Jump to content

Atomii

Wikipedia irraa
Atoomii/buxussuuddoo
የሂሊየም አተም</img>
buxusbuxussuuddoo heeliyeemii



hurrii gurraachi duumessa elektiroonii, fi

Qamni gurraacha sarara (10−10 m ykn 100 pm) bakka bu’u.

Hirmaannaa (Dividends) argachuu
Atoomiin/ buxussuuddoon ruqoo xiqqaa yuunitii keemikaalaa ti
Amaloota
Harkisa : . 1.66 x 10(−27) hanga 4.52 x 10(−25) kg ta’a
Chaarjii elektirikii : zeeroo
Pilaatoo fi Aristootilii

Atoomiin ykn buxusbuxussuuddoon, bu’uuraa wanti hundi irraa ijaarameedha. suddowwan ulfaatina fi guddina isaanii irratti hundaa’uun maqaa adda addaa qaban baay’eedha. Gosoonni atoomotaa adda addaa kun ruqoo keemikaalaa jedhamu . Fakkeenyaaf , warqeen gosa sibiilaa gatii guddaa qabu keessaa isa tokko.

Atoomonni(suuddowwan) ijaan hin mul’atan, baay’ee xiqqaadha, garuu guddinni isaanii inni qabatamaan cita-buxussuuddoorraa garaagarummaa qaba. Walumaagalatti atoomonni daayameetira naannoo meetira 0.1 hanga 0.5 qabaachuu danda’u.

Yeroo baay’ee atoomonni kophaa isaanii hin argamaan. irra caalaa, atoomiin tokko atoomii kan biraa wajjin walitti hidhamuun qaama molakiyuulii(kutaanga) jedhamu uuma. Fakkeenyaaf, atoomonni haayidiroojiinii lamaa fi oksijiinii tokko walitti makamuun molakiyuulii bishaanii uumu.

Atoomonni mataan isaanii ruqoolee xixiqqoo 3 irraa ijaaramaniiru. Isaanis Ruqoolee Cita-buxussuuddoo(sub-Atomic Particle) jehamuu cita-buxussuuddoo kan jedhaman elektiroonota, pirootonii fi niwutiroonii dha . Pirootonoonni fi niwutiroonni wiirtuu atoomii tokkoo keessatti yeroo walitti qabaman niwukilasii atoomichaa uumu. Elektiroononni ammoo niwukilasii kana bifa duumessaatiin marsu. Elektiroononni niwukilasii keessa naanna’us, humni elektiromaagneetikii akka isaan niwukilasii keessaa hin miliqneef bakka isaaniitti qabata.

Lakkoofsi pirootonoota, niwutiroonii fi elektiroonota atoomii tokko keessatti argaman hanga atoomii sanaa murteessa. Fakkeenyaaf, atoomiin tokko pirootoonii 1, niwutiroonii 0 fi elektiroonii 1 yoo qabaate haayidiroojiinii ta'a, pirootonii 16, niwutiroonii 16 fi elektiroonii 16 yoo qabaate garuu salfarii(Waalgaa) ta’a.

Atoomonni osoo walitti hin bu’in, addaan fagaatan gaazii ykn qilleensa ta’u . Faallaa kanaatiin bakka tokkotti qabamanii socho’uu yeroo danda’an wantoota jajjaboo ta’u.

Seenaa yaad-rimee atoomawaa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Yaadrimeen atoomawaa karaa falaasfota Giriikii duriitiin kan baay'ee irratti dubbatamaa ture dha. Falaasfootaa kanneen keessa namoonni akka Diimokraatasii, Liiyukipasii, Aristootilii fi Pilaatoo fa'a, dhimma yaadrimee atoomawaa irratti kan dhageetti guddaa qaban turan. Akka yaadrimee Liiyukipasitti, wantoonni yoo qaama xixiqqatti mummuramaa deeman, buxusbuxussuuddoo bu'uura kan gara wanta xiqqaa biraatti qoodamuu hin dandeenye bira ga'ama yaada jedhu, barataa isaa diimokratasii wajjiin tarkanfachiisa ture. buxusbuxussuuddoo bu'uuraa xiqqaa kanas Atoomii jechuun moggasan. Atoomii jechuunis kan adda hin hiramne jechuu dha. Bu'uuruma falaasfoota yaada atoomii deeggaraniinis yaadotni kanneen akka: Garaagarummaan amala qabiyyee wantootaa kan dhufan, garaagarummaa bifa fi guddina atoomotaatini jedhu babaldhachaa dhufe.Kana boddees falaasfonni kanneen akka Aristootilii fi Pilaatoo, yaadrimee atoomawaa kana mormuun, yoo wantoonni gara qaama xixiqqaatti qoodaman, dhuma malee kan hiramani dha yaada jedhu kaasaa turan. Falaasfonni Kunniin, Diimokratasii fi Liyuukippasiin caalaa dhageettii waan qabaniif, ilaalchi atoomawaa yeroo dheeraaf qabbanaa'aa dhufe.