’e miilasaa kan irraa cite osoo ifin dhagahin hanga lolli goolabamuuf gahutti kan ture ta'uu isaatu himama. Miilli isaa eessatti fi akkamiitti akka irraa cite wanni beekkamu waan hinjirreef achi buuteensaa hinbeekkamu. Warri Harargeetiis akka maakmaaksaatti jecha kana itti fayyadamuun waan tasa badee hinargamne takka “Achi buutee miila Bakar Waaree” jadhanii himu.

Yaadannoo gooticha kanaatiifiis siidaan yaadannoo fardasaa waliin siidaa yaadannoo wareegamtoota Calanqoo kan dhiheenya kana eebbifame keessatti ijaarameefii jira. Gama kaaniin tulluun fuul dura iddoo siidaan itti ijaarame gamatti argamtu durumarraa Tulluu Bakar Waaree jadhamuun beekkamti. Waraanni Murtii Guutoo kan isaan hogganamuutu achirra qubatee ture jadhama.

Seenaa dhaloota bakar waaree Yoo katabamu haatisaa eenyu akka taate hin eeramne maalif?== Wabii == adaadan sato hin eerane maalifi

  1. 1.0 1.1 SEENAA BAKAR WAAREE, dhihootti kan baname: Adoolessa 28, 2016