Raashiyaa

From Wikipedia
(Redirected from Russia)
Jump to: navigation, search
Российская Федерация
Rossiyskaya Federatsiya
Federeeshinii Raashiyaa
Flag of Russia.svg Coat of Arms of the Russian Federation.svg
Russian Federation (orthographic projection).svg
Magaalaa Guddaa Mooskoo
Afaan Hojii Raashiyiffi afaan hojiiti
Mootummaa Rippabiliika Federaalawaa
kan Himaammataan bulu
Ballina 17 075 400 km²
Baayyina ummataa 143,300,000 (2012)
Tuuta'insa ummataa 8,3 /km²
Faaruu
Koodii lakkoofsa bilbilaa +3 - +12

Raashiyaan (Afaan Raashiyaatin: Россия), maqaa Raashiyaan Federeeshin jedhamun beekamti, biyya kaaba Yureeshiyaa kessatti argamtu. Raashiyaan sirna bulchiinsaa federaalawaatin kan ijaaramte yoo ta'u mootummaa pirezidaanttin hogganamuun bulti. Raashiyaan kutaawwan bulchiinsaa 83 of keessaa qabdi. Ballina lafaatin, Raashiyaan biyyaa guddaa yoo taatu, karaa kaaba-dhihaatii kaasee hanga kibba-bahaatti biyyoota akka Noorwey, Fiinlaandi, Istooniyaa, Laativiyaa, Lituheeniyaa fi Poolaandi, Beelaarus, Yuukireen, Ji'oorjiyaa, Azarbaajan, Kaazaakistaan, Chaayinaa, Mongooliyaa, fi Kooriyaa Kaabaatin daangeffamtee argamti. Galaanarraan ammoo Jaappaan wajjin karaa Galaana Okotisk, fi USA wajjin karaa bulchiinsa Alaaskaatin daangaa waliin qabdi. Biyyoota addunyaa keessaa, ballina lafaatin, Raashiyaan tokkoffaa yoo taatu, ballini ishiis iskuweer km 17,075, 400 (6,592,800 sq mi) ta'a. Kunis ballina lafaa (earth) kan namni irra jiraatu keessaa harka saddeet keessa harka tokko ta'a. Baayyina uummataatinis, bara 2012tti uummata miliyoona 143 qabaachudhaan, Raashiyaan addunyaarraa sadarkaa 9ffaa qabatte jirti. Ballina lafa Eeshiyaa gara kaabaa hunda dhuunfachuun, Raashiyaan lafaa fi qilleensa gosa adda addaa qabdu yoo ta'u taayim zoonii (time zone) 9 ballata. Raashiyaa addunyaarraa kuusaa albuuuda(mineral) fi humna (enregy resource) isa guddaa kan qabdu yoo ta'u oomisha boba'aa (oil) fi gaazii uummamaatin(natural gas) biyyaa olaantumaa qabdudha. Akkasumas bosona guddaa addunyaarraa qabachun ni beekkamti. Haroowwan Raashiyaa keessa jiran, bishaan sogidaawaa hin ta'in addunyaan qabdu keessaa harka afur keessaa harka tokko yoo ta'u Haroon Baayikaal qofti 20% qabata.

Seenaan Raashiyaa kan eegalu seenaa gosa Islaav Bahaa kan Yuurooppi Bahaa keessatti jaarraa 3ffaa fi 8ffaa giddutti mul'ate wajjin wal qabata. Mootummaan Ruus kan uummamte naannoo jaarra 9ffaa keessa dursaa waraanaa kan Varaanjiyaan fi sanyii isaatin. Bara 988 warri Ruus amantii Ortodoksii mootummaa Beezaantaayin irraa kan fudhatan yoo ta'u kunis aadaa warra Beezaantaayin fi kan Raashiyaa waltti akka makamu gochudhaan barkumee(millenium) dhuftuuf aadaan Raashiyaa ittiin beekkamtu akka uummamu godhe. Dhummarratti Ruus mootummaa xixiqqootti kan diigamte yoo ta'u lafti Ruus ballaan warra Mongoliin qabamee gabbaraa warra horsiisee bulaa Golden Horde ta'an. Boodarra suuta suutan Bulchaan Mooskoo inni Guddaan (Grand Duchy of Moscow) mootummoota xixiqqoo Raashiya naannoo tokko jiran walitti qabee Goolden Horde(Golden Horde) jalaa bilisa baase. Dhuma jaarraa 18ffaatti, biyyittiin karaa waraanatiin, karaa abuurutiinis baballattee Impaayera Raashiyaa ta'e, kunis seenaa keessatti Impaayera guddicha guddicha isa sadaffaa, kan Poolaandi Yuurooppii amma Alaaskaa Ameerikaatti ballatu ta'e.

Warraaqsa Raashiyaatti aansudhaan, Rippabiliika Federaalawaa Sooshaalistii Soovieyeeti Raashiyaa bulchiinsaa Tokkummaa Sooviyeet keessatti kutaa olaana kan qabdu taate. Tokkummaan Soovieyeet addunyaarra biyya Sooshaalistii hordoftu kan jalqaba fi biyyaa humna guddaa qabdu(superpower) yoo taatu Waraana Addunyaa II warri Allied Forces akka moo'atan gochuu keessatti ga'ee guddaa baate. Barri Sooviyeet jaarraa 20ffaa keessatti guddina teeknooloojii olaanaa kan fide yoo ta'u kana keessa tokko namni yeroo jalqabaaf lafa gadhiisee waaqati ol ba'uun (human space flight) tokko yoo ta'u kan biraa ammoo saatelaayitii waqarra ka'un. Federeeshiniin Raashiyaa diiggama Tokkummaa Sooviyeet kan bara 1991 booda bakka bu'utuu Sooviyeet taate.

Diinagdeen Raashiyaa addunyaarraa GDPn sadarkaa 9ffaarra yoo jiraatu, humna bituutin ammoo sadarkaa 6ffaa fi baasii humna waraanatiin sadrkaa 3ffaa qaba. Diinagdeen Raashiyaa addunyaarraa diinagdee baayyee saffisaan guddachaa jiran keessaa tokko. Biyyota addunyaarraa humna Niwukilerii ifatti qabaachun beekkaman shan keessaa Raashiyaan tokko wayita taatu kuusaa meeshaawwan jamaa balleessan (weapons of mass destruction) guddaas ni qabdi. Raashiyaan biyya humna guddaa qabdu yoo taatu miseensa dhaabbataa Kaawonsilii Nageenyaa Motummoota Gamtoomanii, miseensa garee G8, G20, Kaawonsilii Yuurooppi, Waliigaltee Diinagdee Eeshiyaa Paasifiik, Dhaabbata Walgargarsa Shaangaayi, Gamtaa Diinagdee Yureeshiyaa, Dhaabbata Nageenyaa fi Walgargaarsaa Yuurooppi, Dhaabbata Daladala Addunyaa, fi dura buutuu Tokkummaa Mootummoota Of danda'aniiti.

Warraaqsa Raashiyaatti aanudhaan, Rippabiliika Federaalawaa Sooshaalistii Soovieyeeti Raashiyaa bulchiinsaa Tokkummaa Sooviyeet keessatti kutaa olaana kan qabdu taate. Tokkummaan Soovieyeet addunyaarra biyya Sooshaalistii hordoftu kan jalqaba fi biyyaa humna guddaa qabdu(superpower) yoo taatu Waraana Addunyaa II warri Allied Forces akka moo'atan gochuu keessatti ga'ee guddaa baate. Barri Sooviyeet jaarraa 20ffaa keessatti guddina teeknooloojii olaanaa kan fide yoo ta'u kana keessa tokko namni yeroo jalqabaaf lafa gadhiisee waaqati ol ba'uun (human space flight) tokko yoo ta'u kan biraa ammoo saatelaayitii waqarra ka'un. Federeeshiniin Raashiyaa diiggama Tokkummaa Sooviyeet kan bara 1991 booda bakka bu'utuu Sooviyeet taate.

Diinagdeen Raashiyaa addunyaarraa GDPn sadarkaa 9ffaarra yoo jiraatu, humna bituutin ammoo sadarkaa 6ffaa fi baasii humna waraanatiin sadrkaa 3ffaa qaba. Diinagdeen Raashiyaa addunyaarraa diinagdee baayyee saffisaan guddachaa jiran keessaa tokko. Biyyota addunyaarraa humna Niwukilerii ifatti qabaachun beekkaman shan keessaa Raashiyaan tokko wayita taatu kuusaa meeshaawwan jamaa balleessan (weapons of mass destruction) guddaas ni qabdi. Raashiyaan biyya humna guddaa qabdu yoo taatu miseensa dhaabbataa Kaawonsilii Nageenyaa Motummoota Gamtoomanii, miseensa garee G8, G20, Kaawonsilii Yuurooppi, Waliigaltee Diinagdee Eeshiyaa Paasifiik, Dhaabbata Walgargarsa Shaangaayi, Gamtaa Diinagdee Yureeshiyaa, Dhaabbata Nageenyaa fi Walgargaarsaa Yuurooppi, Dhaabbata Daladala Addunyaa, fi dura buutuu Tokkummaa Mootummoota Of danda'aniiti.


Yuurooppi
Aayerlaandi | Aayislaandi | Albeeniyaa | Andooraa | Armeeniyaa | Beelaarus | Beeljiyeem | Boosniyaa fi Herzegoviinaa | Bulgeeriyaa | Cheekiyaa | Deenmaark | Fiinlaandi | Firaansi | Giriik | Hangaarii | Islovaakiyaa | Isloveeniyaa | Ispeen | Istooniyaa | Iswiidin | Jarmanii | Ji'oorjiyaa | Kirooshiyaa | Kosoovoo | Laativiyaa | Laaksembargi | Liikteenistaayin | Lituheeniyaa | Maqedooniyaa | Moldoovaa | Monaakoo | Mooltaa | Moonteneegroo | Neezerlaandi | Noorwey | Oostiriyaa | Poolaandi | Poorchugaal | Raashiyaa | Romaaniyaa | Saan Maariinoo | Saayippires | Sarbiyaa | Siwiizerlaandi | Tarkii | Vaatikaan | Xaaliyaanii | Yunaayitid Kingidem | Yuukireen