Jump to content

Agargoo

Wikipedia irraa
Isaan kun gosoota shaqataadda addaa keessaa muraasa.

Agargoon ykn shaqatni (Afaan ingiliiziin:- Data) walitti qabama dhugaa (facts), ilaalcha (observations), safartuu (measurements), yookiin wantoota mataa isaanii qofaatti hiika gadi fageenyaa hin qabne kan kaayyoo adda addaatiif walitti qabame, kuufamee fi xiinxalamuuf qophaa'edha. Walitti qabama qubeewwan, jechoota, lakkoofsota, mallattoolee ykn fakkiiwwan (raw) mata duree murtaa’e tokkoon walqabataniidha. Kana jechuun Agargoon Wantoo (Matter) ykn yaada jalqabaa kan sirnaan hin qindaa'in ykn hin kurfeessamin agarsiisa.

Agargoon bifa adda addaa qabachuu danda'a. Kunis kan akka:

  • Lakkoofsa: Umurii, dheerina, ulfaatina, gatii, kkf.
  • Barreeffama: Maqaa, ibsa, yaada, kkf.
  • Fakkii: Suuraa, chaartii, gaaraafii (graph), kkf.
  • Sagalee: Sagalee namaa, muuziqaa, kkf.
  • Sursagalee (Video): Fiilmii gabaabaa ykn dheeraa.
  • Bakka bu’iinsa Lakqurxaawaa (Digital Representation) biroo: Koodii bifa dijiitaalaatiin kuufame.

Agargoon mataa isaa qofaatti, yoo sirnaan hin qindaa'in ykn hin xiinxalamin, hiika fi faayidaa guddaa hin qabu. Agargoon akkaataa idileetti, hiika fi faayidaa kan qabaatu yoo qindaa'ee fi caaseffameedha. Kunis murtee kennuuf, xiinxaluu fi hubannoo argachuuf gargaara.

Agargoo fi Odeeffannoo (Data and Information)

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Waa'een Agargoo fi Odeeffannoo yeroo baayyee walitti hidhamee dubbatama, garuu hiikni isaanii addadha.

  • Agargoo: Akkuma olitti ibsame, walitti qabama wantoota "raw" fi hin kurfeessaminidha.
  • Odeeffannoo: Garuu, Odeeffannoon bu'aa Agargoo erga qindaa'ee (organized), kurfeeffamee (processed) fi xiinxalamee booda argamudha. Odeeffannoon hiika kan qabu fi faayidaa adda ta'eef kan ooluudha.

Fakkeenyaaf, shaqata hojjetaa (maqaa - lakkoofsa hojii - ogummaa - suuraa) tartiiba malee yoo walitti qabaman, kun Agargoodha. Yoo Agargoo kana sirnaan qindeesinee ykn kurfeessinee (fkn: hojjetoota maqaa jalqabaa 'A'tiin eegalan tarreessuun, umrii giddugaleessaa hojjetootaa herreeguun, suuraa hojjetaa lakkoofsa hojii isaatiin walitti firoomsuun), bu'aan isaa Odeeffannoo ta'a.

Kanaaf, Agargoon bu'uura Odeeffannoo ti; Odeeffannoon immoo Agargoo kurfeeffamee fi hiika qabuudha. Adeemsa Mirkanbeekii fi teeknooloojii odeeffannoo keessatti, Agargoo funaannee gara Odeeffannootti jijjiirra, Odeeffannoo sana irraas hubannoo (knowledge) fi ogummaa (wisdom) horanna.

Ramaddii agargoo

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Agargoon haala adda addaatiin ramadamuu danda'a. Ramaddiin gurguddoon Mirkanbeekii fi xiinxala keessatti yeroo baayyee fayyadan lama kan armaan gadiiti:

  1. Agargoo Akkamtaa (Qualitative Data):
    • Ibsa: Akaakuu (quality), amala ykn gosa waan tokkoo ykn nama tokkoo ibsa. Odeeffannoo ibsituu (descriptive) dha. Gatii lakkoofsaa qabatee hin dhufu. Haala idileetti tartiibamuufi safaramuu (measure) hin danda'u.
    • Agargoon maqaa (Nominal Data) gosoota Agargoo Akkamtaa keessaa isa tokko yoo ta'u, kunis jijjiiramoota gatii lakkoofsaa osoo hin kennin maqaa itti moggaasuuf gargaara. Tartiibamuufi safaramuu hin danda'u. Fakkeenyaaf: halluun gogaa, halluun ijaa, uwwisni rifeensaa, saala (dhiira/dubartii), gosa bineeldotaa, kkf.
    • Hubachiisa: Agargoon Akkamtaa gosa biraa kan akka "Ordinal Data" kan tartiibamuu danda'u (fkn: sadarkaa qulqullinaa: gaarii, giddugaleessa, hammaa) of keessatti qabachuu danda'a. Garuu amalli isaa inni ijoon akaakuu ibsuu fi lakkoofsaan safaramuu dhabuu isaa ti.
  2. Agargoo Hangamtaa (Quantitative Data):
    • Ibsa: Odeeffannoo lakkoofsaa qabatee dhufu. Waa'ee baay'ina (quantity) yookiin safartuu (measurement) ibsa. Lakkoofsota waan tokko adda baasuu, tartiibuu, safaruu fi herreeguu danda'an of keessatti qabata.
    • Fakkeenya: Dheerina nama tokkoo (fkn: meetira 1.70), ulfaatina nama tokkoo (fkn: kiilograama 75), umrii (fkn: waggaa 30), lakkoofsa barattoota daree tokko keessa jiran (fkn: 45), gatii meeshaa tokkoo (fkn: qarshii 1000), ho'a qilleensaa (fkn: seentigireedii 25), kkf.
    • Hubachiisa: Agargoon Hangamtaa gosoota xixiqqoo lama qabachuu danda'a: Agargoo Addaan Citii (Discrete Data) kan lakkoofsa guutuu qofa ta'uu danda'u (fkn: lakkoofsa mana jireenyaa) fi Agargoo Itti Fufee (Continuous Data) kan gatii kamiyyuu safaramuu danda'u (fkn: dheerina ykn ulfaatina).

Gahee Agargoo/Shaqatni Mirkanbeekii fi Xiinxala Keessatti

Agargoon bu'uura adeemsa Mirkanbeekii, xiinxala ragaa fi murtee kennuuti. Saayintistoonni fi xiinxaltoonni ragaa:

  • Jalqaba Agargoo/Shaqatni funaanuun addunyaa uumamaa ykn hawaasummaa ilaaluu fi safaruu.
  • Agargoo funaaname kana xiinxaluun (analyzing) ykn kurfeessuun gara Odeeffannootti jijjiiruu.
  • Odeeffannoo irraa argame bu'uureffachuun yaada tilmaamaa (hypothesis) kaasuu.
  • Yaada tilmaamaa kana mirkaneessuuf ykn dogoggora ta'uu isaa argachuuf yaalii gaggeessuun Agargoo haarawaa funaanuu.
  • Agargoo yaalii irraa argame xiinxaluun xumura (conclusion) irra gahuu fi Yaadiddama Mirkanbeekii ykn Seera Mirkanbeekii ijaaruu.

Kana malees, Agargoon Mirkanbeekii hojii irra oolmaa (Applied Science) fi Maandisummaa (Engineering), akkasumas dameewwan xixiqqoo Mirkanbeekii Idilee kan akka xinannoo (Statistics) keessatti murteessaa dha. Rakkoolee addunyaa furuuf, dizaayinii gochuuf, sirna to'achuuf fi murtee sirrii kennuuf Agargoon funaanamee xiinxalamuun barbaachisaadha. xinannoo (Statistics) fayyadamuun Agargoo Hangamtaa fi Akkamtaa xiinxaluun, bu'aa qorannoo fayyaa, amala diinagdee ykn hawaasummaa hubachuun ni danda'ama. xinannoo (Statics) immoo Agargoo kan Wantoota tasgabbaa'aa irraa funaaname fayyadamuun caasaa ijaarsa tokkoo irratti humnoonni akkamiin hojjetan xiinxaluuf fayyada.

Xiinjecha fi moggaasa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Jechii Afaan oromoo Agargoo jedhuu walitti dhufeecha jecoota lamaati innis agar= argarsiisa, goo= dhugaa

jechi argargoo jedhuu jecha ingilizii "Data" kan jecha laatinii datum jedhurra kan dhufee yoo ta'uu hiikni isaa "kennuu" dha.

Walumaagalatti, Agargoon ykn Shaqatni dhugaa, ilaalcha ykn safartuu jalqabaa kan adeemsa Mirkanbeekii fi qorannoo adda addaa keessatti funaanamudha. Bifa adda addaa kan akka lakkoofsaa, barreeffamaa, fakkii fi kanneen biroo qabachuu danda'a. Agargoon mataa isaa qofaatti hiika gadi fageenyaa hin qabu garuu yoo qindaa'ee fi kurfeeffamee gara Odeeffannootti jijjiirame, murtee kennuuf, xiinxaluuf fi hubannoo argachuuf baay'ee faayida qabeessa ta'a. Ramaddiin isaa gurguddoon lama Agargoo Akkamtaa (kan akaakuu ibsu) fi Agargoo Hangamtaa (kan baay'ina/lakkoofsa ibsu) dha. Agargoon bu'uura qorannoo hundaa ti; dhugaa jiru irratti hundaa'uun beekumsa haarawaa argachuuf gahee hin dagatamne qaba. Hubannoon waa'ee Agargoo, maalummaa isaa fi akkamitti akka ramadamu beekuun, Mirkanbeekii fi dameewwan isaa adda addaa gadi fageenyaan hubachuuf furtuudha.