Appaartaayidii

From Wikipedia
Jump to navigation Jump to search

Appaartaayidii (Afaan Afrikaa kibbaati, adda cokuu), maqaa waliigalaa kan siyaasa jibba dhala namaa bifa fi sanyii irratti hundaa’ee nama addaa qooduti. Siyaasni kun biyya rippabiliika Aafrikaa kibbaa keessatti adeemsifamaa kan ture yoo ta’u. Sirni kuni bara 1948 fi 1994 jidduutti biyyattiii keessatti gaggeeffamaa ture.

ApartheidSignEnglishAfrikaans.jpg

Siyaasa Appaartaayidii kanatti fayyadamuun dhiibbaa fii cunqursaa gaggeessaa kan turan worroota galtuu Awurooppaa irraa dhufan yoo ta’u, warrii biyyaa (gurraachota Aafrikaa) ammoo seera warri adii isaanitti baaseen cunqurfamanii kophaatti cokamanii jiiraataa turan. Seerota cunqursaa keessa kan akka mana bunaa, hoteela, mana barnootaa fii wirtuulee tajaajilaa kan hawaasa biyyattii keessa jiran warri adiif gurraachi akka walitti hin fayyadamne godhuu ture. Karaa biraatiin ammoo jiraattonni biyyattii dirqiin akka taaksii (tax) kaffalan godhaa turan.

Gara biraatiin ammoo, jecha Appaartaayidii kana sirna bulchiinsaa adda ta’e, kan siyaasa isaa ”rasisme”ykn jibba gosa biraa kan bifaa fi sanyii irratti hunda’een adeemsisuun waamna. Sirni akkana kuni yeroo baay’ee koloniin walitti hidhata qaba. Mootummotni Walii Galan MW(UN) yeroo jalqabaatiif jecha Appaartaayidii jedhu kan ifatti baasee fayyadame bara 1976 karaa International convantion against Apartheid (turjumaanaan na gargaaraa)yoo ta’u. Halaaf amala mootummoota cunqurfataa ibsuufi jechii Appaartaayidii ni fayyadama.

Appaartaayidii Afrikaa Kibbaa keessatti[edit | Lakkaddaa gulaali]

Kutaa bifaa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Mootummaan Appaartaayidii kuni bifarratti hundaa'ee dhala namaa sanyi afuritti qoode:

  1. Adii : Hedduun isaani warra afaan ingiliffaa fi buntu ka dubbatan warra Awurooppaa irraa dhufan,
  2. Gurraalee ykn buntu: warra biyyaa kaa baay'ina guddaa qaban,
  3. Eeshiyoota: warra Chaayinaa, Hindootaa fi Paakistaanota
  4. Halalamtoota(coloured): gosa garbaatiif warra saba khoisa irraa dhalatani.

Sanyummaan lammoota biyya sanii ifatti bahee waraqaa eenyummaafii pass irrattis barreeffamee mul'ata. Haala kanaan mirgaa fii dirqama akkamii namni tokko hawaasa keessatti akka qabu addaan fooyanii ibsu. Namoota waraqaa isaanii irratti chaappaan "Adii" jedhu rukutameef qofatu mirga dimokraasiifii abbaa qabeenyaa ta'uu qabaa ture. Worroonni bifaan adii hin ta'in kunniin boodarra lammuummaan isaanii kan Afrikaa Kibbaa jedhu irraa mulqamee gosa didiqqotti addaan qoodamanii waamamaa turan. Seerri gara garaas kan wolitti dhufeenna "sanyii" arfanii dhooggu tumamee dhiibbaa godhaa ture. Fakkeennaaf "the immorality-act of 1950" Kan walqunnamtii saalaa "sanyiiwan" afran jiddutti akka hin godhamne kan dhoogguu ragaa tokko.

Seenaa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Bulchiinsi Appaartaayidii kan Afrikaa Kibbaa kan mirkanaa'ee erga paartiin leellissan kan irra caalaa warra boer'n deeggaramu filannoo bare 1948 moo'atee aangotti dhufeen booda. Dhiibbaan fi jibbaan uummata adii hin ta'inii saniin duras haa jiraatu malee kaayyoon warra leellistootaa siyaasa, aadaa, fedhii fii worraaqsa qabeennaa kan warra Awurooppaatiin ala geggeeffamu hundaa hundeen buqqisanii balleessuu ture. Haala kanaan seerri gara garaa tumamee ummata adda qoodaa fi cunqursaa isaa hanga bara 1977 itti fufe. Bara 1977 fincila Suweetoo tiin walitti qabatee dammaqiinsi uummataas guddataa dhufe. Kanarraan kan ka'e Appaartaayidoonni diqqoo laafuu jalqaban. Hanga bara 1984titti warra adii malee paarmaalaa biyyattii keessa taa'uu, mana qabachuu, lafaratti abboomuu, filachuus ta'ee filatamuu fi mirga lammiin tokko qabu maraa argachuu hin dandeenne. Yeroo jalqabaatiif bara 1984 warri sanyii " Halaleeffamaa (coloured)" fi " Eeshiyaa(Hindi)" mirga didiqqoo kennuufii jalqaban.

Seerru nuuffisiisaan kuni hanga bara 1994 titti bulchiinsarra turee. Qabsoo dheeraafii jabaa qarqaarsa mootummoota addunyaatiin deeggarameen boodarra kufuu danda'e

Qabsoo Farra Appaartaayidii[edit | Lakkaddaa gulaali]

Wabii[edit | Lakkaddaa gulaali]

Commons-logo.svg
Wikimedia Commons has media related to: