Waldaa Qorannoo Oromoo

Wikipedia irraa
Barreeffamni kun sirreeffamuu fi gulaalamuu qaba.

Waldaan Qorannoo Oromoo (WQO) dhaabbata qorannoo bu'aaf hin dhaabbanne yoo ta'u hayyoota Oromoo fi miti-Oromoo ta'aniin Oromoorrattii fi waan Oromoo wajiin wal-qabaturratti qorannoo geggessuuf kan dhaabbate dha. WQO dhaabbata barnootaa kan sadarkaa addunyaa (international academic organization) qorannoo fi galmeessuu seenaa fi aadaa Oromoo irratti xiyyeeffatee kan hojjatudha. Dhaabbanni kun kan hundeeffame hayyoota beekkumsi ummata Oromoorratti jiru xiqqaachuun ykn dhabamuun isaa isaan yaaddesseeni.

Dhaabbachuu Isaa[gulaali | lakkaddaa gulaali]

WQO akka dhaabaatti of danda'ee kan dhaabbate bara 1990ti. Bara kana bu'ureffamuu dhaaba kanaatif piroppoozaalin dhiyaatee kora wagga kan Tokkummaa Oromootaa Kaaba Ameerikaa (Union of Oromos in North America - UONA) irraatti mari'atame. Bara 1991tti, dhaabni kun Dr Ismaa'el Abdallaa dura bu'aasaa jalqabaa gochuun file. Dr Ismaa'el dhaaba kana hanga 1992tti kan tajaajilan yoo ta'u dhaabni kun TOKA(UONA) jalaa ba'ee dhaaba of danda'e akka ta'u gochuu keessatti ga'ee guddaa tabatan.

WQO bara 1990 of haa danda'u malee, qorannoon Oromoo kora waggaa kan Tokkummaa Oromootaa Kaaba Ameerikaa (UONA) irratti sana duralee dhiyaachaa ture. Qorannoon jalqaba waa'ee Oromoorratti sadarakaa idila addunyaarratti dhiyaate kan jalqabaa bara 1984 Dhaabbata Qorannoo Aafrikaa (African Studies Association - ASA) konfaransii wagga irratti ture; kunis magaalaa Loos Aanjelesitti godhame. Milkaa'ina konfaransii kanarratti argameen jajjabaachuun, bara 1985 kora waggaa TOKA (UONA) irratti qorannoon adda addaa waa'ee Oromoo irratti yeroo jalqabaaf dhiyaate. Haaluma kaanaan waggaa waggaadhaan hanga bara 1990tti itti fufe.

Kaayyoo Dhaaba Kanaa[gulaali | lakkaddaa gulaali]

WQO kayyoowwan armaan gadii qaba:

  • Qorannoo seenaa, diinagdee, aadaa, fayyaa, barumsa, siyaasa, seera, fi nageenyaa hawaasa Oromoo irratti godhamuu jajjabeessuu fi qindeessuu
  • Hayyoonni waa'ee Oromoo qoratan ballisanii yaaduu (critical thinking) fi jireenya hayyummaa guutuu ta'e akka qabaatan gargaaruu
  • Waltajjii hayyoonni Oromoo irratti waliin hojjatanii fi wal gargaaran uumuu
  • Hayyoonni Oromoo hin ta'in kan waa'ee Oromoo qorataniif haala mijeessuu fi qorannoo Oromoorratti godhan jajjabeessu
  • Qabeenyaa fi maallaqa qorannoo Oromoof barbaachisu addan baasuu fi namootarraa walitii qabuun qorannoo Oromoof akka oolu gochuu

Wabii[gulaali | lakkaddaa gulaali]