Abdiisaa Aagaa

From Wikipedia
Jump to: navigation, search

Koloneel Abdiisaa Aagaa (1919 - 1977) Oromiyaa, Wallagga kessatti dhalate. Abdiisan waraana Itoophiyaan Xaaliyaanii waliin geggessiteraati gootummaa guddaa agarsiisen ummata biratti beekkama.

Seenaa Isaa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Ijoollummaa fi Waraana Galuu[edit | Lakkaddaa gulaali]

Koloneel Abdiisaa Aagaa Oromiyaa Dhihaa,Wallagga

,Najjotti bara1919 kessatti dhalate. Bara 1925tti mana barumsaa Abbaa Gabra-Maaram seenee afaan Amaariffaa dubbachuu, dubbisuu fi barreessuu barate. Bara 1927, mana barumsa misiyoonii Najjoo seenee Afaan Ingiliffaa barate. [1]

Yeroo umuriinsaa 12, Abbaan Abdiisaa obboleessa isaa ajjeessee mana hidhaa gale. Abdiisan kana ol iyyatee abbaasaa gadi lakkisiisuf gara Finfinnee yoo deemeyyuu, abbaansaa dhumaratti murtii du'aatin ajjeefame. Kanaan gaddee fi aaree, Abdiisan umurii 14tti Waraana Itoophiyaatti dabalame. Bara 1932, Akkaadaamii Waraanaa Hoolotaa seenee waraana barachuun ajaja-kudhanii ta'uun eebbifame. Yeroo waraanni Xaaliyaanii Itoophiyaa qabatu Abdiisanis waraana kanarrati loltuu ta'ee hirmaatee ture. Hiryootasaa wajjini diina Wallagga qabate buqqisuuf gara Wallaggaa deeme. Boodarras hiriyootasaa du'arraa hafan 30 wajjin booji'amee jalqaba Jimmatti hidhame. Hiriyootasaa wajjin ji'a tokko booda Jimmarraa gara Finfinneetti dabarfamanii ji'a lama hidhman. Ji'a lama boodas mana hidhaatii gadi lakkifaman. Bara 1936, Giraaziyaanitti boombin darbatamee waan madaayef, Abdiisaan namoota 42 wajjin qabamee karaa Mitsiwwaatin gara Moqaadishoo geeffamuun achitti hidhaman. Namoota Abdiisaa wajjin Hoolotatti baratan keessa nama 18 erga ajjeesanii booda, namoota 30 hafan Xaaliyaanii geessanii mana hidhaa kuusaa odola Sisilii keessatti aragamutti hidhame. Achitti Kapiteen Juuliyoo, goota Yugozilaavin wal bare.[1]

Mana hidhaattis Abdiisaa fi Kapiteen Juuliyoon michuu ta'an. Waliinis mana hidhaa keessaa badanii miliqan; isaan wajjin hidhamtoota 10 ol ta'an fudhatanii bahanii bosonalatti galan. Guyyaa muraasa booda mana hidhaa sanatti geggeessummaa Abdiisatiin alkan deebi'an; Abdiisaa Xaaliyaanonni hedduu soodaatu turan. Abdiisan eegdota mana hidhaa sanaa hudhee ajjeese. Itti aansun Juuliyoo wajjin uffata eegdota mana hidhaa sanaa fudhatanii uffatan. Meeshaa waraana eegdota sanaas qabataii eegduu mana hidhaa sanaa fakkaachun karrarraa dhaabbachuu jalqaban. Abdiisaa fi Juuliyoon buufata sana keessa seenun hidhamtoota hunda gadi lakiisan, qondaaltota Xaaliyaanii buuftana sana keessa jiraniin wal waraananii meeshaa isaanii fi rasaasa saamanii, konkoolattota meeshaa waraanaa fe'an booji'anii gara bosonaatti deebi'an.

Abdiisaanfaa haaluma kanaan loluun hidhamtoota baasuu, baankii, mana kuusaa mootummaa fi buufata kuusaa saamuu itti fufan. Kanaanis lakkoofsi garee isaa guddatee waraana ta'e. Mootummaan Faashistii Xaaliyaanis waraana isaanirratti bane. Gareen kunis Abdiisaa geggeessa isaa godhachun filatee sadarkaa meejerii isaaf keenne. Xaaliyaanonniis Abdiisaa baayyee sodaatu turan. Sodaa kantti fayyadamuun saamtonni Xaaliyaanii fuula isaanii gurraacha dibanii Abdiisaa fakkaachun baankii fi manneen namaa saamu jalqaban. Abdiisaanis jarreen hojii hamaa kanaan maqaa isaa xureessan kana qabee ajjeessa ture. Mootummaan Xaaliyaanii Abdiisaa qabuuf yaalii guddaa gochaa ture garu hin dandeenye. Kun ta'u didnaan, Abdiisaa aangoo guddaa sii kennina jechuun garee isaanitti akka dabalmu gochuuf yaalan. Abdiisan garuu kana hin fudhanne.

Boodarra Waraannii Addunyaa Lammaffaan jalqabame. Humni Allaayidii Biriiten, USA, Firaansi, fi Raashiyaan meejer Abdiisaa, kaapiteen Juuliyoo fi garee isaanitiif beekkamti kennuun meeshaa waraanaa fi gargaarsa kan biraa dhiyeessufii jalqaban. Meejer Abdiisan waraana paartisaanotaa kan addunyaa kan Ameerikaanota, Faransaayota, Ingilishoota, fi Itoophiyaanota of keessaa qabu akka geeggeessuuf filatame. Kaapiteen Juuliyoon ammoo paartisaanota Yugosilaav akka geggeessuuf filatame. Haala kanaa paartisaanonni, duraan baayyen isaanii hidhamtoota kan turan, Xaaliyaanii dadhabsiisun kufaatii isaanitiif karaa banan. Meejer Abdiisan goota waraana Addunyaa lammaffaarratti magaalaa Room booji'edha. Warri Biriitenis Abdiisaa ajajaa Pooilisii Waraan Biriitish godhanii yoo filatan Jarmaanii akka waraanufis gar Jarmaniitti ergan. Achittis Naazii Jarmaniidhan magaalaa adda addaa keessatti loluun isaan mo'era. Dhumarrattis Barliin alaabaa Biriitishii fi Itoophiyaa fannifachuun seene gootummaa isaa addunyaatti agarsiiseera.

Biyyatti Deebi'uu[edit | Lakkaddaa gulaali]

Dhuma waraana addunyaa lammaffaarratti, warri Biriitish, Kanaadaa fi Ameerikaa, aangoo guddaa akka isaaf kennan itti himuun akka loltuu isaanitti dabalamu gaafatan. Abdiisaan garuu gara biyyaa isaatti deebi'uu akka barbaadu itti imuun dide. Deebin warra Allaayidii waan arseef, yeroo Xaaliyaanin lolaa turetti biyya barbadeessite jechuun himannaa irratti banan. Warri Firaansi, Biriitishi, Ameerikaa fi amma tokko Raashiyaa, haala kanaan isa balaaleffatanii himannaa irratti banan. Akka carraa ta'ee, jeneraalli Biriitish kan duraan badhaasa Abdiisaaf kennee beeku tokko akka Abdiisan gadi lakkifamuuf tattaafachuun hidhaa isa gara adabbii qarshiitti jijjiirsise. Qarshii kanas Abdiisaa fi mootummaa Biriitishtu kaffaale, Abdiisanis gadi lakkifame.

Gootichi Abdiisaa Aagaa dhumarratti gar biyyaatti deebi'e. Hayila Sillaasenis Abdiisa erga simatee booda gara Abbabaa Aragaayitti, Ministeera Ittisaa kan ture, ergee akka inni qacaramuuf ajaje. Abbabaa Aragaay fi gootonnii kan biroo baayyeen gootummaa Abdiisaa waan beekaniif aangoo nurraa fudhata jedhanii isa sodaatan. Kanarraa kan ka'e, Abdiisaa gara jeneraalaatti ol guddisuurra, Abbabaa Aragaay Abdiisaa gara Akkaadaamii Waraanaa Hoolotaatti akka waraana baratuuf erge. Erga ji'oota hedduu baratee booda akka liyuutenaantiitti eebbifame; kunis qondaaltota waraanaa kan Biriiten kan duraan Abdiisan Yuurooppitti ajajaa isaani ture baayyee naasie. Abdiisaan waraa Itoophiyaa keessatti baayyee hacuuccame. Waraan Itoophiyaa fi Somaaliyaa irratti akka loluuf, Abdiisaan gara Ogaadenitti ergame. Achirratti gootumma fi ogummaa waraanaa guddaa yoo agarsiisus, sadarkaan isaa waggaa dheeradhaaf kaapiteen bira ol hin dabarre ture. Boodaraa erga kaapiteen Juuliyoo fi Maarshaal Tiitoo dhimma kana H/silaasetti beeksisaanii booda, Abdiisaan gara sadarkaa koloneelitti ol guddate; eegduu mootis ta'e. Koloneel Abdiisaa Aagaa, warraaqsaa Itoophiyaa kan bara 1974 booddee waggaa muraasan booda bara 1977 boqote.

Yaadannoo Abdisaatif, manni barumsa sadarkaa lammaffaa Najjotti argamuu maqaa isaatti moggaafamuun, Mana Barumsa Abdiisaa Aagaa jedhama.

Wabii[edit | Lakkaddaa gulaali]

  1. 1.0 1.1 Muhammad Sayid, Seenaa fi Qabsoo Oromootaa, maxxansaa 3ffaa, 2015