Raagamtaa
Raagamtaa gosa beekumtaa(qaroola) seeneffama hawaasa gochaalee, raawwilee, amaleeffannaa, amalaa, amantaa irratti xiyyeeffatan ta'anii kan ittiin sababiiwwan taatee tokkoo ittiin ibsataniidha. Fkn: akka qarattoo xiinaadaatii (cultural antropology) raagamtaan dhugaa tokko irratti hunda'a malee lafumaa ka'ee hin seeneffamu. Waa himamuu barbaadame sana waliin walsimachuu qaba. Deebii quubsaa ta'ee tokko ittiin deebisuun amansiisuuf yaala.
Hikkaafi madda jechaa
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Moggaasni „raagamtaa‟ jedhu jechoota ‟raagoo‟ fi „amantaa‟ jedhaman irraa madde. Jechoota lamatu walitti camadamee uumame. Jechi kun Afaan Ingiliiziitiin myth kan jedhamu yoo ta'u, moggaasni myth jedhamu immoo jecha Afaan Giriikii mythos jedhamurraa akka dhufe qorannoon hayyootaa ni mirkaneessa.
Akka kitaabni Encyclopedia of Anthropology (1996) ibsutti:
"The term 'myth' deriving from the Greek mythos is applied to stories culturally treated as sacred truth distinguished from legend whose truth is debatable..."
Yaada kanarraa kan hubatamu, raagamtaan seenaawwan aadaa hawaasaa keessatti akka dhugaa qulqulluutti ilaalaman ta'uu isaati.
Qabiyyee fi Faayidaa
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Raagamtaan amantaa, aadaa fi falaasama uummataa wajjin walsimata. Adeemsa waliin jireenya hawaasaa keessatti osoo seerri barreeffamaa hin uumamin dura, hawaasni falaasamaa fi aadaa isaanii kan ittiin walii qoodaa turan afaaniin ta'uu isaa agarsiisa.
- Madda Ragaa: Aadaan barreeffamaa osoo hin dagaagin fi seenaan dhala namaa barreeffamaan osoo hin jalqabiin dura, raagamtaan akka madda odeeffannoo fi ragaatti fudhatamaa ture (Mulugeetaa, 1999).
- Bu'uura Beekumsaa: Hayyuu Joseph Campbell (1973) akka ibsetti, amantaan, falaasamni, aartii fi guddinni saayinsii fi teknoloojii inni jalqabaa illee bu'uura raagamtaa irraa kan maddeenidha.
- Amantaa Wajjin Walqabachuu Isaa: Hayyuun Leeming (2008) "seeneffamni raagamtaa seenaa amantaa hawaasaati" (mythic narratives are the social stories of religion) jechuun ibsa. Hawaasni dhimma amantaa isaanii irratti ilaalcha gaarii waan qabaniif, raagamtaan aadaa fi amantaa hawaasichaa ammachuun kan seenessuudha.
Gosoota Raagamtaa
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Raagamtaan bakka gurguddoo saditti qoodama:
1. Raagamtaa Uumamaa (Creation Myth)
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Raagamtaan kun uumama waan tokkoo ibsuu irratti xiyyeeffata. Wanti tokko akkamitti uumame? Eenyutu uume? Gaaffiiwwan jedhaniif ija amantiitiin deebii kan kennuudha.
- Fakkeenya: Amantaa jalqabaa Oromoo (Waaqeffannaa) keessatti: "Addunyaa kana irra kan jiru maraa Waaqatu uume. Waaqni waan hundaa beeka. Waaqni qulqulluudha. Waaqni madda dhugaafi jaalalaati" jedhamee amanama.
2. Raagamtaa Ergamtootaa (Deity Myth)
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Raagamtaan kun gocha ergamtoota waaqaa irratti xiyyeeffata. Ergamtoonni adeemsa jireenya isaanii keessatti jagnummaa agarsiisan fi gocha boonsaa raawwatan kan raaganiidha.
3. Raagamtaa Goobangaleessaa (Hero Myth)
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Raagamtaa kana keessatti seenaa goobangaleessa (goota) hawaasa keessatti adda ta'ee dhalatuutu dhihaata. Goobangaleessi kun yeroo hedduu dhala namaa ta'ee kan argamu yoo ta'u, akkaataan uumama isaa namoota kaan irraa adda ta'a.
Inni kan dhalatuuf:
- Ummata tokko irratti rakkoon yoo hammaate,
- Jiruun yoo itti hadhaaye,
- Walii galteen dhabamee fi walitti bu'iinsi yoo finiine,
Waaqayyo faloo kaayuuf goobangaleessa erga. Goobangaleessi kunis rakkoo uummataaf fala barbaaduuf ummata irraa addaan bahuun gocha gootummaa raawwatee furmaata qabatee deebi'a.
Wabii
[gulaali | lakkaddaa gulaali]
- Birhanu, M. (1999). Wirtuu Jildii 8. Fuula 164.
- Campbell, J. (1973). The Hero with a Thousand Faces.
- Leeming, D. A. (2008). The Oxford Companion to World Mythology. Fuula 8.
- Birx, H. J. (Ed.). (1996). Encyclopedia of Anthropology.