Yandii

Wikipedia irraa

Yandiin akka iryandii utuu hin taane yandiin baqqaana ujummoo dhiigaa, dhuyyaa fi seelota narviin badhaadhaa ta’ee dha. Furdinni isaa bakkaa bakkatti walcaala. Fakkeenyaaf, baru’uu harkaa fi keessa faana miilaatti yabbuu yammuu ta’u, baal’ee ijaa fi qaamolee saalaa dhiiraa irratti haphii dha. yandiin gosoota seelota gummee qabsiistuu keessatti argaman hunda of keessaa qaba jechuun ni danda’ama. lubbiyyooleen akka faayibiroobilaastii, maakiroofeejii, lubbiyyooleen mastii (‘Immune Mast cells’) fi lubbiyyooleen dhiigaa adii kunneen baqqaana kana keessatti argaman keessaa ijoo dha. Lubgoon(follicle) rifeensaa, xannachootni zayitaa fi dafqaa illee jalqabatti ka’umsi isaanii gummee iryandii irraa haa ta’u malee, yandii keessatti gadi seenanii argamu. yandiin pirootiinota kollaajiinii fi illaastiinii of keessaa qaba. Lameenuu seelii faayibiroobilaastii keessatti qophaa’u. Kollajiiniin yandii keessatti heddumminaan kan argamu ta’ee gogaaf jabina kan kennuu dha. Illaastiiniin gogaaf amala pilaastikummaa waan kennuuf gogaan dhiibbaa irra gahu damdamatee boci isaa bakkatti deebi’uu akka danda’u taasisa. yandiin naqa (gamis-baqqaanota) lamatti qoodama. Isaanis

  1. Naqa birtaawaa (‘Papillary layer’): naqa qal’aa jala ippiidarmisiitti aanee argamuu dha. Irri isaa gara ippiidarmisiitti ol dadacha’aa caasaalee alatti muxxatanii ba’an kanneen birtee yandii (‘dermal papillae’) jedhaman uuma. Arkarruu qubaa (‘fingerprint’) kanneen keessaa tokko. Sirbidduuwwan (fuutuu miiraa) tuqaatii (‘Meissner’s corpuscles’), dhiibbaa (‘Pacinnian corpuscles’), dhukkubbii, ho’aa fi qabbanaa naqa gogaa kana keessatti argamu. Ujummoowwan dhiigaa naqa kana keessatti heddumminaan waan argamaniif to’annaa tempireechara qaamaa keessatti qooda guddaa qabu.
  2. Naqa Xaxeeta (‘Reticular layer’): Qabiyyeen yandii inni ol’aanaan (80%) naqa kanaan aguugama. Gamis-baqqaanni kun ribuu kollaajiinii adii wal keessa galuun walxaxee jiru of keessaa qaba. Gogaan duugamee akka uffataatti faayidaaf oolu jabina kan argatu sababa qabiyyee kanaaf. Caasaan kun kollaajinii heddumminaan haa qabaatu malee illaastiiniis of keessaa qaba.