User:Ahrada

Wikipedia irraa
Gara kallatti ce'i Gara barbaadutti ce'i

[1]Sanbat-duraa Waxbajjii 20-1942 Guyyoota muraasa darban keessatti waan tokko iyyuu siif hin barreessine. Sababni isaas Diyaarii kiyyaa isa gara fuulduraa yaaduu waanan barbaadeefi. Dhugaa dubbachuuf taanaan akka tiyya kan jirtu haadha Diyaarii yeroo taatu garuu waan nama ajaa'ibuu dha. Kana dura Diyaarii barreessee kanan hin beekne ta'uu koo qofa osoo hin ta'iin, Anis ta'ee namni biraa eenyu illee mucaan durbaa ganna kudha sadii kan garaa ishee keessaa yoo barreessite kan dantaa itti Kennu jira natti hin fakkaatu. Ana maaltu na dhibe? Mi'aahes bushaayes barreessuu nan barbaada. Kanaafuu nan barreessa. Waan hundumaa caalaa kanin barbaadu onnee xiqqoo kana walakka kan jiru baasee afuu dha. Jechamni tokko jira. "Waraqaan nama caalaa obsa qaba" kan jedhu darbee darbee qaxab na jedhee guyyaa keessa natti dhufa. Miira humnaa ol namatti toltu keessa seeneen ture. Maddii kiyya lamaan barruu harka koo keessa galcheen taa'aa ture. Akkasumatti Mana kana keessa turumoo gadi bahee of taggabbeessu kan jedhu illee dhiphinaan hangan murteessuu dadhabuttin ture. Dhuguma waraqaan obsa qabeessa ta'uu isaa shakkii hin qabu. Kana irratti maqaa kabajaa Diyaarii jedhu kan gonfatte, jabaataa fi qola bareedaa kan maxxanfatte, akkasuma icciitii tiyya kan taate, eenyuttuu kanan ishii hin argiseefne, Uumamni kamuu kan isee hin argine,waan garaa kiyyaas isheetti dubbachuu kanin danda'u. Dhiiras haa ta'u uwwaa. Xiqqaa haa ta'uu guddaa, hangan hiriyaa dhugaa argadhutti Diyaarii tiyya kana akkan namatti hin argisiifne ofiif waadaa seeneera. Amma yaadannoo barreessuuf waan na kakaasetti yeroon darbu, kana kanan jedhu michuu dhugaa waanin dhabeefi. Haala isaa sirriitti ifa gochuun waan narra jiraatu natti fakkaata. Sababni isaas mucaan durbaa tokko addunyaa namni akka goondaa keessaa misu keessa osoo jiraattuu kophummaan na liqimse osoo jettee, eenyuyyuu ishee hin amanu. Dhugaa dubbachuuf taanaan haalli isaa akkana hin jiru. Maatii baay'ee gaarii ta'anii fi Obboleetti malaaka taaten qaba. Umurii ishii ganna kudha jaha kan taate. Safartuu aadeffatameen yeroo safaraman michoota kan jedhaman namoota soddomaa Olin beeka. Kellaa Mana baruumsaa keenyaa keessatti haa ta'uu Daree keessatti garan deemutti kan na ilaalanii hin quufne hiriyoota baayyeen qaba. Adaadaa fi wasiilota, eessumoota dabalatee firoota gaggaariin qaba. Manni maatiin kiyyaa keessa jiraannu kun kanatu itti hir'ate kan jedhaniin kan hin qabneedha. Qofa walumaa galatti waan tokkoyyuu kan natti hir'ate jira natti hin fakkaatu. Garuu kun hunduu qofummaan akka natti hin dhagahamne gochuu hin dandeenye. Fakkeenyaaf hiriyoota koo osoo fudhannee Kolfa, tapha, wal'aansoo fi kkf'n dha. Dhume. Kanuma. Kan kana irraa hafe cophni tokko kan bu'u hin jiru. Fuula guyyuun barame irra darbee oduun mata duree haaraa tokko iyyuu hin jiru. Kana rakkoon koo Inni hangafni. Tarii rakkoon kun ana bira ta'uu danda'a. Garuu ana biras haa ta'uu isaan bira rakkichi jira. Waanti ani gochuu danda'us waan jiru natti hin fakkaatu. Egaa baay'ee keessaa Gabaabinaan fuula koo gara diyaarii kootti akkan naannessu kan na godhi kana dha. Kanaafuu diyaariin tiyya tun yeroo dheeraaf kanan hawwaa ture muchuu too qaalii ta'uu isheeti. Namoonni baay'een Diyaarii isaanii irratti akka barreessan hojii guyyaa guyyaa fi haalota irratti barreessaa jiraachuu hin barbaadu. Yaadannoon tiyya ofii ishii Hiriyaa kiyya, Gorsituu tiyya, Mukuu baastuu tiyya akka taatu dha kaayyoon koo. Egaa kana booda diyaarii tiyya "KIITII" jedhee moggaaseera. Jaalatamtuu Kiitii waliin ka'umsa Marii akka naaf ta'utti jireenya hanga ammaa kan ibsu barreeffama gabaabaan nan jalqaba. Abbaan koo umrii isaa ganna soddomii jaaffaatti Haadha too fuudhe. Yeroo sana ishiin umriin ishii ganna digdamii shan turte. Obboleettiin tiyya angafni, Maargoot Bara 1926 G.C Firaankiferti keessatti dhalatte. Waxabajjii 12 Bara 1929 immoo ani dhaladhe. Yihuudota ta'uu keenyanis haleellaa Naazii Jarmanootaa baqachuudhaan gara Hoolanditti galle. Ana irraan kan hafe maatiin kiyya marruu dhiibbaa Hitler itti cimsaa dhufeen dhiphinni isaanii itti caalaa dhufeera. Walumaagalatti le'iin maatii koo dhiphinaan guutamteetti. Bara 1938 guutummaatti yihuudota irratti saamicha qabeenyaa fi reebicha isaan irratti godhame duuba eessumoonni kiyya gara Ameerikaa deeman. Akkawoon teenna dulloomtuun immoo gara keenya dhufte. Yeroo sana umriin isee 73 ture. Bara 1940 baatii caamsaa booda haalonni hunduu inumaayyuu itti caalaa deeman. Jalqaba waraana. Sana booda mo'amuu Holandii fi jaarsummaa. Itti aansee Jarmanoonni Hoolandiin to'annoo jala oolchuu isaanii. Yeroo kana egaa kan yihuudotaa barbadaan waraanaa isaanii kan ol ka'ee mul'ate. Safaraa fi lakkoofsa kan hin qabne diinni yihuudotaa Mana barnootaa itti fufinsaan hordofuu kan jalqan. Yihudonni iddoo jiran hundumaatti salphaatti akka baramaniif urjii keelloo Daawwit/Daawud guddisanii akka uffata isaanii irratti maxxanfatan, Yihudoonni biskileettota isaanii galchuu qabu. Yihudootaaf Baaburas ta'ee Baasiin deemuun dhooggaa dha. Konkolaataa konkolaachisuus hin danda'an. Akkasumas Yihudoonni kan isaan bitanii gurguruu danda'anis guyyaa keessaa za'aa 9-11 qofaa dha. Kanas gochuu kan danda'an Suuqii mallattoon Yihudootaa irra jiru qofaa irratti. Yihuudonni galgala keessaa sa'aatii lama irratti guutummaatti manatti galuu qabu. Sa'aa lama darbinaan garuu daandii gubbaa irratti argamuu mitii mooraa Mana isaanii keessatti iyyuu argamuun irra hin jiraatu. Manni tiyaatiraa, Manni sinimaa, bakki bashannanaa gosa kamiiyyuu Yihudaa kamiifuu kan dhooggamee dha. Gosa ispoortii kamiyyuu kan woloos ta'ee kan dhuunfaa Yihuudotaaf dhowwaa dha. Yihudoonni kan barachuu danda'an mana baruumsaa isaanii eeyyemame qofaa keessatti. Kanaa fi kan kana fakkaatan qajeelfamoonni daangessoo ta'an unu Yihudoota irratti diriire. Dubbii waliigalaan qajeelfamoota daangessoo ta'an kan safaraaf lakkoofsa hin qabneen xaxamnee jirra. Kana gochuu hin dandeessan nuun jedhu. Sana gochuu hin dandeessan nuun jedhu. Akkasis ta'ee le'iin itti fufte. Waan hunda caalaa kan nu rakkise immoo waan tokkollee sodaa malee gochuu dadhabuu keenya dha. Sababni isaas waan dhooggame yoo ta'e hoo jennee dhiphanna. Gabaabumatti bilisummaa nagaan turi jenneerra. Kunis ta'ee haalonni humnaa ol nutti hin taane. Bara 1942 ji'a Amajjiitti akkawoon tiyya duute. Hangam sammuu koo keessaa ta'ee onnee koo keessaa naaf bahuu akka hin dandeenyee fi hangam akkam ishee jaalladhu eenyuyyuu yoomillee baruu hin danda'u. Qajeelfama haaraa diina yihudummaa Bara 1932 bahe irratti hundaa'uun mana baruumsaan itti barachaa ture gadi lakkisuun koo dirqama natti ta'e. Kanan ishee jaalladhuu fi kan na jaallattu barsiistuu tiyya aadde Kee duukaa osoo walitti boonyuu adda baane. Warri nu argan baay'ee gaddan. Booyicha keenya hirmaatan. Bara 1941 jalqaba irratti obboleettii too Maargoot waliin mana baruumsaa yihuudotaa sadarkaa lammaffaa galmoofne. Arfan keenya jechuun "Maargoot, Ana, Abbaa kiyyaa fi Haadha tiyya" kan ilaaleen baay'ee waantonni hammaatoon hin turre. Hanga ammaa kan ture kana fakkaata.

  1. https://m.facebook.com/pages/category/Community/AanaaFiraanki/posts/Anne Frank