Jump to content

Qurxumcuuquu

Wikipedia irraa
(Qurxumcuqaa irra kan qajeele)

Qurxumcuuquu ykn Kalluna cuuquu(Afaan ingiliiziin:- Shark) (Tartiiba Olaanaa Selachimorpha) gossa qurxummi yoo ta'u skeleton (lafe fi kuta nafa jabba bira) Moogaa guttu kan qabufi akkasumas nafi isaa akka bishaan kessa rakko malle demmu danda'u isaa godha. Kan itti hafurra fudhatanin qurxumargansaa bana shan hanga torba ta'un. Kaluunotni dermal denticles (waan akka ilkanii) gogga isaani irra kan qabani yoo ta'an, kunis akka midhama fi parasite irra gogga isaani eega, kana malle akka fluid dynamics (demma bishaan kessa) salpha isaani ta'u godha. Qurxumcuuqootniilkaan ofiin debi'e biqillu danda'u qabu. Predatorotta (binensotta ajjesani nyattan) nama hin galle adunya kessa Qurxumcuuquun tokko dha, yoo nami isaan hin tuqne, nama yerro bayye hin nyattan. Ummatti tilmamaan wagga tokko kessatti Qurxumcuuquu hanga 26-73 kan ijessani yoo ta'an, Qurxumcuuquun garu wagga tokkotti tilmamman nama hanga shan qofa nyattu. Waan guddan nami Qurxumcuuquu ijessuf "fin" (waan harka fakkattu) isaan qabani kessa fudhachuf yoo ta'u, kuni immo Qurxumcuuquu fin soup gochuf fayyadatama. Haa ta'u male Qurxumcuuquuotti bayyen osoo hin bekkin namotta dinagde qurxummi barbadu jirranin qabamu.

Gossi Qurxumcuuquu garagara kan jirru yoo ta'u, kunis Qurxumcuuquuii diqqa harka ga'u pygmy Qurxumcuuquu kan gossa "Euprotomicrus bispinatus" ta'an kan jalla gallanatti argaman, kan 22 centimetres (nine inches) ga'anii jalqabe hanga whale Qurxumcuuquu, kan gossa Rhincodon typus ta'e, qurxumii gudinan tokkoffa ta'e fi kan yoo guddatte tilmaman hanga 12 metres (41 feet) ga'u danda'u jirra. Whale Qurxumcuuquun akkuma great whale, kan nyattu plankton qofa yoo ta'u, akkatan itti nyattus filter feeding jedhama. Bull Qurxumcuuquu, kan gossa Carcharhinus leucas ta'e, gossa qurxummi gallan soda qabu, gallana qulqullu (fresh water) fi delta kessa dakkachu danda'an kessa bekkamicha dha.